bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 21
John 21
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
1
Waan kanaan eegee Yesus ammallee fulaa galaana, Xiberiyaas jedhaniitti jara ufiitti ufi mullise. Akkii innii ufi mullise akkana.
2
Simoon Phexrosii, Toomas ka Lakkuu jedhanii, Naataanaa'el ka dira Qaanaa ka lafa Galiilaatii, ilmaan Zabdewosiitii fi jarii isaa lama dhibiin waliin jiran.
3
Simoon Phexros, “Anin qurxummii guuruu dhaqa” warraan jedhe; warriilleen, “Nulleen sii gula yaanna” jedhaniin; duuba warrii ka'ee, hoboloo duude. Halkaan sun ammoo homa tokkollee hinarganne.
4
Eegii boruun diimate, Yesusii mogaa galaanaa ejju argan, jarii isaa ammoo akka innii Yesus hinhubanne.
5
Jennaan Yesus, “Isii ijoollee! Qurxummii wa'ii ufi biraa hinqabdanii?” warraan jedhe; warrii deebisee, “Hinqamnu” jedhe.
6
Innii, “Xuruuraa hoboloo gama mirgaattiin buusaa, inargattani” warraan jedhe. Warriilleen xuruuraa buusee, marroo qurxummiin hedduu taateef olfuudhuu dadhaban.
7
Duuba namichii Yesus jaalatu kaan Phexrosiin, “Namii sunin Aabboo!” jedhe. Simoon Phexros akka innii Aabboo dhageennaan, ka qara qullaa jiru wayaa ufii uyyifatee, galaanaatti gadutaale.
8
Jarii kaan xuruuraa qurxummii miyyuu harkisaa, hoboloo taan keessa dhufe. Warrii qara herregaan ejjata dhibba tokkoo malee lafa irraa fagoo hinjiran.
9
Lafa godduun baanaan ibiddaa cilee qabu, qurxummii ibiddaa irra kaa'anii fi qixxaallee argan.
10
Yesus, “Qurxummii reefuu qabdan irraa koottaan!” jedhe.
11
Duuba Simoon Phexros hoboloo seenee xuruuraa qurxummii gugurddoo dhibbaafi shantamii sadii qabu mogaatti harkise; adoo qurxummiin akkasi hedduu taateellee xuruuraan hincinne.
12
Jennaan Yesus, “Koottaa buudhoo baafadhaa” warraan jedhe. Jara isaa keessa tokkolleen ka garaa jabaatee, “Atin eennu?” jedhee gaafate hinjiru. Wannii akkanaatiif warrii akka innii Aabboo la beeke.
13
Yesus dhufee, qixaa fuudhee warratti kenne; qurxummiillee akkasuma kenne.
14
Eegii du'a keessaa isa kaasan tunin amma marroo sadeessoo ka Yesus jara ufiitti mullate. Yesusii fi Phexros
15
Buudhoo baafannaan, Yesus Phexrosiin, “Simoon ilma Yoh. aannisii! Warra kana irra na jaalattaa?” jedhee gaafate. Phexros, “Ee'ee Aabboo! Akka anin si jaaladhu atuu inbeetta” jedheen. Yesus deebisee, “Ilmoolee hooliyyee tiyyaa soori!” yokaan nyaachisi jedhe.
16
Mar. roo lameessoo innii, “Simoon ilma Yoh. aannisii, na jaalattaa?” jennaan innii, “Ee'ee Aabboo, akka anin si Jaaladhu atuu inbeetta” jedhee deebiseef. Yesus, “Hooliyyee tiyya tissi!” jedheen.
17
Ammallee marroo sadeessoo Yesus, “Simoon ilma Yoh. aannisii, atin na jaalattaa?” jedhe. Phexros waan Yesus marroo sadeessoo, “Atin na jaalattaa?” jedheeniif, garaa ufii keessatti laalefatee, ammoo deebisee, “Aabboo, atin waan cufaa inbeetta, akka anin si jaaladhu atuu inbeetta” jedheen. Yesus, “Hooliyyee tiyya nyaachisi!
18
Anin dhuguma, dhugaatiin siin jedhaa, atin gaafa ka'imooma kankeettii marxifattee gara feetu deemte; gaafa jaartu ammoo harka kankee dheerefatteetti, namii dhibiin hidhaana sii hidhee gara atin hinfeene si geessa” jedheen.
19
(Wantii innii dubbii tana jedheef, akka Phexros du'a duranaa du'uun Waaqaa ulfeessu himuuf.) Eegii akkasi jedhe, “Na gula koottii” jedheen.
20
Phexros garagalee namicha Yesus jaalatu ka Yesus gula deemu arge. Namichii sun ka gaafa guyyaa eegee ka Yesus sagalee jara ergamtoota isaa waliin nyaate, bobaa Yesusiitti hirkatee “Aabboo, eennu ka si gurguru?” jedhe gaafate.
21
Phexros isa arginaan Yesusiin, “Aabboo, yoos, namii kunin maan ta'a?” jedhe.
22
Yesus deebisee, “Yo anin isa haga anin deebi'uutti na eegu fedhee, atin maan irraa qabda? hin yaaliinii anuma gula kootti” jedheen.
23
Duuba oduun, “Namii kun hindu'u” jettu jara Yesusii cufaa geetti. Yesus ammoo “Innii hindu'u” hinjennee, “Yo anin akka innii haga anin dhufuutti na eegu fedhee atin maan irraa qabda?” jedhe.
24
Kunin nama waan kana dhugeessu, ka waan kana cufaa barreessee, akka duubbiin isaa dhugaa nu inbeenna.
25
Ammallee waan hedduu dhibiitti jira ka Yesus tolche. Yo silaa cufaa barreessan, mala kiyyaa, laftiilleen kitaaba hagasii cufaa dandeettee hinfuutu.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21