bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 3
John 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 4 →
1
Fariisoota keessa namicha Niqoodemos jedhan tokkootti jira; innii guddaa warra Yihudii.
2
Innii halkaaniin gara Yesus dhufee, “Rabbii, akka atin barsiisaa gara Waaqaatii dhufee, nu inbeenna; waan namii tokkolleen, yo Waaqii isa waliin jiraate malee, akeeka atin tolchitu kana danda'ee hintolchineef” jedheen.
3
Yesus, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, yo marroo lameessoo dhalate malee, namii tokkolleen danda'ee Mootummaa Waaqaa hinargu” jedhe.
4
Niqoodemos, “Namii eegii jaaree akkamiin danda'ee dhalata? Danda'ee marroo lameessoo garaa haadhaatti deebi'ee indhalataa?” jedhee Yesus gaafate.
5
Yesus deebisee, “Anin dhuguma dhugaatiin sitti himaa, namii yo bisaanii fi Hafuura Qulqulloon dhalate malee, danda'ee Mootummaa Waaqaa hinseenu.
6
Nafii nafa dhalaa, hafuurii hafuura dhala.
7
Waan anin marroo lameessoo dhalachuu maltan, isaniin jedheef hinmaminaa.
8
Bubbeen gara ufii feetu deemti; atin shaawisaa isii dhageetta malee, gara isiin dhuftuuf yokaan gara isiin deemtu hinbeetu. Namii hafuuraan dhalatuulleen cuftii akkasuma jira” jedhee deebiseef.
9
Niqoodemos, “Wantii kun akkam dandeettee taati?” jedhee gaafate.
10
Yesus deebiseefii, “Atin barsiisaa Israa'el taatee, haga ammaallee waan kana hinmidhaaffannee?
11
Anin dhuguma dhugaatiin, sitti himaa, nu waan beennu dubbannaa, waan arginne dhugeesinna, isan ammoo dubbii teenna dhugeeffachuu diddani.
12
Yo waan lafaa, ka anin isanitti himee hindhugeeffatinii, akkam dandeettanii waan gubbaa ka anin isanitti himu dhugeeffattanii?
13
Ilma namaa tokkocha, gubbaa gad bu'e malee, namii tokkolleen ka takkuma gubbaa dhaqe hinjiru.
14
Ilma namaallee akkuma Muuseen lafa gammoojjii keessatti bofa fannisee, akkasuma fannisuu malani,
15
akka namii isaatti dhugeeffatu cuftii jireenna barabaraa argatu.
16
Waaqii waan guddoo lafa jaalateefii, ilma ufii tokkocha namaa kenne, wantii akkanaatiif, akka namii isaatti dhugeeffatu cuftii jireenna barabaraa argata malee hinbanne.
17
Waaqii ilma ufii akka wallaala namaatti muruuf lafaatti hinerginee, ammoo akka nama baasuuf erge.
18
Nama isa dhugeeffatu wallaala itti inmurani; ka hindhugeeffanne ammoo, waan innii maqaa ilma Waaqaa tokkochaa dhugeeffachuu dideef duruu itti muran.
19
Muraan suniilleen tana, Ibseen lafaatti dhufe, biyyitii ammoo waan hujjiin warraa hamtuu taateef, ibsee sun irra dukkana jaalatti.
20
Namii waan hamtuu hojjatu cuftii ibsee jibba, akka hujjiin isaa hinmullanne, gara ibsee hindhufu.
21
Namii waan dhugaa hojjatu ammoo ibseetti ba'a, akka akkasiin marroo innii Waaqaa saalfateef hujjiin isaa mullattu” jedheen.
22
Eegii waan kanaa, Yesusii fi jarii isaa lafa Yihudaa dhaqee, Yesus achiitti jara waliin ta'ee nama cuuphe.
23
Yoh. aannisiilleen gaafas Enon ta dhaattuu Saalemittii, nama cuuphuu jiraa; waan bisaan guddoon achii jiraaniif biyyiti gara isaa dhuftee innii warra cuuphe.
24
Yoh. aannis gaafas mana hidhaansaa keessatti hinhinne.
25
Jara Yoh. aannisiitii fi namichii Yihudii tokko waan aadaa qulqulleeffachaa walmormanii,
26
jennaan warrii gara Yoh. aannis dhufee, “Barsiisaa namichii Yordaanos gama ila boruu si waliin jiru kaan, ka atin waan isaa dubbatte me laal, kunoo, inniilleen nama cuuphaa, namii cuftii gara isaa yaa'uu jiraa” jedhe.
27
Yoh. aannis deebisee, “Namii waan Waaqii kenneef malee, danda'ee homaa hinargatu.
28
Akka anin ‘Ani Kiristoonitii, ammoo isa dura na ergan’ ufiin jedhee isanuu dhugaa tiyya.
29
Intaltii fuudhan tama abbaa fuudhuuti; ammoo namii fuudha gula dhaqee bira ejjee caqasa, yo qoonqoo isaa dhaga'ee ingammada. Tanaaf gammadii kiyya kunin ammatana la qixaa'e.
30
Innii guddaatee, anin diqaachuu malee” jedhe. Nama gubbaa gad dhufu
31
Namii gubbaa gad dhufuu, nama cufaa irra jira; ka lafa irra taa'uu, ka lafaati, ammallee waan lafaa haasa'a. Ka gubbaa gad dhufu nama cufaa irra guddaa.
32
Innii waan argee dhaga'ee dhugeesa, ammoo namii tokkolleen ka dubbii isaa dhugeeffatu hinjiru.
33
Namii dubbii isaa dhugeeffatu, akka Waaqii dhugaa dubbatu tanaan beesisa.
34
Namii Waaqii erge sun dubbuma Waaqaa dubbata, waan Waaqii Hafuura ufii cufaa isaa kennuuf.
35
Abbaan ilma jaalatee, waan cufaa harka isaatti kenne.
36
Namii ilmaatti dhugeeffatu jireenna barabaraa qaba; namii ilmaatti dhugeeffachuu didu ammoo haguma jiruu jireennaallee jireenna hinargatuu, Waaqii haga jiruu jireennaallee isaatti dallana.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21