bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 6
John 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 7 →
1
Eegii sun Yesus ka'ee gama galaana Galiilaa (yokaan Xiberiyaasitti) taakke.
2
Gumiin guddoon, waan akeeka innii namaan fayyise argiteef, isa gula yaate.
3
Jennaan Yesus gaara tokko koree, jara ufii waliin achi taa'e.
4
Yo sun jiltii warra Yihudii ta Dabarsaa jedhan ya dhi'aatte.
5
Yesus olmillatee jennaan, gumii guddoo isatti dhuftu argee Filiphosiin, “Sagalee jarii kun nyaatu eessaa binna?” jedhe.
6
Innii waan kana Filiphos laalachuuf jedhe malee, ufii isaatii waan tolchu inbeeka.
7
Filiphos deebiseefii, “Sagaleen qarsii dhibba afuriilleen warra kana hingeettu, adoo diqqeessanii qoodaniillee” jedhe.
8
Jarii isaa keessaa namii tokko Indriiyaas obboleessa Simoon Phexros dubbatee,
9
“Gurba tokkootti ka qixxaa garbuu shanii fi qurxummii lama qabu arma jiraa, ammoo tunin nama hagana ga'uu kanaa maan baati?” jedhe.
10
Yesus, “Biyya teteessisaa!” jedhee, fulaa sun buuyyoo dansaa jiraa, tanaaf namii cuftii tata'e. Namii dhiira callaan kuma shan ta'a.
11
Jennaan Yesus qixxaa shanaan kaan guuree, Waaqaa galata galchee, biyya teteettuutti kenne, qurxummiillee akkasuma haga warrii fedhuu kenneef.
12
Biyyiti quuftee jennaan, innii jara isaatiin, “Akka tokkolleen hinbanne hambaa sun walti guuraa” jedhe.
13
Tanaaf hambaa qixxaa garbuu shanaan, ka biyyitii nyaattee hambifte, walti guuranii, daduu kudhanii lamaa guutan.
14
Biyyitii akeeka innii tolche sun arginaan, “Kunin dhuguma raaga silaa lafaatti dhufuu malee” jette.
15
Jennaan Yesus akka warrii isa qabee, irreen hayyuu tolchuu fedhu beennaan, warra biraa ka'ee gara gaaraa kophaa ufii deeme.
16
Laftii galgaloomnaan, jarii isaa fulaa galaanaa dhaqee,
17
hoboloo duudee gama Qifirnaahomiitti taakke. Eegii laftii dukkanoofteellee Yesus warra hindhaqamne.
18
Dhawwaan galaanaa dhuftee, bubbeen guddoo bubbifte.
19
Warrii haga kiiloometrii shanii ja'aa hoboloo deemsisee, Adoo Yesus galaana gubbaa deemaa hobolootti dhi'aatuu argee sodaate.
20
Innii ammoo, “Anaa hinsodaatinaa!” warraan jedhe.
21
Jennaan warrii gammadee isa hoboloo yaabbachiisee; hoboloon yoma sun lafa warrii itti yaa'u geette.
22
Boriyyaa, gumiin guddoon gama galaanaatti hafte taan, akka hoboloon tokko callaan achiitti hafte, akka ammoo Yesus jara ufii waliin hoboloo hinseeniin, akka jarii isa biraa yaa'e hubatte.
23
Jennaan hoboloon dhibiin Xiberiyaa yaatee, fulaa warrii qixxaa Aabboon eebbisee itti nyaate dhufte.
24
Gumiin akka Yesusii fi jarii isaa achi hinjirre arginaan, hoboloo duuddee Qifernaahom dhaxee Yesus barbaadde.
25
Warrii gama galaanaa kaanti Yesus arganii, “Barsiisaa, yoom armaan baate?” jedhanii gaafatan.
26
Yesus warraan, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, wantii na barbaaddaniif waan akeeka argitanifiiniitii, ammoo marroo qixxaa nyaattanii quuftaniif.
27
Sagalee dhumattuu hinhojjatinaa, ammoo sagalee haga jireenna hegerii teettu ta ilmii namaa isanii kennuu hojjadhaa, maaliif Waaqii Abbaan yaayyuu beesisa ufii isa irra keeyyate” isaniin jedhe.
28
Jennaan warrii, “Akka hujii Waaqaa hojjannu maan taanna ree?” jedhe isa gaafate.
29
Yesus warraa deebisee, “Hujiin Waaqaa, akka nama innii erge dhugeeffattan kana” jedhe.
30
Warrii duuba, “Akka nu garree si dhugeeffannuu atin akeeka kam tolchita? Atin maan hojjataa?
31
Abaabootii teenna sagalee ta ‘Maannaa’ jedhan lafa gammoojjii keessatti nyaatte, akkuma barreessiin ‘Innii qixxaa gubbaa warraa kenne’ jettu” jedhaniin.
32
Jennaan Yesus warraan, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, Museen qixxaa Waaqaa gubbaa isanii hin kennine; ammoo Abbaa kiyya ka gubbaa jiruutti qixxaa dhugaa isanii kenna.
33
Qixxaan Waaqii namaa kennu namicha gubbaa gad dhufee jireenna lafaa kennu” jedheen.
34
Warrii, “Aabboo qixxaa kana guyyaa cufaa nuu kenni” jedheen.
35
Yesus, “Qixxaan jireennaa ana. Namii gara kiyya dhufu hinbeela'u, ammallee namii na dhugeeffatu diqqumaallee hindheebotu.
36
Anin ammoo qaraa isaniin, isan na gartanii, ammoo na hindhugeeffattan jedhe.
37
Namii Aabboon naa kenne cuftii gara kiyya dhufa, ka gara kiyya dhufuu aniilleen ufi irraa hingussu.
38
Wantii anin gubbaa gad dhufeef akka fedhi tiyya guutuunitii, ammoo akka fedhi nama na ergee guutu.
39
Namii na ergee Fedhiin nama na ergee tana, akka nama innii naa kenne tokkollee hinballeessuu, ammoo guyyaa muummee kaasu.
40
Wantii Aabboon fedhu, akka namii ilma argee dhugeeffatu cuftii jireenna barabaraa argatu; ammallee anin guyyaa muummee du'a keessaa kaasa” jedhe.
41
Jennaan Yihudiin waan innii “Anin qixxaa gubbaa gad dhufe” ufiin jedheef waan isaa gungumte.
42
Warrii, “Namichii kunin Yesus, ilma Yoseefii ka nu abbaa fi haadha isaa beennuunitii? Innii akkam ammatana, anin Waaqaa gubbaa gad dhufe ufiin jedhaa ree?” jedhan.
43
Yesus warraa deebisee, “Ufii keessatti hingungumiinaa!
44
Namii tokkolleen yo abbaan na erge natti hirkise malee, danda'ee natti hindhufu; ka gara kiyya dhufuu ammoo anin guyyaa muummee du'a keessaa kaasa.
45
Barreessii raagaa keessatti, ‘Nama cufaa Waaqii inbarsiisa’ namii dubbii Abbaa dhaga'ee barate cuftii gara kiyya dhufa.
46
Namii tokkolleen ka Abbaa arge hinjiru, ka gara Waaqaatii dhufe malee, isuma callaatti Abbaa arge.
47
Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, namii dhugeeffatu jireenna barabaraa qaba.
48
Anin qixxaa jireennaati.
49
Abaabooti teessan ta sagalee maannaa jedhan lafa gammoojjii keessatti nyaatee, amma ya raawatte.
50
Kunin qixxaa gara gubbaatii gad dhufe, ka namii isa nyaate hindoone.
51
Anin qixxaa jireennaa ka gubbaa gad dhufe. Namii yo qixxaa kan nyaate haga barabaraa jiraata. Ee ee, qixxaan anin marroo jireenna lafaatiif kennu sunin foon kiyyaa” jedheen.
52
Jennaan Yihudiin, “Isii, namii kun akkam danda'ee akka nyaannu foon ufii nuu kenna?” jettee walimoromitte.
53
Jennaan Yesus warraaan, “Dhuguma, dhugaatiin isaniin jedhaa, Isan yo foon ilma namaa nyaattanii dhiiga isaa dhugu baattanii, jireenni isan keessa hinjiru.
54
Namii foon kiyya nyaatee dhiiga kiyya dhugu jireenna barabaraa qaba, anin guyyaa muummee du'a keessaa kaasa.
55
Wantii akkanaatiif foon kiyya sagalee dhugaati, ammallee dhiigii kiyyaalleen liqimsaa dhugaa.
56
Namii foon kiyya nyaatee dhiiga kiyya dhuguu na keessa jiraata, aniilleen isa keessa jiraadha.
57
Akkuma Abbaan kiyya ka jireenna qabu na erge, aniilleen marroo isaatiif jiraadhu, akkasuma namii foon kiyya nyaatuulleen marroo tiyyaaf jiraata.
58
Kunin qixxaa gubbaa gad dhufe, ka akka abaabooti teessan nyaattee dooteetiiniti. Namii qixxaa kana nyaatu haga hegeriillee hinduu” jedhe.
59
Yesus yo Qifirnaahom keessatti barrisiisee dubbii tana mana waldeennaa keessatti dubbate. Dubbii jireenna barabaraa
60
jarii isaa hedduun akkasi dhageennaan, “Jechii kun jabaa, eentu danda'ee hubata?” waliin jedhe.
61
Yesus ammoo akka jarii isaa waan kana gungumu akkanumaatti beennaan warraan, “Dubbiin tun isan rifachiiftii?
62
Isan yo ilma namaa ka fulaa qaraa jiruutti deebi'u argitan maan taatan?
63
Wantii nama jiraachisaa hafuura Waaqaa; foon homaa hinba'an. Dubbiin anin isanitti hime hafuuraa fi jireenna.
64
Isan ammoo namii garii hindhugeeffattan” jedheen. Yesus haguma qaraatii jalqabee nama isa hindhugeeffannee fi ka isa gurguru inbeeka.
65
Innii ammallee, “Mar. roo waan kanaatiif anin ya isanititi hime, namii tokkolleen danda'ee gara kiyya hindhufu, yo Abbaan tolcheef malee” jedhe.
66
Mar. roo waan kanaatiif jara isaa keessaa namii hedduun isa lakkise gula yaa'uu dide.
67
Jennaan Yesus jara isaa kudhanii lamaaniin, “Isaniilleen yaa'uu feetanii?” jedhe.
68
Simoon Phexros, “Aabboo, eennuu yaanaa? Atin dubbii jireenna barabaraa qabdaa.
69
Nu la dhugeeffanne, ammallee akka atin callaan qulqulloo Waaqaa inbeenna” jedhee deebiseef.
70
Jennaan Yesus, “Anin isanii kudhanii lamaan hinfoohannee? Isan keessaa ammoo tokko Sheexan” isaaniin jedhe.
71
Innii waan Yihudaa ilma Simoon, ka Keriyotii baane. Jara kudhanii lamaan sun keessaa namii isa gurguru Yihudaa.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21