bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 25
Acts 25
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 26 →
1
Fisxoosillee gara godinaa seeneti guyyaa sadihiin maayii Qisaariya'aa gara Yeruusaalemii baye.
2
Mangudoonni gadootaatii fi bulchoonni Yihuudotaa, Phaawuloosiin himatan.
3
Isaan karaa irratti riphanii Phaawuloosiin ajjeesu'uuf waan malataniif, akka inni isaan gargaaree isa Yerusaalemitti ergu Fisxoosiin kadhatan.
4
Fisxoos ammoo, «Phaawuloos Qisaariya'atti akka eeganiin, innillee akka dafee achii deemu deebisee isaanitti hime.
5
Eegsuu yoo namni kun dhara qabaate isin keessaa worri baallii qaban ana woliin bu'anii, haa himataniinii» isaaniin jedhe.
6
Isaan bira guyyaa saddeetii yookiin kudhan taa'ee gara Qisaariya'aa gad bu'e. Bariisaa dhaddacha murti'ii irra taa'ee, Phaawuloosiin akka fidan ajaje.
7
Hennaa dhiyaatellee, worri Yerusaalemii gad bu'an, Yihuudonni marsaniinii dhaabatanii, waan ittiin injifachuu hin dandeenne himannaa gudda'aa fi ulfaataa irratti kaasan.
8
Phaawuloosillee hennaa falmatu, «Seera Yihuudotaa, mana woyyu'uutii fi Qeesaariinillee yoo ta'e waan tokko hin yakkine» jedhe.
9
Fisxoos ammoo Yihuudota gammachisuu barbaadee Phaawuloosiin, «Gara Yerusaalemii deemtee waan kanaaf afoo kiyyatti akka sii muramu feetaa?» jedhee deebiseef.
10
Phaawuloos ammoo, «Ammumaa ani hulee murtee itti argadhu teesso murtee Qeesaarii afoo dhaabadheera. Akkuma attillee sirri'itti beettu, ani Yihuudota womaa hin yakkine.
11
Eeganaa yakkee yookiin waan nama ajjeesisu godhee yoo jiraadhe, du'a jalaa ola hin jedhu. Yoo himannaan na himatan kun duwwaa ta'e ammoo, isaanitti dabarsee ka na kennuu danda'u eennullee hin jiru. Gara Qeesaarii iyyadheera» jedhe.
12
Hennaa san Fisxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Gara Qeesaarii ol'iyyatteertaa gara Qeesaarii deemta» jedhee deebiseef.
13
Guyyaa hago'on maayessa mootichii Agriipha'aa fi Barniiqeen Fiisxoosiin nagaya gaafachu'uuf gara Qisaariya'aa gad bu'an.
14
Guyyaa hedduu waan achi taa'aniif, Fisxoos waan Phaawuloosii mootichaatti akkana jedhee ibseef, «Namichi Filiksi hidhee gad dhiisee deeme tokko asi jira.
15
Uduu ani Yeruusaleemiin jiru, bulchoota gadootaatii fi manguddoonni Yihuudotaa akka isatti murteessu kadhata'aa waan isaa natti himatan.
16
Anillee, ‹Himatamaan afoo himattootaa uduu hin dhaabatin, waan itti himatameef deebii akka kennu carraa uduu hin argatin eennuunillee dabarsanii kennuun seera Rooma'aatii miti› jedhee isaanii deebise.
17
Kanaaf hennaa asitti wol gayan ani uduu hin turiin gaafa lamu'uu dhaddacha murtee irra taa'ee akka nama san fidan ajaje.
18
Worri isa himatullee hennaa dhaabatan, himannaa hamaa ani yaade woyiituu hin himanne.
19
Haata'uu ammoo waan amantaa ufiitii fi waan Phaawuloos jiraata'a jedhu waan du'aa ka'uu Yesuusii irratti isaan wol morma'aa turan.
20
Anillee dubbii tana attamitti akka qoradhu mamee gara Yerusaaleemii deemtee dubbii kana achitti falmaachuu barbaaddaa? jedheen.
21
Phaawuloos ammoo Awugisxoos Qeesaar haga murteessutti akka eeggattu ol iyyannoo hennaa inni jedhe haga gara Qeesaarii erguuf akka eeggatu ajajeen.»
22
Agriiphaanillee Fiisxoosiin, «Nama san ani deebi'ee dhagayuu hin barbaada» jedheen. Innillee, «Boru dhageettaan» jedheen.
23
Bariisaa Agiirpha'aa fi Barniiqeen gaachena gudda'aan dhufanii, ajajaa loltuu kumaatii fi hangafoota qacha'aa woliin gara mana murte'ee seenan. Fiisxoos ajanyaan Phaawuloosiin fidan.
24
Fiisxoosillee akkana jedhe, «Mootii Agriiphaa'a, isinillee namoonni nu woliin jirtan maruu, namichi isin argitan kun ammaa achi lubbu'uun jiraatuun isa hin barbachisu jedhaa'a, baniin Yihuudotaa maruu Yeruusaalemii fi asittillee natti iyyataniiran.
25
Ani ammoo waan isa ajjeesiisaa akka godhee hin jirre hubadheera. Innillee gara Awugisxoos waan iyyateef isa erguu murteesse.
26
Waan isaa gara gooftaa kiyya waan barreessu waan qabatamaa hin qabu. Kanaafuu haga qoratameen maayii waan barreessu akka argadhuuf, afoo keessanitti mootii Agriiphaa keessattuu afoo kee isa dhiyeesse.
27
Hidhamaan yoo ergamu sababaa himatameef qulqulleessanii erguu dhabuun waan gowwummaa natti fakkaatuuf.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28