bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 8
John 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 9 →
1
Yesus ammoo gara Gaara Ejersaa jedhanii dhaqe.
2
Laftii bariinaan innii mana Waaqaatti deebi'e. Namii cuftii gara isaa dhufee, duuba innii taa'ee warra barsiise.
3
Jara seera beekuu fi Fariisotii niitii shaarmuxittii yokaan algaltittii takka adoo isiin nama waliin raftuu qabdee isaattiin dhuftee, jidduu biyyaa dhaabachiisan.
4
Isaan ammoo Yesusiin, “Aabboo niitii tana adoo isiin nama dhiiraa waliin raftuu qaban.
5
Duuba seera keessatti Muuseen nadheen akkanaa tana, ‘Dhakaan dhahaa, ijjeesaa’ nuun jedhee; atin ammoo maan jetta?” jedhan.
6
Wantii dubbii sun jedhaniif akka afaan fuudhanii waan himataniin isa irraa argatan, Yesus ammoo gadjedhee, quba ufiitiin lafa tataraare.
7
Adoo warrii isa wa gaafatuu, innii oljedhee warraan, “Isan keessaa namii cubbuu hinqamne ha qaraa dhakaan isii dha'uu” isaaniin jedhe.
8
Ammallee gadjedhee, quba ufiitiin lafa taraare.
9
Warrii dhageennaan namuu tokko tokkoon ka'ee yaa'e, qaraa jaarolleen yaatee, ka'imiilleen gula yaa'e. Adoo niitiilleen achuma isa dura ejjituu Yesus kophaatti lakkisan.
10
Yesus oljennaan isiin, “Intala, beennii si himate meeti? Namii tokkolleen wallaala sitti hinmurree?” jedhee gaafate.
11
Isiin ammoo, “Tokkolleen hinjiru, Aabboo” jette. Jennaan Yesus, “Anilleen wallaala sitti hinmuru. Been, ammoo deebitee cubbuu hinhojjatin” jedheen.
12
Yesus ammallee warratti dubbatee, “Anin ibsee lafaati. Namii na gula dhufu dukkana keessa hindeemu, ammoo ibsee jireennaa argata” jedhe.
13
Jennaan Fariisotii, “Atin ufii dhugeessitaa, dhugeessan tantee dhugaaniti” jetteen.
14
Yesus ammoo deebisee, “Anin yo ufii dhugeessellee, dhugeessaan tiyya ta dhugaati; wantii akkanaatiif anin gara dhufeefiifi gara deemuullee inbeeka.
15
Isan akka aadaa namaa gula murtan, anin ammoo nama tokkolleetti hinmuru.
16
Anin yo mureellee, muraan tiyya ta dhugaati, waan anin kophaa hinjirreef; naa fi Abbaan na erge walumaan jirra.
17
Seera keessan keessatti, ‘Yo dubbii qoran keessatti namii lama dhugaa ta'ee, dubbiin sun dhuga’ jedhanii la barreessan.
18
Anin ufii dhugeessaa, Abbaan na ergeelleen naa dhugeessaa” jedhe.
19
Jennaan warrii, “Abbee eessa jira?” jedhee Yesus gaafate. Yesus deebisee, “Isan na hinbeettan, yokaan Abbaa kiyyaallee hinbeettan. Yo silaa na beettan, Abbaa kiyyaallee inbeettan” jedhe.
20
Yesus mana Waaqaa keessaa, adoo fulaa horii buusan olka'aan bira taa'ee, wa barsiisuu jiruu dubbii tana dubbate. Waan guyyaan isaa qara hingayniif, namii tokkolleen isa hinqamne.
21
Yesus ammallee warraan, “Anin gara dhaqa, isan na barbaaddan, gara anin dhaquullee isan dandeettanii hindhuftanii, tanaaf cubbuu teessaniin dootan” jedhee isaaniitti dubbate.
22
Jennaan Yihudiin, “Innii ufii ijjeesuu fedhaa, ‘Gara anin dhaqu dandeettanii hindhuftan’ jedhaa?” jette.
23
Yesus ammoo, “Isan lafa jalaa tanaa dhuftan, anin ammoo gubbaa gadhufe. Isan ka lafa tanaati, anin ammoo ka lafa tanaatiiniti.
24
Wantii anin, ‘Isaniin cubbuu teessan keessatti dootani’ jedheef tana. Ammallee isan cubbuu teessan keessatti inuma dootan, yo akka anin dhuguma isumaa dhugeeffachuu diddan” jedhe.
25
Warrii isaan, “Atin eennuu kanaa?” jedhee gaafate. Yesus, “Akkuma qaraa anin isanitti hime sun.
26
Anin waan keessan ta dubbadhuufi ta muruullee hedduu qaba, ammoo namii na erge ka dhugaati, ammallee anin waan isa irraa dhaga'ee callaa namaatti hima” jedhe.
27
Warrii akka innii Abbaa baane hinmidhaaffanne.
28
Tanaaf Yesus, “Eegii ilma namaa fanniftan, gaafasi akka anin dhuguma isumaa beettan; ammallee akka anin ufumaan wa hintolchine, ammoo waan Abbaan na barsiise callaa dubbadhuu beettani.
29
Ammallee nama na erge nu walumaan jira; innii kophaatti na hinlakkisu, waan anin guyyaa cufa waan isa gammachiisaa callaa hojjadhuuf” isaaniin jedhe.
30
Innii waan kana jennaan namii hedduun isa dhugeeffate.
31
Jennaan Yesus Yihudii isa dhugeeffateen, “Isan yo dubbii tiyya guuttan, dhugumaan jara kiyya taatan;
32
Dhugaallee inbarattan, dhugaalleen isan balchoomsiti” jedhe.
33
Warrii deebiseefii, “Nu dhaloota Abrahaamiiti, takkumaallee tissee namaa hintaanne; ati akkam, ‘isan balchoomsan’ nuun jetta?” jedhee gaafate.
34
Yesus warraa deebisee, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, namii cubbuu tolchu cuftii garbicha cubbuuti.
35
Garbichii yo cufaa mana keessa hintaa'u, ammoo ilmii yo cufaa inta'aa.
36
Yo Ilmii isan balchoomse akka dhugaa balchoomtan.
37
Akka isan dhaloota Abrahaamii taatan anin inbeeka, ammoo waan dubbiin tiyya isan keessa hinjirreef na ijjeesuu feetan.
38
Anin waan fulaa Abbaa kiyyaatti arge dubbadha, isanilleen waan abbaa keessan irraa dhageettan tolchitan” jedhe.
39
Warrii isaan, “Abbaan keenna Abrahaam” jedhe. Yesus ammoo, “Isan yo silaa ijoollee Abrahaamii taatanii, hujjii Abrahaam hojjate hojjattan.
40
Ammoo amma isan ana nama waan dhugaa ka Waaqaa irraa dhaga'ee isanitti hime, na ijjeesuu feetani; Abrahaam akkasi hintolchine!
41
Isan hujjii abbaa keessanii hojjattan” isaaniin jedhe. Warrii ammoo, “Abberaan nu hindhalchine, abbaa tokko callaa qamna, sulleen Waaqaa” jedhe.
42
Yesus deebisee, “Yo silaa Waaqii abbaa keessan ta'ee, isan na jaalatan; wantii akkanaatiif anin gara Waaqaatii dhufe, yaaduma kiyyaan hindhumnee, ammoo isaatti na erge.
43
Isan maaf dubbii anin jedhe hinhubanne? Wannii isan hinhubanneef dubbii tiyya diqqumaallee dhaga'uu hinfeetan.
44
Abbaan keessan Sheexana, ammallee dharaa abbaa keessanii tolchu feetan. Innii haguma duriitii nama ijjeesaa; waan dhugaan isa keessaa hinjireef dhugaallee homaa irraa hinqabu, Innii yo dhara dubbate akkuma ufii dubbata; maaliif innii kiyyibaa abbaa dharaati.
45
Ammoo waan anin dhuga dubbadhuuf na dhugeeffachuu diddan.
46
Isanii kana keessaa eennuutti takka anaa cubbuu hojjatuu arge? Isan yo anin dhuga dubbadhe, maaf na hindhugeeffanne?
47
Namii Waaqaa dubbii Waaqaa dhaga'aa, isan ammoo waan ka Waaqaa hinta'iiniif, dubbii isaa hindhageettan” jedhe.
48
Yihudiin Yesusii deebichee, “Akkii nu atin nama Samaariyaati, ammallee jinnii qabda jenne dhuganitii?” jette.
49
Yesus, “Anin jinnii hinqabu, anin Abbaa kiyya ulfeessa; isan ammoo na tuffattani.
50
Taatuullee anin ulfina ufii hinbarbaadu. Ka barbaadu tokkotti jira, ka akka dansaa wa muru.
51
Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, namii yo dubbii tiyya jabeesee, du'an wali hinargu” isaaniin jedhe.
52
Yihudiin, “Akka atin jinnii qabdu nu amma hinbeenna! Abrahaam akkuma raagoota dhibii du'e. Atin ammoo, ‘Namii yo dubbii tiyya jabeese, du'an wali hinargu’ jetta.
53
Atin abbaa keenna Abrahaamiifi raagoota doote irra jirtaa? Atin maan ufi seeta?” jedhaniin.
54
Yesus deebisee, “Anin yo ufi saadee, saaduun tiyya homaa hinbaatu. Ammoo Aabbooti ka isan Waaqaa keenna jettaniin na saada.
55
Isan diqqumaallee isa hinbeettani, ammoo anin isa hinbeeka, anin yo, ‘Isa hinbeeku’ jedhee, akkuma keessan kijibaa ta'a; ammoo anin isa hinbeeka, dubbii isaallee hinjabeesa.
56
Abbaan keessan Abrahaam waan guyyaa kiyya arguuf gammade, arginaan qiliixame” jedhe.
57
Jennaan Yihudiin isaan, “Atin ammallee ganna shantamaallee hingeennee, ammoo Abrahaam yaayyuu gartee?” jettee gaafate.
58
Yesus ammoo deebisee, “Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, adoo Abrahaam hindhalatinuu, anin injira” jedhe.
59
Yoosuma warrii Yesus hadhuuf dhakaa guurratee, innii ammoo warraa dhokatee Mana Waaqaa keessaa ba'ee deeme.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21