bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 16
John 16
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 17 →
1
“Akka dhugeeffachaan teessan laaftee isan karaa iraa hingore, anin waan kana laayyuu isanitti hime.
2
Manneen waldeennaa keessaa isan yaasani. Tana maleellee, yo'ii namii isan ijjeesu waan Waaqaa hojjatu ufii sehu indhufa.
3
Warrii waan kana cufaa marroo naa fi Abbaa hinbeenneef isan tolcha.
4
Ammoo, akka yo guyyaan sun ga'e, waan anin durii isanitti hime cufaa qaabattan, waan kana qaraa ya isanitti hime. Hujji Hafuura Qulqulloo waan waliin jiruuf, waan kana anin gaafa qaraa isanitti hinhimne.”
5
“Amma ammoo gara nama na ergee gala; isan keessaa namii tokkolleen ka, ‘Garam deemta?’ jedhee na gaafatu hinjiru.
6
Waan anin waan kana isaniin jedheef ammoo, la guddoo laalefattani.
7
Anin ammoo dubbii dhugaa isanitti himaa, yo anin deeme irra isanii jirti; wantii akkanaatiif yo anin hindeemin, qarqaarsii kaan isanii hindhufu. Anin ammoo yo deeme, isa isanii erga.
8
Innii gaafa dhufu, akka cubbuun jirtu, akka qajeelumtiilleen jirtuu fi akka Waaqii wallaala namaatti muru nama hubachiisa;
9
waan warrii natti hindhugeeffanneef, akka cubbuun jirtu ingarsiisa;
10
akka qajeelumaan jirtu, waan anin gara Abbaa dhaquuf, duuba isan itti deebitanii na hinargitan;
11
akka Waaqii wallaala namaatti muru, waan hayyuu lafa tanaa wallaala itti muraaniif.”
12
“Anin ammallee waan hedduu ta isaniin jedhu qabaa, ammoo amma dandeettanii hinfudhattani.
13
Hafuurii dhugaa sun yo dhufu, gara dhugaa cufaa isan geessa; innii waan ufii hindubbatuu, ammoo waan dhagaayee dubbata, waan eegii tanaa dhufaallee isanitti hima.
14
Innii na guddiseetti waan kiyya fuudhee isan garsiisa.
15
Wantii Aabboon qabu cuftii tiyya; tanaaf anin, innii waan kiyya fuudhee isan garsiia isaniin jedha” jedhe.
16
“Bultii diqqoon duubaatti deebitanii na hinagartan; ammallee bultii diqqoon duubaatti deebitanii na agartan” jedhe.
17
Jennaan jarii isaa ka garii, “Wantii innii ‘Bultii diqqoon duubaatti na hinargitan, ammallee bultii diqqoon duubaatti deebitanii na argitan; waan anin gara abbaa kiyyaa dhaquuf’ nuun jedhe kunin maali?” waliin jedhe.
18
Duuba warrii, “Wantii innii, ‘Bultii diqqoon duubaatti’ jedhe tunin maan? Waan innii jedheef hinmidhaafannee” jedhe.
19
Yesus akka warrii isa gaafachuu fedhuu beennaan, “Waan anin, ‘Bultii diqqoon duubaatti na hinargitani’ ammallee, ‘Bultii diqqoon duubaatti deebitanii na agartan’ jedhe sun walgaafachuu jirtanii?
20
Anin dhuguma, dhugaatiin isanitti himaa, isan laaleffattanii boottan, namii lafaa ammoo ingammada; isan laaleffattanii, laalaltii teessan ammoo garagaltee gammada taati.
21
Nadheen yo ciniinsifattu, marroo guyyaan isiin deettu ga'eef inlaalefatti. Isiin ammoo eegii ilmee dhaltee, waan nama lafaatti dhalteef gammachuufuu deebitee laalaala sun hinqaabattu.
22
Tanaaf isan amma laalaala qabdan; ammoo anin deebi'eetti isan arga, garaan keessan ingammada, gammada keessan kana namii tokkolleen danda'ee isan irraa hinfudhatu.
23
Guyyaa sun isan homaa na hingaaffattan; anin dhuguma, dhugaatiin isanitti himaa, waan isan maqaa kiyyaan Abbaa kadhattan cufaa innii isanii kenna.
24
Haga ardhaa isan takka maqaa kiyyaan homaa hinkadhanne; akka gammadii keessan qixaa'u kadhadhaa, inargattan” warraan jedhe.
25
“Waan kana anin mammaassaanii isanitti hime; guyyaan anin danda'ee mammaassaanii isanitti hindubbanne indhufa, ammoo diideesseetti waan Abbaa isan garsiisa.
26
Gaafas isan maqaa kiyyaan kadhattan; ammalleen anin Abbaa isanii kadhadha isaniin hinjedhu.
27
Abbaan ufiiyyuu waan isan na jaalattanii, akka anin gara Waaqaatii dhufe dhugeeffattaniif, isan jaalata.
28
Anin Abbaa biraa ba'ee gara lafaa dhufe; anin ammallee lafa dhiisee gara Abbaa deebi'a” jedhe.
29
Jennaan jarii isaa, “Laal, atin amma mammaassaan hindubbattuu ammoo, diideesitteetti dubbattaa.
30
Nu amma akka atin waan cufaa beettu la hubannee, waan namii wa si gaafatuuf hinqabdu. Waan kanaaf akka atin gara Waaqaatii dhufte dhugeeffanna” jedhe.
31
Yesus deebisee, “Isan ammatana dhugeeffattanii?
32
Laalaa, guyyaan isan gargarii firfirfamtan indhufaa, ammaa ya dhufe; namii cuftii gargarii firfirfameetti, kophaa na lakiftani. Anin ammoo kophaa hinjiru; Abbaa walumaan jiraa.
33
Akka na keessaa nagaa argattan; lafa keessaa dhiphuu argattan, anin waan kana ya isanitti hime; ammoo garaa jabaadhaa! Anin ya lafa dabsadhee” jedhe.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21