bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 4
John 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 5 →
1
Fariisootii akka Yesus Yoh. aannis irra nama hedduu ufiiti yaamee cuuphe dhageete.
2
Yesus ammoo harka ufiitiin nama hincuuphne, jara isaati nama cuuphe malee.
3
Yesus waan biyyitii jettu dhageennaan Yihudaa ba'ee Galiilaa dhaqe.
4
Innii yo lafa sun dhaqu silaa Samaariyaa keessa dabruu malee.
5
Jennaan dira Samaariyaa ka Siikaar jedhan tokko, ka oobruu qaraa Yaaqob ilma ufii Yoseefii kenne dhaattuu jiru tokkon ba'e.
6
Eela Yaaqob tokkotti arti jira. Jennaan Yesus karaa deemee dadhamnaan, eela sun bira taa'e. Yo'ii sun guyyaa guddaa.
7
Niitiin Samaariyaa tokko bisaan waraabbachuu dhumnaan Yesus, “Bisaan na obaasi” jedheen.
8
(Jarii isaa yo sun yaayyuu sagalee bituuf dira dhaqe.)
9
Niitiin Samaariyaa sun isaan, “Atin gosa Yihudiitii; anin niitii gosa Samaariyaatii; atin akkam jettee bisaan na kadhatta?” jettee gaafate. (Wantii isiin akkasi jetteef Yihudiin gosa Samaariyatiin wal hinbeetu.)
10
Yesus ammoo deebisee, “Atin yo silaa kennamsa Waaqaa beettee, ammallee nama, ‘Bisaan na obaas siin’ jedhu kana beettee, sittuu bisaan jireennaa isa kadhatta” jedheen.
11
Niitiin taan, “Aabboo, atin waan waraabduun hinqabduu, eeliilleen guddoo gad qilee, eessaa bisaan jireennaa sun argatta ree?
12
Atin abbaa keenna Yaaqob, ka eela kana ufii dhugee, ilmaanii fi horii ufii obaasee, nullee kenne irra jirtaa?” jettee gaafate.
13
Yesus deebiseefii, “Namii bisaan kana dhugu cuftii deebi'ee dheebota,
14
ammoo namii bisaan anin kennuuf dhuguu haga jiruu jireennaallee deebi'ee hindheebotu; wantii akkanaatiif bisaan anin kennu sunii burqaa ta'aniitti isa keessaa maddanii, haga jiruu jireennaallee deebi'ee hindheebotu” jedhe.
15
Niitiin sun, “Aabboo, bisaan kana naa kenni, akka hindheebonne, yokaan akka deebi'ee arma dhufee bisaan hinwaraamne” jette.
16
Yesus, “Beenii dhaqii, dhiirsa kankee yaamii, armaani koottii” isiin jedhe.
17
Niitiin deebiftee, “Anin dhiirsa hinqabu” jetteen. Yesus, “Atin dhuguma, ‘Anin dhiirsa hinqabu’ jette.
18
Waan dhiirsa shan qabduuf namichii atin amma waliin jirtu sunilleen dhiirsa keetiiniti, tana dhuguma baante” isiin jedhe.
19
Arma irratti niitiin taan, “Aabboo, anin akka atin raagaa yaayyuu arge.
20
Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqaa kadhatte, isaniin Yihudii ammoo, ‘Fulaan Waaqaa itti kadhachuu malan Yerusaalem’ jettan” jette.
21
Yesus isiin, “Niitii tana, na dhugeeffadhuu! Guyyaan isan gaara kanaa fi Yerusaalem keessaalleetti Abbaa hinkadhanne indhufaa!
22
Isaniin Samaariyaa waan hinbeene kadhattan, nu ammoo waan beennu kadhanna; baafamii gara Yihudiitii dhufa.
23
Ammoo guyyaan namii akka dhugaa kadhatu, hafuura ufii dhugaan abbaa kadhatu indhufa, ammallee arma jira. Abbaan nama akkana isaa kadhatu kana barbaada.
24
Waaqii hafuuraa, namii isa kadhatu hafuura ufii ka dhugaatiin kadhachuu malee” jedhe.
25
Niitiin taan, “Akka Maasiihiin, ka Kiristoo jedhan dhufu anin inbeeka. Innii gaafa dhufu waan cufaa diideseetti nu barsiisa” jette.
26
Jennaan Yesus, “Ka amma siin dubbachuu jiru kunuu isuma” isiin jedhe.
27
Yoma sun jarii isaa dhufee, waan innii niitii taaniin dubbateef mame. Ammoo namii tokkolleen, “Atin maan barbaadda?” yokaan, “Maaf isiin dubbatta?” hinjenneen.
28
Jennaan niitiin taan buttee ufii achumaaatti lakkiftee, diraatti deebittee biyyaan,
29
“Koottaa, nama waan anin durii tolche cufa natti hime laalaa. Kun Kiristoo ta'uu hindandaa?” jettee gaafate.
30
Warrii diraa ya'ee gara Yesus dhufiisaa karaa dacha'e.
31
Yo sun jarii isaa, “Aabboo, sagalee nyaadhu” jedhee isa kadhate.
32
Innii ammoo, “Anin sagalee isan hinbeenne qaba” jedhee warraa deebise.
33
Jennaan jarii isaa, “Isii namaatti sagalee dhufeeniifii?” jedhee walgaafate.
34
Yesus, “Sagaleen tiyya akka anin fedhii nama na ergee guutee hujii isaa hobbaasu.
35
Isan Ji'a afuriin duuba muraa midhaanii jettaniyuu? Anin isanitti himaa, iluma teessaniin oobruu milladhaa, akka bilchaattee muraan geettee laalaa.
36
Namii muru gatii ufii inargata, ammallee innii midhaan jireenna barabaraa walti guura; akka namii oobruu fi ka muruulleen waliin gammadu.
37
Mammaassii, ‘Namii tokko infacaasa, ka dhibiin inmura’ jedhu sun armaatti dhugaa.
38
Anin akka isan midhaan ufii hinoobriin murtani isan erge; nama dhibiin qotee ammoo isan bu'aa argattani.”
39
Namii dira Samaariyaa hedduun marroo niitiin, “Innii waan anin durii tolche cufaa natti hime” jette suniif Yesus dhugeeffate.
40
Tanaaf namii Samaariyaa hedduun isaatti dhufee, akka innii warra waliin taa'u kadhatee; Yesus guyyaa lama warra waliin taa'e.
41
Warra sun malee namii hedduun, marroo dubbii isaatiif, isaatti dhugeeffate.
42
Warrii niitii taaniin, “Nu marroo dubbii teetiitiif hindhugeeffannee, ammoo marroo gurra keennaan dhageenneef, akka innii dhuguma baasaa lafa cufaa ta'ee inbeenna” jedhe. Akka Yesus ilma jaallabdicha tokkoo fayyise
43
Guyyaa lama achi keessa oolaan, Yesus achii deemee Galiilaa dhaqe.
44
Wantii akkanaatiif Yesus qaraa, “Raagii lafa ufii keessatti ulfinna hinqabu” jedhee dubbate.
45
Warrii Galiilaa waan gara jila dabarsaa dhaqee, waan innii guyyaa jilaa Yerusaalemitti hojjate cufaa argeef, innii Galiilaa dhumnaan isa keessummoomse.
46
Jennaan Yesus fulaa bisaan itti Daadhii waynii tolche dira Qaanaa ka Galiilaatti deebi'e. Jaallabdicha ilmii isaa fayyaa dhabe tokkotti Qifernaahom keessa jira.
47
Akka Yesus Yihudaa ba'ee Galiilaa dhufe dhageennaan, namichii gara isaa dhaqee akka innii dhufee ilma isaa ka diqumaa hindu'iin fayyisuuf kadhate.
48
Jennaan Yesus, “Isan yo akeekaa fi waan mamaa argitan malee, diqqumaallee hindhugeeffattan” jedheen.
49
Jaallabdichii kaan, “Aabboo adoo gurbaan kiyya hindu'iin kootti” jedhee kadhate.
50
Yesus deebisee, “Beenii ilmii kankee infayaa!” jedhe; namichii kaan dubbii Yesus isaan jedhe dhugeeffatee, ka'ee gale.
51
Adoo innii galuu jiruu, hojjattootii isaa fuula keessa dhuftee, “Gurbaan kankee miira qaba” jette.
52
Jennaan innii saatii gurbaa miirii itti deebi'e gaafatee, warrii, “Kalee yoma tana saatii torbaatti, qandhoon isa irraa galte” jedhe.
53
Jennaan abbaan gurbaa akka yo Yesus, “Ilmii kankee infayya” isaan jedhee beekee, isaa fi warrii isaalleen cuftii dhugeeffate.
54
Kunin akeeka lameessoo ka Yesus, eegi Yihudaa ba'ee Galiilaa dhufe tolche.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21