bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 2
John 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 3 →
1
Guyyaa sadeessoo dira Qaanaa, ka lafa Galiilaa keessa, fuudhaa jira; haatii Yesus achi dhaxxe.
2
Yesusii fi jara isaallee jila fuudhaatti yaaman.
3
Daadhiin waynii hobbaanaan, haatii Yesus, “Warrii daadhii waynii hinqabu” jettee Yeusiitti himte.
4
Yesus ammoo, “Haadoo atin maan narraa qabda? fulaan tiyya hingeenne” jedheen.
5
Haatii isaa hojjattootaan, “Homa innii tolchaa isaniin jedhuu cufaa tolchaa!” jetteen.
6
Okkotee faaraa ja'aatti, ta warrii Yihudii akka aadaa warraa ta qulqulleessaa gula, bisaan keessa dhiqatuutti, achi ejaajja; ta isiin takkattiin buttee afurii shan yokaan diddamaa soddoma qabattu.
7
Yesus warraan, “Bisaan okkotee guguutaa” jedheen jennaaan, warrii guguutee xuxuxuphe.
8
Jennaan Yesus, “Waraabaa, abbaa gololaatti geessaa!” jedheenii, itti geessaan.
9
Namichii bisaan kaan, ka amma daadhii ta'e une. Ammoo fulaa daadhiin baateef, warra bisaan waraabe sunii beeka malee, namichii hinbeeku. Jennaan abbaan gololaa abbaa fuudhaa yaamee
10
“Namii cuftii qaraa daadhii dansaa namaa kenneettii, duuba eegii namii dhugee quufee, ta hagasi hingeennee namaa kenna. Atin ammoo daadhii irra dansaa eegeetti hambiftee amma namaatti kennita” jedhe.
11
Akeekii kun ka qaraa Yesus, dira lafa Galiilaa ka Qaanaa jedhan keessatti tolchee, achiitti guddinna ufii garsiisee, jarii isaa isaatti dhugeeffate.
12
Eegii waan kanaa Yesus haada isaa, obboleeyyaan isaatii fi jarii isaallee waliin Qifirnaahomiitti gadi bu'ee, bultii diqqoo tokko achi taa'e.
13
Jiltii Dabarsaa ta warra Yihudii dhi'aannaan, Yesus Yerusaalem dhaqe.
14
Mana Waaqaa keessatti nama loon, hooliyyee, sabaliisa gurguruu fi, warra horii jijjiiruullee, ka hujjii ufii hojjatu arge.
15
Innii lichoo funnoo midhaaffatee, warra cufaa hooliyyee fi loon isaanii waliin mana Waaqaa keessaa gussee, horii jara beesee jijiiruu cufaa jissee, xerepheesaallee garagagaliche.
16
Warra sabaliisa gurguruun ammoo, “Waan kana armaa balleessaa! Mana Abbaa kiyyaa mana gabaa hintolchinaa” jedhe.
17
Jarii isaa waan durii kitaaba keessatti barreessan, ta “Mar. roo mana keetitii fi garaan na gubata” jettu qaabate.
18
Jennaan warrii Yihudii, “Atin ka waan kana cufaa tolchitu akeeka kami nu garsiifta?” jedhee gaafate.
19
Yesus deebisee warraan, “Isan Mana Waaqaa kana cabsaa! Duuba anin guyyaa sadiitti deebisee jaaraa” jedhe.
20
Jennaan warrii Yihudii, “Mana kana ganna afurtamii ja'aa keessatti jaaraanii, atin guyyaa sadii keessatti dandeettee jaartaa?” jedhee gaafate.
21
Manii innii baanee ammoo nafa isaati.
22
Eegii innii du'a keessaa ka'ee, jarii isaa akka innii waan kana jedhe qaabatee, barreesii fi dubbii Yesus jedheellee dhugeeffate. Akka Yesus nama cufa beeke
23
Adoo Yesus Yerusaalem jiruu, gaafa Jila Dabarsaa jedhan, namii hedduun akeeka innii tolche arginaan, maqaa isaatti dhugeeffate.
24
Yesus ammoo warra ufiiti hinquumne; wantii akkanaatiif innii nama cufaa inbeeka,
25
Ammallee innii waan waan nama cufaa keessa jiraa beekuuf, nama tokkollee ka waan namaa isaatti himu hinfeene.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21