bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 1
John 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 2 →
1
Durii qaraa fiixee dubbii jira. Dubbiin sun Waaqaa waliin jirti; dubbiin sun Waaqa.
2
Innii qaraa Waaqaa waliin jira.
3
Waan cufaa Waaqii isaan uume, wantii tokkolleen ta isa malee uumamte hinjirtu.
4
Isa keessa jireennaa jira, jireennii sun ibsee namaati.
5
Ibseen dukkana keessatti in ibsiti, dukkantii ammoo takka hindhaanfine.
6
Waaqii nama tokko ka Yoh. aannis jedhan ergee,
7
Innii waan dhugaa himuu dhufe, akka ibsee sun dhugeessee namii cuftii dubbii isaa gula dhugeeffatu.
8
Innii ufii ibseeniti, ammoo ibsee sun dhugeesuu dhufe.
9
Ibseen dhugaa, ta nama cufaa ibsituu, lafaatti dhufu jirti.
10
Innii qaraa lafa jira. Laftii isaan uumamte, laftii ammoo fuula isa hinbaranne.
11
Innii lafa ufiiti dhufee, ammoo gochii isaa isa didde.
12
Ammoo nama isa fudhatee maqaa isaa dhugeeffate cufaa innii akka ijoollee Waaqaa ta'an jabeenna kenne.
13
Warrii sun fedhii namaa gula hindhalanne, yokaan namii warra hindhallee, ammoo Waaqaatti warra dhale.
14
Dubbiin nama taatee, jiddu teenna teetee, nu guddinna isaa agarre, akkuma guddinna ilma tokkochaa ka gara Abbaattii ba'ee, eebbaa fi dhugaan guutamee.
15
Yoh. aannis isaa dhugeessee, qoonqoo olfudhatee, “Kunin ka anin waan isaa dubbadhee, ‘Innii faana tiyya dhufa, ammoo narra guddaa; adoo anin hindhalatin innii duruu jira’ ” jedhe.
16
Eebbitii isaa qixee, yo cufaa guddoo nu eebbisa.
17
Waaqii seera ufii Muuseen namaa kennee, ammoo eebbaafi dhugaan karaa Yesus Kiristootiin dhufte.
18
Namii tokkolleen takka Waaqaa hingarre, ilma tokkochaa, ka Abbaan takkaa, ka dhaattuu Abbaa taa'u malee, isaatti Waaqaa nama beesise.
19
Jennaan jarii gugurdaan Yihudaa ka Yerusaalem, qaallolee fi warra Lawwii Yoh. aannisiitti ergee, “Atin eennuu kana?” jedhee gaafate.
20
Innii diideesee itti himee, “Anin Kiristooniti” jedheen.
21
Jennaan, “Ati eennu ree? atin Eliyaasii?” jedhanii isa gaafatan. Innii ammoo, “Anini isaaniti” jedhe. Warrii “Atin raaga kaanii ree?” jennaan, “Hiyyoo!” jedhee deebiseef.
22
Duuba, “Atin eennu ree? Waan deebinee warra nu ergeeti himnu nutti himi. Atin eennu ufiin jetta?” jedhan isa gaafatan.
23
Yoh. aannis deebisee, “Akkuma raagii isaayaas dubbatee, ‘Anin qoonqoo nama lafa gammoojjiitii iyyuu, ta karaa Aabboo qajeelchaa’ jettu” jedhe.
24
Warrii isaatti ergan fariisota.
25
Duuba warrii Yoh. aannis gaafatee, “Atin yo Kiristoo yokaan, Eliyaas yokaan raaga ka hinta'iinii? Maaf aadaa cuuphamaa namaa kennita ree?” jedhanii isa gaafatan.
26
Yoh. aannis deebisee, “Anin bisaaniin nama cuupha, ammoo jidduu teessan keessa nama isan hinbeenneetti ejja.
27
Innii eegee tiyya dhufa, anin ammoo seemsaa kophee isaallee itti dhi'aadhee hiiku hinmalee” jedhe.
28
Waan kana cufaa Bitaaniya keessatti, galaana Yordaanos gama ila boruu fulaa Yoh. aannis nama itti cuupheetti tolchan.
29
Boriyyaa Yoh. aannis adoo Yesus gara isaa dhufuu jiruu argee, “Laalaa, hoolaa Waaqaa ka cubbuu nama lafaa cufaa fudhatu.
30
‘Kunini nama anin, nama narra jiruuti faana tiyya dhufa, adoo anini hindhalatiin innii duruu jira’ jedhe kaan.
31
Anuu qara isa hinbeeku, ammoo akka innii Israa'elitti mullatuuf bisaaniin nama cuuphuu dhufe” jedhe.
32
Ammallee Yoh. aannis dhugeese, “Anin Hafuura qulqulloo akka sabaliisaa jiru, ka gubbaa gadi bu'ee isa gubbaa ta'uu arge.
33
Anin isa hinbeeku, ammoo Waaqii ka akka anin bisaaniin nama cuuphuu na ergee, ‘Atin Hafuura qulqulloo gubbaa gadi bu'ee nama gubbaa taa'uu agarta; namii sun ka Hafuura qulqulloon nama cuuphu’ naan jedhe.
34
Anuuyyuu akka kunin Ilma Waaqaa yaayyuu argee dhugeese” jedhe. Jara Yesus qaraa foohate
35
Boriyyaa Yoh. aannis adoo jara ufii nama lama waliin jiruu,
36
Yesusii deemuu jiruu millatee, “Laala Hoolaa Waaqaa!” jedhe.
37
Jarii lamaan kaan waan innii jedhe dhageennaan Yesus gula yaa'e.
38
Yesus garagalee, warra isa gula yaa'uu arginaan, “Maan barbaaddani?” jedhee gaafate. Warrii ammoo, “Rabbii, eessa bulta?” jedhee deebiseef (Rabbii jechuun Barsiisaa jechuu.)
39
Innii, “Koottaa, laalaa!” jedhee deebiseefii, warrii dhufee fulaa innii bulu argee, guyyaa sun isa waliin oole; yo'ii sun gara saatii kudhanii kana.
40
Jarii lamaan dubbii Yoh. aannis jedhe dhaga'ee Yesus gula ya'e, sunii tokko Indriiyaas, obbooleessa Simoon Phexros.
41
Innii obbooleesa ufii Simoon barbaadee, “Nu Masiihi ya agarre” jedhee itti hime. (Masiihi jechuun Kiristoo jechuu).
42
Jennaan gara Yesusiitiin dhufe. Yesus isa laalee, “Atiin Simoon, ilma Yoh. aannsii, ammoo armaa achi, ‘Keefaas’ siin jedhan” jedheen. (Keefaas jechuun Phexros yokaan dhakaa jechuu). Yesus Filiphossii fi Naataanaa'el yaama
43
Boriyyaa Yesus Galiilaa dhaquu ka'ee, Filiphos arginaan, “Na gula kootti” jedheen.
44
Filiphosii, Indriiyaasii fi Phexrosiilleen nama dira takkaa; ka dira warraa maqaan Betesayidaa.
45
Filiphos Naataanaa'eli argee jennaan, “Nu namicha Muuseen waan isaa kitaaba seeraa keessatti barreese, ka ammallee raagootiilleen kitaaba ufii keessatti barreesite ya agarre, innii nama Naazireeti, Yesus ilma Yoseef” jedheen.
46
Naataanaa'eli, “Wantii dansaan dandeettee Naazireet keessaa inbaatii?” jedhee Filiphos gaafate. Filiphos ammoo, “Koottii laali!” jedhee deebiseef.
47
Yesus adoo Naataanaa'el gara isaa dhufuu jiruu argee, “Me laalaa nama israa'eli ka dhugaa, ka dhartii tokkolleen isa keessaa hinjire” jedhee waan isaa dubbate.
48
Naataanaa'eli, “Akamiin na beetta? jedhee Yesus gaafate. Yesus deebiseefii, adoo Filiphos si hinyaamiin sii odaa jala teettu si arge” jedheen.
49
Jennaan Naataanaa'eli, “Barsiisaa atin Ilma Waaqaa atin hayyuu Israa'el!” jedheen.
50
Yesus deebisee, “Waan anin ‘Adoo atin odaa jala teettuu si arge’ jedheef dhugeeffattaa? Waan guddoo tana irra jiraa agartaa” jedheen.
51
Jennaan itti ida'ee, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, armaa achi gubbaa banamtee, ergamtootii Waaqaa olii gadi yaatee ilma Namaa irra buutu agartani” jedheen.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21