bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 5
John 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 6 →
1
Eegii waan kanaa jila warra Yihudiiti jiraa, duuba Yesus Yerusaalem dhaqe.
2
Yerusaalem keessa, dhaattuu, “Karra re'ee” jedhan, haroo tokkotti jira, ta daargulaa shan qabdu ta afaan Ibraayisxiitiin, “Betzaata” jedhan.
3
Achi keessa nama fayyaa dhabe heddhuutti, ballaa, naafaa fi ka kokotta'eetti ciisa. Akka bisaan wacani eegani.
4
Waan marroo garii ergamtootii Aabboo haroo sun keessa seentee bisaan wacisiiftuuf, namii fayyaa hinqamne ka eegii bisaan wacan qaraa haroo sun seenee, dhukkuba taateefuu infayya.
5
Nama ganna sodomii saddeetii fayya dhabaan ciise tokkotti achi jira.
6
Yesus isa argee, akka innii guyyaa hedduu yokaan bara dheeraa achi ciise beennaan, “Fayyuu feetaa?” jedhee gaafate.
7
Namichii fayyaa hinqamne kaan, “Aabboo, anin nama yo bisaan wacan keessa na buusu hinqabu; adoo anin itti hirkifadhuu, namii dhibiin na duraatti seenaa” jedhee deebiseef.
8
Jennaan Yesus, “Ka'ii, itillee tantee fudhaadhuu, deemi!” jedheen.
9
Namichii kaan yoma sun fayyee, itillee ufii fudhatee itti dhaabate. Guyyaan sun warra Yihuditii guyyaa Sambataati.
10
Jennaan warrii Yihudii namicha kaaniin, “Guyyaan kun guyyaa Sambataatii, akkii atin itillee tantee baattee deemtu kun fulaaniti” jedheen.
11
Innii ammoo deebisee, “Namicha na fayyiseetti ‘Itillee tantee fudhadhuu deemi’ naan jedhe” jedhe.
12
Warrii ammoo, “Namii ‘Itillee tantee fudhadhuu deemi’ siin jedhe sun eennu?” jedhee gaafate.
13
Namichii fayyisan kaan nama isa fayyise hinbeeku, waan gumiin achitti baanaan Yesus achii deemeef.
14
Eegii sun Yesus namicha kaan mana Waaqaa keessatti argee, “Me laali, la fayyitte. Itti deebittee cubbuu hinhojjatin, akka waan hagana irra hamtuu hinarganne” jedheen.
15
Namichii kaan deemee, akka namii isa fayyise Yesus, warra Yihudiitti hime.
16
Jennaan warrii Yihudii marroo innii waan kana guyyaa Sambataa tolcheef Yesus gargalche.
17
Yesus ammoo warraan, “Abbaan kiyya yo cufaa hojjataa, anilleen yo cufaa hojjachuu malee” jedhe.
18
Waan kanaaf Yihudiin haga qaraallee irra isa ijjeesu feete, waan innii seera sambataa callaa cabseefiiniitii waan innii “Waaqii Abbaa kiyya” jedhee, akkanaan qixxee Waaqaa ufii tolcheef.
19
Duuba Yesus warraan, “Waan anin dhuguma dhugaatiin isanitti himuu, Ilmii danda'ee ufiin homaa hintolchu, yo waan Abbaan tolchu argu malee. Ilmii waan Abbaan tolchu callaa tolcha.
20
Wantii akkanaatiif Abbaan ilma injaalata, waan ufii tolchu cufa isa garsiisa, ammallee hujji guddoo tana irraa garsiisa, akka isan mamtan.
21
Akkuma Abbaan nama du'e kaasee jiraachisu, Ilmiilleen akkasuma nama fedhu jiraachisa.
22
Abbaan nama tokkolleetti hinmuru, ammoo waan muraa cufaa yaayyuu Ilmaatti kenne,
23
Akka namii cuftii akkuma Abbaa ulfeessan Ilma ulfeessu; namii Ilma hinulfeessinee Abbaallee ka isa erge hinulfeessu.”
24
“Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, namii dubbii tiyya dhaga'ee ka na erge dhugeeffatee, jireenna barabaraa qaba. Isa wallaala itti hinmuran, ammoo ya du'a keessaa ba'ee jireenna argate.
25
Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, yo'ii warrii du'e qoonqoo Ilma Waaqaa dhaga'u, indhufa, ammumaa ya dhufe, duuba warrii isa dhaga'u injiraata.
26
Abbaan akkuma ufii jireenna ufii keessaa qabu, Ilmaallee akka innii akkasuma jirenna ufii keessaa qabaatu tolche.
27
Innii waan innii Ilma namaa ta'eef, yaayyuu jabeenna muraa kenneef.
28
Waan kana hinmamiinaa; guyyaan namii awwaala keessa jiru cuftii qoonqoo isaa dhaga'ee,
29
awwaala keessaa yaa'u, indhufaa; warra waan dansaa tolche kaasaniitti jireenna kennaniif, ka waan hamtuu tolche kaassaniitti wallaala itti murani.”
30
“Anin danda'ee ufiitii homaa hintolchuu, akka Waaqii natti himu gula mura; muraan tiyya ta dhugaati; wantii akkanaatiif anin fedhi tiyya hinbarbaaduu ammoo fedhi abbaa na ergee barbaada.
31
Yo anin ufii dhugeesse, dubbiin tiyya dhugaaniti.
32
Ammoo nama naa dhugeessu tokkotti jira, akka dhugeessaan innii naa dhugeessu tama dhugaa, anin inbeeka.
33
Namii isan nama itti ergitan Yoh. aannis; inniilleen dhugaa sun la dhugeesse.
34
Dhugeessaan namii naa dhugeessu homaa keessa hinjirtu, ammoo akka isan baafamtaniif, anin waan kana dubbadha.
35
Yoh. aannis ibsee bobeettee ibsitu, isan ammoo haga bulti diqqoo ibsee isaatiin gammaduu feetan.
36
Anin dhugaa ta haga ta Yoh. aannisii irra jirtu qaba; hujjiin anin tolchu ta Abbaan ‘tolchi’ naan jedhe, isiin naa dubbatteetti, akka Abbaan na erge garsiifti.
37
Abbaan na erge naa dhugeessa. Isan qoonqoo isaa takka hindhageenne yokaan bifa isaa takka hingarre;
38
ammallee waan nama innii erge dhugeeffachuu diddaniif, dubbii isaa ta garaa keessan keessa teetu hinqabdan.
39
Isan barreessi keessa barbaaddan waan isii keessa jireenna barabaraa argattan ufi seetan. Barreessiinuu ammoo naa dhugeesiti!
40
Taatuullee isan, akka jireenna argattan, natti dhufuu diddani.”
41
“Anin guddinna nama irraa hinbarbaadu.
42
Ammoo anin, akka isan jaalala Waaqaa garaa keessan keessaa hinqamne inbeeka.
43
Anin maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufe, ammoo isan na fudhachuu diddan; yo namii dhibiin maqaa ufiitiin dhufu inuma fudhattan.
44
Isan ka guddinna walirraa argattan malee, guddinna Waaqaa tokkocha irraa dhufu barbaadu diddaniin, akkam dandeetanii dhugeeffattan?
45
Waan anin Aabbootti isan himadhu hinsehiinaa; namii isan himatu tokkoo jira, inniilleen Muusee, ka isan abdattan.
46
Yo Musee dhugeeffattan, silaa dubbii tiyyaallee dhugeeffattan, waan innii waan kiyya barreesseef.
47
Isan ammoo yo waan innii barreesse dhugeeffachuu baattanii, akkam dubbii tiyya dhugeeffattan ree?” jedheen.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21