bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 19
John 19
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 20 →
1
Jennaan philaaxos Yesus fuudhee, “Lichoon dhaanaa” jedhe.
2
Warrii waraanaa qoraattii akka surree midhaassee, mataa isaatti maree; wayaa diimtuu itti uyyisee, itti dhi'aate,
3
Itti deddeebi'aanii “Hayyuu Yihudii, lubbuun tantee ha dheerattuu!” jedhanii dhabanaasani.
4
Philaaxos ammallee alaatti gadba'ee, “Laalaa! ani akka isan akka ani dabaa homaatuu isa irratti hinargine beetaniif, isa alaatti isanii baasuu jiraa” warraan jedhe.
5
Jennaan Yesus, ka wayaa diimtuufi surree qoraattii qabu, alaatti gad ba'ee, Philaaxos, “Namichii kanaa laalaa!” warraan jedhe.
6
Qaallolee gugurdoo fi warrii waraanaa isa arginaan, “Olfannisi! Olfannisi!” jedhee caare. Philaaxos ammoo, “Isanumaan fuudhaa, olfannisaa; anin waan hamtuu tokkolleen isa irratti hingaree” jedhe.
7
Yihudiin deebichee, “Nu seera tokko qamna; seera keennaa sun gula innii, waan ilma Waaqaa ufiin jedheef du'uu malee” jette.
8
Philaaxos dubbii sun dhageennaan haga qaraallee irra sodaate.
9
Mana mootichaa deebi'ee Yesusiin, “Atin eessaa dhufte?” jedhe. Yesus ammoo dubbachuu dide.
10
Jennaan Philaaxos isaan, “Na jalaa hindubbattuu? Atin akka anin jabeenna siin gadhiisuu fi ka siin fannisuullee qabu hinbeetuu?” jedhe.
11
Yesus ammoo deebisee, “Yo Waaqii sii kenne malee silaa jabeenna wa na tolchituun hinqabdu. Tanaaf nama harka kankeetti na kenneetti irra cubbuu qaba” jedhe.
12
Waan kanaaf Philaaxos isa gadhiisuu fedhee, Yihudiin ammoo, “Yo nama kana gadhiifte atin jaala Qeesaaritiiniti! Namii hayyuu ufi tolchu cuftii nyaapha Qeesaarii” jettee caarte.
13
Philaaxos dubbii tana dhageennaan Yesus alaatti gadbaasee, fulaa cichaa dhakaa jedhan, ta afaan Ibraayisxiitiin, “Gabbataa” jedhan, barcumaa muraa irra taa'e.
14
Guyyaan sun guyyaa waan Jila Dabarsaa kurfeessan, ammallee laftii guyyaa guddaa. Philaaxos Yihudiin, “Hayyuu keessan laalaa!” jedhe.
15
Warrii caaree, “Armaa fuudhi! Armaa fuudhi! Olfannisi!” jennaan Philaaxos, “Hayyuu keessan olfannisaa?” jedhee warra gaafate. Qaalloleen gugurdoon, “Nu Qeesaar malee hayyuu dhibii hinqamnu!” jette.
16
Jennaan Philaaxos akka olfannisan Yesus harka warraatti kenne. Jennaan warrii Yesus irraa fuudhe.
17
Yesus fannoo ufii baatee, gara fulaa, “Buqqee Mat. aa” jedhanii, ta afaan Ibraayisxiitiin, “Golgootaa” jedhanii deeme.
18
Achitti isa fannisan; isa waliin nama lama dhibii, mirgaa fi bitaa isaa ka innii jiddu jiru fannisani.
19
Philaaxos waan tokko ka isaan beesisuu barreessee, fannoo isaa gararrootti maxxanse; barreessiilleen, “Yesus Naazireetii, hayyuu Yihudii” jette.
20
Fulaan Yesus itti fannisan dhaattuu diraa waan taateef, beessisa kana Yihudii hedduutti dubbiise; ammallee afaan Ibraayisxiitiin, ka Roomaatii fi ka Griikiilleen la barreessani.
21
Jennaan qaalloleen Yihudii gugurdoon philaaxosiin, “Hayyuu Yihudii jettee hinbarreessinii, namii kunin, ‘Anin hayyuu Yihuudii ufiin jedhe’ jedhii barreessi” jette.
22
Philaaxos ammoo deebisee, “Waan barreesse yaayyuu barreesse” jedhe.
23
Warrii waraanaa Yesus fannimnaan wayaa isaa fuudhee fulaa afuriitti tokko tokkoon gargarii qoodatee, ammallee hubaara isaallee ka olii haga gadii hodhaa hinqamne fudhate.
24
Duuba warii, “Koottaa hintarsaamnuu, hixaa buufannee nama argatu laalaa!” waliin jedhe. Tunin akka barreessiin ta, “Wayaa tiyya gargarii qoodatanii, hubaara kiyyaallee hixaa buufatan” jettu guutamtuuf. Duuba warrii waraanaa waan kana tolche.
25
Fannoo Yesus dhaattuu, haadha isaatii, areeraa isaatii, Maariyaam niitii Qilophaatii fi Maariyaam Maqdalaatti ejaajje.
26
Yesus haadha ufiitii fi namicha innii jaalatu kaan ka bira ejaajjan argee haadha ufiitiin, “Aayyoo, ilma kankee laali!” jedhe.
27
Jennaan innii namicha kaaniin, “Haadha tantee laali!” jedhe; yoosii jalqabee namii sun mana ufiiti isii galche.
28
Eegii sunii Yesus akka wantii cuftii guutamte beennaan, akka wannii barreessan guutamtu, “Anin dheebuu qaba” jedhe.
29
Fulaa sun qorii miyyuu daadhii dhangaggooftuu waynii qabdu tokkotti ejja; duuba waan akka bututtuu laaftuu tokko daadhii taan keessa kaa'anii, hookkotti fannisanii, afaan isaatti geessan.
30
Yesus daadhii dhangaggooftuu sun afaaniin qamnaan, “La hobaate!” Jedhee mataan gajedhee, lubbuun keessaa baate.
31
Yihudiin marroo guyyaan sun guyyaa kurfeessaa jedhaniif akka reeffii guyyaa Sambataa fannoo irratti hinhamne, Philaaxos kadhate, akka miila warraa cacabsanii reefa achii guuran, waan guyyaan Sambataa guyyaa jabaa taatef.
32
Jennaan warrii waraanaa dhaqee, miila namicha qaraa kaaniifi ka namicha lammeessoo ka isa waliin fannisanillee cacabsee,
33
ammoo fulaa Yesusii geennaan isa ciche arganii, miila isa hincabsine.
34
Hata'uu malee warra waraanaa keessaa namii tokko waraanaan xiixaa waraane jennaan dhiigaafi bisaan baafatan.
35
Namii waan kana arge la dhugeesse, wantii innii dhugeesseelleen dhugaa, akka isaniilleen dhugeeffattan dhugaa dubbatuullee innii inbeeka.
36
Wantii kunin akka barreessiin ta, “Lafee isaa tokkollee hincabsan” jettu guutamtuuf taate.
37
Ammallee barreessiin dhibiin, “Biyyitii namicha waraanaan daawwatti” jette.
38
Waan kanaan duuba namichii Yoseef jedhan ka nama Armaatiyaa tokko, gara Philaaxos dhaqee reeffa Yesus kadhatee; Philaaxos “Ee'ee” jennaan innii dhaqee reeffa Yesus fuudhe. Yoseefiin sunin nama Yesusitii ammoo marroo Yihudii sodaateef ufi dhosse.
39
Niqoodemos ka gaafa qaraa halkaaniin Yesusiitti dhufee qayya haga kiiloo yokaan xaasaa soddomaa, qumbii fi hargeessa walti naqee dhufeen.
40
Warrii duuba Yesus fuudhee akka aadaa Yihudii ta yo nama awwaalanii, wayaa marduufaatiin mamaree qumbii fi qayya ittii naqe.
41
Fulaa isa itti fannisan sun oobruuti jira; oobruu sun keessa awwaala haaraa takka nama itti hinawwaaliniitti jira.
42
Mar. roo guyyaa Kurfeessaa Yihudiitiif, ammallee waan awwaalii sun dhi'oo jiruuf, achitti Yesus awwaalani.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21