bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 18
Acts 18
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
1
Achiin maayii Phaawuloos Ateena'aa bayee gara Qorontoosii dhufe.
2
Nama dhalootaan Phanxoos ta'e namicha Yihuudi'ii ka Aqilaa jedhamu tokko arge, inni hennaa hago'on dura haadha manaa ufii Phirsiqillaa woliin Ixaaliya'aa dhufee ture. Yihuudonni Roomaa keessaa akka bayan Qelaawudoowos waan ajajeef gara isaanii dhaqe.
3
Hujiin isaanii waan tokko ta'eef isaan bira taa'ee isaan woliin hojjata'aa ture. Hujiin isaanii duukkaanaa hodhu'u.
4
Sambata maraa dubbii Rabbii mana sagadaa Yihuudotaa keessatti hima'aa, namoota Yihuudotaatii fi Giriikotallee hubachiisa'aa ture.
5
Sillaasii fi Ximotewoosillee Maqidooniya'aa hennaa dhufan, Phaawuloos ammoo, Yesuus Kiristoosiin akka ta'e Yihuudotatti hima'aa dubbii Rabbiitiin jabaata'aa ture.
6
Haata'uu ammoo hennaa isa mormanii fi arrabsaniin uffata ufii hargufata'aa balleessaa keessaniif isintu gaafatama. «Ani qulqullu'u ammaa achi gara worra Yihuudota hin taanee deema» isaaniin jedhe.
7
Achii bayee gara mana nama Rabbiin kaddaamuu ka Iyyoosxoos jedhamu senne. Manni isaallee mana sagada Yihuudotaa bira.
8
Bulchaan mana sagada Yihuudotaa Qersiphoosillee maatii ufii maraa woliin Goofta'atti amane. Namoota Qorontoosii keessaallee hedduun haga dhagayan amananii cuuphaman.
9
Gooftaan halkan manaabaan Phaawuloosiin, «Ani si woliin jira, eennullee si irratti hamaa godhu'uuf ka ka'u waan hin jirreef hin sodaatiin.
10
Haata'uu ammoo dubbadhu hin cadhisiin qachaa kana keessaa banii hedduu waan qabuuf» jedheen.
11
Jidduu isaanititti dubbii Rabbii isaan barsiisa'aa woggaa fi ji'a jaha taa'e.
12
Hennaa Galyoosi biyya Akaayiyaatitti bulchaa ture, Yihuudonni yaada tokko ta'anii wolii galu'un Phaawuloosiin irratti ka'anii, gara dhaddacha mana murti'ii fidan.
13
«Namni kun seera mormee akka Rabbiin kaddaaman namoota hawata» jedhaniin.
14
Uduu Phaawuloos dubbatu'uuf ta'u Galiiliyoos Yihuudotaan akkana jedhe, «Wonti kun yaada hamaa yookiin dogoggora uduu ta'ee, himmaanaa keessan ani silaa obsaan isinii dhagaya.
15
Waan dubbi'ii tiif, waan maqa'aatiif waan seeraa yoo ka mormitan ta'e isinuu uf eegaa'a; ani waan kana irratti murtessaa ta'u waan naa hin eeyyamamneef, isinummaan fixadhaa'a» isaaniin jedhe.
16
Afoo murtii dhadachaatii isaan baase.
17
Namoonni Giriikotaa maruu bulchaan mana sagada Yihuudotaa Sositeensiin qabanii, dhaddacha afo'otti tumaniin waan kanniiniif Gaaliyoos hajaa hin qabu ture.
18
Achiin maayessa Phaawuloos guyyaa hedduu achi turee amantootatti nagaya dhaamatee markabaan gara Sooriya'aa deeme. Phaawuloos silata Rabbii galee waan jiruuf hulee Kinkira'oos jedhamtuti mataa ufii haadate. Phirisqilla'aa fi Aqilaanillee isa woliin turan.
19
Hennaa Efesooniin gayan, isaan achitti dhiisee ufii ammoo gara mana sagada Yihuudotaa seenee, Yihuudota woliin dubbata'aa ture.
20
Isaanillee hennaa dheeraa akka isaan bira taa'u hennaa kadhataniin, inni ammoo hin dide.
21
Haata'uu ammoo hennaa nagaya isaanitti dhaamate, Ayyaana dhufu Yerusaalemitti dabarsuu na woyya. «Yoo Rabbi jedhe, gara keessanillee hin deebi'a» isaaniin jedhee, Efesoonii markabaan ka'e.
22
Hennaa Qisaariyaa gaye, achii bayee wolda Kiristaanaa nagaya haga gaafateen maayessa gara Anxookiya'aa gadi bu'e.
23
Guyyaa hagoo haga tureen maayessa, achii ka'ee biyya Galaatiya'aatii fi Firgiyaa keessa deema'aa darasoota maraa jajjabeesse.
24
Namichi Yihuudi'ii ka gofti isaa Iskindiriya'aa, ka maqaan isaa Aphiloos jedhamu, ka dubbii beeku, gara Efesoonii gad bu'e. Inni beekkomsa kitaabaatiin jaba'a.
25
Inni nama waan Goofta'aa barate, inni cuuphaa Yohaannis callaa waan beekuuf Ayyaana hinaaffa'aatiin guuttamee waan Yesuusii dubbata'aati midhaassee barsiisa'aa ture.
26
Innillee mana sagadaa Yihuudotaa keessatti ifaan dubbatuu jalqabe. Phirisiqilla'aa fi Aqilaan hennaa dhagayan, fuudhanii waan Rabbii ka duranii caalaa midhaassanii ibsaniif.
27
Innillee gara Akaayiyya'aa hennaa dhaquu barbaade obboleewwan akka isa jajjabeessaniif isa simatan, gara darasootaa xalayaa barreesaniif. Inni haga achi gaye worra badhaadha Ayyaana Rabbiitiin amananiif gargaarsa guddaa ta'e.
28
Yesuus inni Kiristoosiin akka ta'e kitaaba keessaa ibsa'aa, Yihuudota maraa afo'otti jabeessee isaan hubachiisa'aa ture.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28