bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 13
John 13
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 14 →
1
Adoo jiltii dabarsaa jedhan hinga'in, Yesus akka yo'ii innii lafa tana keesaa ka'ee gara Abbaa galu dhi'aate beeke. Innii jara ufii ka lafa tana gubbaa waliin taa'ee akkum qaraa guddoo jaalatee, hagasiillee irra jaalala muummee hinqamne jaalate.
2
Yo Warrii sagalee nyaatee tataa'ee sheexanii laayyuu Yihudaa ka Keriyoti jedhan, ka ilma Simoonii keessa seenee akka innii Yesus gurguru herresiise.
3
Yesus akka Abbaan waan cufaa harka isaa keessa kaa'e, ammallee akka ufiillee gara Waaqaatii dhufee, gara Waaqaatti deebi'u beennaan,
4
sagalee irraa olka'ee, wayaa ufii lafa ka'ee, wayaa diqqoo tokko marxifate.
5
Jennaan bisaan qoriitti buusee, jara ufiitii miila dhiqee, wayaa ufii ta marxifateen miila warraa gosse.
6
Innii fulaa Simoon Phexros ga'ee jennaan Phexros, “Aabboo, atin miila naa dhixaa?” jedheen.
7
Yesus ammoo, “Waan anin ammatana tolchuu jiru atin hinbeettuu, ammoo eegii tanaa inbaratta” jedhee deebiseef.
8
Phexros, “Haga jiruu jireennaallee miila naa hindhixxu!” jedheen. Jennaan Yesus, “Yo anin sii dhiquu baadhee, atin homaa na biraa hinqabdu” jedhee deebiseef.
9
Simoon Phexrosiin, “Miila callaanitii, ammoo harkaafi mataallee naa dhiqi” jedhe.
10
Yesus, “Namii nafa dhiqatee, miila malee, waan itti deebi'ee dhiqatuuf hinqabu, innii ya qulqullaa'e. Isaniin cuftii qulqulloo, tokko malee” jedhe.
11
Innii waan nama isa gurguru beekuuf, tanaaf, “Isan cuftii qulqulloo tokko malee” jedhe.
12
Yesus eegii miila warraa dhiqee wayaa ufii fudhatee, deebi'ee ta'ee “Waan anin isanii tolche beetuu?
13
Isan ‘Barsiisaa, Aabboo’ jettaniitti na yaamtan, akkuma jettaniillee, anuu akkasumaa.
14
Yo anin Barsiisaa fi Aabbaa keessan ta'ee miila keessan dhiqee, isaniilleen miila walii dhiquu maltan.
15
Anin ya akka isaniilleen waan anin isanii tolche tolchitan akeeka isanii kenne.
16
Anin dhuguma, dhugaatiin isanitti himaa, hojjataan nama isa hojjachiifatu irra hinjiru, yokaan ergamaan nama isa ergate irra hinjiru.
17
Isan yo waan kana beettanii tolchitan, kaayoon teessani!” jedhe.
18
“Anin isanii cufaa hinbaanu; nama foohadhe anin inbeeka. Ammoo barreessiin ta, ‘Namii na waliin qixxaa nyaatuu natti garagalaa’ jette guutamuu malte.
19
Armaa achi adoo wantii kun hinta'in isanitti hima, akka yo isiin taate, akka anin isumaa dhugeeffattan.
20
Dhuguma, dhugaatiin waan anin isanitti himuu, namii nama anin ergu fudhatee, nallee ya fudhate; ammallee ka na fudhatuu nama na erge fudhata” jedhe.
21
Yesus eegii waan kana dubbatee guddoo laaleffatee, diideesee himee, “Dhuguma, dhugaatiin waan anin isanitti himuu, isan keessaa, namii tokko na gurgurata” jedhe.
22
Jarii isaa ammoo waan eennuu akka innii dubbate wallaalee walmimillate.
23
Jara isaa keessaa namii tokko, ka Yesus jaalate, bobaa Yesusiitti hirkatee taa'uu jira.
24
Simoon Phexros harkaan isa yaamee, “Namii innii baanu eennu? Gaafadhuu mee” jedheen.
25
Innii, adoo qoma Yesusiitti hirkatuu, “Aabboo, namii ati baantu sun eennu?” jedhee gaafate.
26
Yesus, “Namii anin qixxaa kana cabsee fuutoon tuqee itti kennu isa” jedhee deebiseef. Duuba innii qixxaa fuudhee, fuutoon tuqee Yihudaa Keriyoti ka ilma Simooniitti kenne.
27
Akkuma Yihudaan qixxaa fudhateen, Sheexanii isa keessa seene. Jennaan Yesus, “Waan tolchuu feetu hurrisii tolchi!” jedheen.
28
Namii achi taa'uu tokkolleen waan innii akkasi jedheef hinbeenne.
29
Namii garii waan Yihudaan subba horii harkaa qabatuuf waan Yesus, “Waan nu jilaa feenuu nuu biti!” yokaan, “Hiyyeeyyii horii kenni” jedheen sehe.
30
Jennaan innii qixxaa sun fudhannaan yoma sun alaatti ba'e. Yo sun laftii halkaan.
31
Yihudaan baanaan Yesus, “Amma guddinnii ilma namaa la mullate, guddinnii Waaqaalleen la isa keessaan mullate.
32
Guddinnii Waaqaa yo isa keessaan mullatee, yoos Waaqumaatti guddinna ilma namaallee mullisa, ammallee hurrisee mullisa.
33
Ijoollee tiyya, nu haga diqqaa waliin jira. Isan na barbaaddan, ani ammallee akkuma qaraa Yihudiin jedhee isaniilleen jedhaa, ‘Fulaa anin deemu isan dandeettanii hindhuftani.’
34
Seera haaraa isanii kennaa, akkuma anin isan jaaladhee, isaniilleen akkasuma waljaaladhaa!
35
Yo isan akkanaan waljaalattan namii cuftii akka isan nama kiyyaa inbeeka” jedhe.
36
Simoon Phexros, “Aabboo, eessa deemta ree?” jennaan Yesus, “fulaa anin deemu amma dandeetee na gula hindhuftuu; ammoo eegii tanaa na gula dhufta” jedhe.
37
Phexros ammoo, “Aabboo, maaf amma si gula dhufuu hindandeenne? Anin marroo teetiif indu'aa” jedheen.
38
Jesus ammoo deebisee, “Atin marroo tiyyaaf indootaa? Anin dhuguma, dhugaatiin sitti himaa, adoo kormii lukkuu hiniyyinee, atin marroo sadii na mormatta” jedhe.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21