bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 12
John 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 13 →
1
Guyyaa ja'a Jilaa Dabarsaatiin duraatti, Yesus Bitaaniyaa, fulaa Alaazaar ka innii du'a keessaa kaase jiru dhufe.
2
Achiitti sagalee dhaabaniifii, Maartaan isa gololchite; Alaazaar ammoo warraa Yesus waliin taa'ee sagalee nyaate keessaa nama tokko.
3
Jennaan Maariyaam killa tokko ka waan urgooftu dansaa akka dhadhaa qayyaa, ka hidda mukaa ka, “Naardoos” jedhan irraa hojjatame qabu, ka gatii gudddaa fuutee, miila Yesus dibdee, rifeensa mataa ufiitiin irraa haaxxee urgaan dhadhaa sunii mana sun cufaa qabatte.
4
Ammoo jara Yesusii keessa, namii tokko ka Yihudaa Keriyoti jedhan, ka isa gurguruu fedhu;
5
“Dhadhaa qayyaa kaan maaf qarsii kuma sadiitti gurguraanii hiyyeeyyii hinqoonne?” jedhe.
6
Innii dubbii tana naasu hiyyeeyyitiif hinjennee, ammoo waan hattuu ta'ee, horii subbaatti naqan guuratuuf jedhe.
7
Yesus, “Isii lakkisi! Isiin waan kana ha haga na awwaalaniitti olkeettuuti.
8
Hiyyeeyyi guyyaa cufaa walumaan jirtan, anin ammoo guyyaa cufaa isan waliin hinjiru” jedhe.
9
Yihudiin hedduun akka Yesus achi jiru dhageennaan, Yesus callaa laaluu hindhumnee, ammoo akka Alaazaar ka innii du'a keessaa kaase, argitu dhufte.
10
Tanaaf qaalloleen gugurdoon akka Alaazaariillee ijeechu mari'atte.
11
Waan marroo isaatiif Yihudiin hedduun dhuftee Yesusiitti dhugeeffatteef.
12
Boriyyaa gumiin guddoon ta jilaa dhuftee, akka Yesus Yerusaalem dhufu dhageennaan,
13
dameelee meexxii guurattee fuula keessa isa yaatee, caartee, “Waaqaa faarsaa! Nama maqaa abbootiin dhufu Waaqii haa eebbisuu! Hayyuu Israa'elii Waaqii haa eebbisuu!” jette.
14
Yesus bukura harree arginaan yaabbate; akkuma qaraa barreessiin,
15
“Dira Xiyoon hinsodaatin! Laali, hayyuun kankee bukura harree yaabbatee gara kankee dhufuu jiraa” jettu.
16
Waan kana jarii isaa gaafasi hinhubanne; ammoo eegii Yesus guddinna ufiitiin gubbaatti olgale, akka barreessiin tun waan isaa dubbatte, ammallee akka waan kana isaa tolchan qaabate.
17
Gumiin gaafa innii Alaazaar awwaala keessaa yaamee, du'a keessaa kaase isa waliin jirtu taan, waan gaafasii agarte cufa haasofte.
18
Biyyitii waan akeeka innii tolche dhageeteef fuula keessa isa yaate.
19
Jennaan warrii Fariisotaa, “Laalaa, akka isan homaa hindandeenne, biyyitii lafaa cuftii la isa gula yaatee” waliin jedhe.
20
Namii garii ka akka Waaqaa kadhatu gara jilaa olyaa'e gosa Griikiiti.
21
Jarii kunin Filiphos, nama Betsayidaa ka lafa Galiilaa bira dhufee kadhatee, “Aabboo, silaa Yesus arguu feenna” jedheen.
22
Filiphos gara Indriiyaas dhaqee isatti himee, Indriiyaasa fi Filiphos Yesusiitti himuu dhaxe.
23
Yesus ammoo deebisee, “Guyyaan ilmii namaa guddinna argatu ya dhufe.
24
Anin dhuguma, dhugaatiin isanitti himaa, gumaan dargaayyee tokko yo lafa bu'ee shamee malee, kophuuma ufii taa'aa, ammoo yo shamee biqilee midhaan hedduu baasa.
25
Namii lubbuu ufii jaalatu hindhaba; namii lubbuu ufii jibbu, lafa tana keessatti jireenna barabaraatii fi lubbuu ufii olkeyata.
26
Namii naa hojjatuu na gula deemuu malee; fulaa anin jiru hojjattuun tiyyaalleen jirti. Nama naa hojjatuullee Abbaan kiyya inguddisa” jedhe.
27
“Garaan kiyya ammatana herrega gaargalaa qabaa anin maan jedha? ‘Aabboo, gaargala kana keessaa na baasi!’ jedhaa ree? Hiyyoo. Mar. roo gaargala kanaatiif anin guyyaa kana ga'e.
28
Aabboo, maqaa kankee guddisi!” jedhe. Jennaan qoonqoon tokko Waaqaa gubbaa dhuftee, “Anin yaayyuu guddisee, ammallee itti deebi'ee guddisa” jette.
29
Gumiin ta achi ejaajjitu dhageennaan, “Waaqii ya mandi'e” jette. Ta garii, “Ergamaa gubbaatti isaanii dubbate” jette.
30
Yesus ammoo deebisee, “Qoonqoon tun marroo tiyyaaf hindhumnee, marroo teesaniif dhufte.
31
Ammatana muraatti lafa tana jira; guddaa lafa tanaa ammatana hinballeessan.
32
Aniilleen, yo lafa tanaa oli na fuudhan, nama cufaa ufiiti hirkisa” jedhe.
33
Innii waan kana du'a akkamii akka du'u garsiisuuf jedhe.
34
Gumiin deebichee, “Nu seera keessatti akka Kiristoon haga hegerii taa'u yaayyuu dhageennee; atin akkam ilma namaa lafa tanaa olfuudhuu malan jetta ree? Ilmii namaa kunin eennuu kanaa?” jetteen.
35
Jennaan Yesus, “Ibseen haga diqqaa tokkoo callaa isan waliin jirti; adoo ibsee qabdaanuu yaa'aa! Akka dukkantii isan hindhaqamne. Namii dukkana keessa deemu gara deemu hinbeeku.
36
Akka ilmaan ibsee taatan, adoo ibsee qabdanuu ibsee sunitti dhugeeffadhaa!” warraan jedhe. Yesus waan kana dubbannaan ka'ee warra duraa dhokate.
37
Adoo Yesus akeeka hedduu warra duraatti tolcheellee, warrii isaatti hindhugeeffanne,
38
tunin akka dubbiin raagii Isaayas dubbate guutamtuuf, ta innii “Aabboo, eennuutti dhaamsa keennaa dhugeeffate? Jabeennii Aabboo eennuutti mullate?” jedhe.
39
Mar. roo waan kanaatiif dhugeeffachuu dadhaban, waan Isaayas ammallee dubbatee,
40
“Innii la ila warraa duuchee, qalbii warra dhowee, akka warrii ila ufiitiin argee, qalbii ufitiin baratee, akka anin warra fayyisu gara kiyya hindeebine” jedhe.
41
Wantii Isaayas dubbii tana jedheef, waan innii guddinna isaa argee, waan isaa dubbateef.
42
Taatuullee warrii gugurdaan hedduun Yesus dhugeeffatee; ammoo marroo Fariisota sodaataniif akka mana Waldeennaa seenu warra hindhowarre hinhimanne.
43
Wantii akkanaatiif warrii ulfinna Waaqaa irraa ka namaa fedha.
44
Jennaan Yesus qoonqoo olfudhatee, “Namii na dhugeeffatu, na hindhugeeffatuu, ammoo ka na erge dhugeeffata.
45
Namii na argu ka na ergeellee hinarga.
46
Anin akka namii natti dhugeeffatu dukkana keessaa hinteenne ibsee ta'ee lafa tanaatti dhufe.
47
Anin adoo namii dubbii tiyya dhaga'ee guutuu baateellee, nama tokkollee wallaala itti hinmuru. Wantii akkanaatiif anin wallaala namaatti muruu hindhumnee, ammoo nama baasuu dhufe.
48
Namii na didee dubbii tiyya hinfudhannee, nama itti muru tokko qaba. Guyyaa muummee dubbii anin dubbadhe suniitti wallaala itti mura.
49
Anin yaada kiyyaan hindubbannee, ammoo Abbaa na ergeetti seera natti kennee waan anin dubbadhuu fi waan anin jedhuullee na jechisiise.
50
Ammallee akka seerii isaa jireenna barabaraa namaa kennu hinbeeka. Wantii anin dubbadhu kun waan Aabboon, ‘Dubbadhuu’ naan jedhe” jedhe.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21