bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 22
Acts 22
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
1
«Isin obboleewwanii fi abboonii amma yaada kiyya yoo isinii ibsu na dhagayaa'a!»
2
Afaan Ibiraayisxiitiin hennaa inni dubbatu dhageennaan ka duraa caalaa cadhisan. Innillee akkana jedhe.
3
«Ani nama gosa Yihuudi'ii qachaa Xarseesii ta Kiliqiyaa keessatti argamtuuti. Ka itti guddadhe ammo qachaa Yerusaalemii tanatti. Barsiisaan kiyyallee Gamaaliyaali; seera abbootaa midhaassee baradhee, akkuma isin adha gootan kana, Rabbiin Ayyaana isaatiin isaa hojjachu'uuf hinaafa'aa ture.
4
Dhiiraa fi dubartootallee qabee dabarsee gara mana hidha'aa keenna'ati worra amantaa kana hordofan ajeessu'uuf ari'a'aa ture.
5
Akkasuma bulchaan gadootaatii fi manguddoonni maruu ragaa naa bayan. Isaan irraallee akkasuma dhaamsa obboleewwanii fuudhee worra Damaasqoo jiranillee akkasuma hidhamanii akka adabaman gara Yerusaalemii fidu'uuf deema'aa ture.
6
Hennaa Damaasqo'otti dhiyaadhe guyyaa wodhakkaa yoo ta'u, dimmaa sami'ii ifti guddaan naannoo kiyyatti ife.
7
Hennaa san ani hin kufe, ‹Saa'ol, Saa'ol! maaf na ariita?› Laagaa jedhu dhagaye.
8
Anillee deebisee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Innillee, ‹Ani Yesuusii Naazireetii, ka ati ariitu san› naan jedhe.
9
Worri na woliin jiran ifa arganii sodaatan, haata'uu ammoo isaan laagaa inni natti dubbatu hin dhageenne.
10
‹Gooftaa kiyya! Maal godhuu?› jedheen. ‹Ka'iitii, gara Damaasqo'oo deemiitii waan gootuu fi waan ajajame maraa achitti sitti himanii› naan jedhe.
11
Achitti sababaa ifnii guddisee itti ifeef arguu dhabnaan namoonni na woliin jiran harka kiyya qabanii na masakka'aa gara Damaasqo'oo gaye.
12
Namicha Yihuudonni achi jiraatan maruu ragaa bayaniif akka seeraatittillee faateffachu'uun jabaate ka Hanaaniyaa jedhamutu jira.
13
Innillee gara kiyya dhufee na bira dhaabatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol, ijji tee sii haa argitu!› naan jedhe. Anillee hennaa san isa arge.
14
Innillee akkana naan jedhe, ‹Waaqa abbootaa fedha isaa akka beettuuf qajeellummaa akka argituuf afaan isaatii dubbii akka dhageettuuf, durumaa si filateera.
15
Waan argitee fi dhageette nama maraa afo'otti ragaa taataaf.
16
Amma maaf turta? dafii ka'iitii maqaa isaa waama'aa cuuphami, cubbuu keellee dhiqadhu.›
17
«Gara Yerusaalemiillee haga deebi'een maayii mana woyyuu Rabbii keessatti uduu faateffadhu,
18
‹Daddaafii Yerusaalemii bayi waan kiyya yoo raddellee siraa hin fudhatan› hennaa naan jedhu manaabaan arge.
19
Anillee ‹Gooftaa kiyya!, worra sitti amanan mana sagada Yihuudotaa maraa galchu'uuf tuma'aa akka ture isaanuu hin beekan.
20
Worra lubbuun isaanii ciincooftee du'aniif dhiiga Isxifaanoosiin fa'a hennaa jissan, ani ammoo isaan bira dhaabadhee isaaniin wolii galee uffata worra isa ajjeesanii eega'aa ture jedhe.
21
Innillee deemi ani gara worra Yihuudii hin taanee ka biyya fago'oo si erga› naan jedhe.»
22
Haga sagalee kana maraa dhagaya'aa turan qoonqa isaanii ol qabatanii, «Nama akkanaa kana lafa irraa balleessi! Inni lubbu'uun hin jiraatin»! jedhan.
23
Iyyanii uffata isaanii mulqatanii daddarbanii, daaraalee ol facaasan.
24
Ajajaan loltoota kumaa gara gandaa akka galchan ajaje. Sababa maali'iitiif akkana akka iyyan beeku'uuf tuma'aa qoradhaa'a isaaniin jedhe.
25
Teephaan duudhatanii Phaawuloosiin hennaa hidhan ajajaan loltuu dhibbaa ka isa bira dhaabateeruun, «Nama Rooma'aa, murtii malee akka tumtan isinii eeyyamameeraa?» jedheen.
26
Ajajaan loltuu dhibbaallee hennaa dhagaye, gara ajajaa loltuu kumaa dhiyaatee, «Namni kun nama Rooma'aa waan ta'eef, waan godha'aartu irraa uf eegi» jedhee itti hime.
27
Ajajaan loltuu kumaallee itti dhiyaatee, «Ati nama Rooma'aa tii? Natti himi» jedheen. Innillee, «Ee» jedheen.
28
Ajajaan loltuu kumaallee deebisee, «Ani lammummaa kana, birrii hedduun argadhe» jedhe. Phaawuloos, «Ani ammoo isii keessatti dhaladhe» jedhe.
29
Kanaaf worri isa qorachuu yaadan yoosuu isarraa siiqan. Ajajaan loltuu kumaallee akkasuma akka inni nama Rooma'aa ta'e hennaa beeke waan hiisiseeniif hin sodaate.
30
Gaafa lamu'uu sababaa Yihuudonni himataniif maal akka ta'e dhugaa beekuu barbaadee hiikeenii bulchoota gadootaatii fi gumiin maruu akka wol gayan ajajee, Phaawuloosiin gad buusee afoo isaanii dhaabsise.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28