bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 9
John 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 10 →
1
Yesus adoo deemuu jiruu, nama tokko ka haga dhalatee ballaa arge.
2
Jarii isaa, “Aabboo, nama kana moo haadhaa fi abbaa isaatti cubbuu hojjate, ka innii ballaa dhalate?” jedhee gaagate.
3
Yesus deebiseefii, “Namii kulleen yokaan warrii isaalleen cubbuu hinhojjanne; ammoo akka hujjiin Waaqaa isa keessatti mullattuuf innii ballaa dhalate.
4
Nu hujjii nama na ergee adoo laftii guyyaatuu hojjachuu mallee, halkan namii tokkolleen danda'ee hinhojanne hindhufanii.
5
Anin haga lafa keessa jiru ibsee lafaati” isaaniin jedhe.
6
“Akkuma tana jedheen, hancufa lafaatti tufee, biyyee harkaan suphee, dhoqqee sun ila namichaa dibee,
7
Beenii, bisaan Siilo'am dhiqadhuu” jedheen, (Siilo'am jechuun ergaa jechuu.) Jennaan innii dhaqee dhiqatee, ka lafa argu deebi'e.
8
Ollaa fi namii durii isaa wa kadhatuu arge, “Namichii kunin ka durii ta'ee wa kadhatu kaaniinitii?” jedhee walgaafate.
9
Namii garii, “Ee'ee isuma” jedhee, ka garii ammoo, “Hiyyoo isaanitii, ammoo isa fakkaata” jedhe. Innii ammoo, “Anin isuma” jedhe.
10
Jennaan warrii, “Ilti tantee lachuu akkamin banamte ree?” jedhee gaafate.
11
Innii deebisee, “Namichii Yesus jedhan kaan biyyee suphee, ila tiyya dibee, ‘Siilo'am dhaqii, fuula dhiqadhuu’ naan jedhee jennaan, anin dhaqee dhiqadhee lafa arge” jedhe.
12
Warrii, “Me innii?” jedhee gaafate; innii ammoo, “Anin hinbeeku” jedhee deebiseef. Akka Fariisotii fayyisaa sun laallatte
13
Warrii namichaa durii ballaa sun Fariisotaatti geesse.
14
Guyyaan Yesus dhoqqee suphee ila isaa bane sun guyyaa Sambataa.
15
Fariisotii akka iltii isaa banamte ammallee isa gaafattee, namichii, “Innii dhoqqee ila tiyya dibee, anin fuula dhiqadhee, duuba lafa arge” jedhe.
16
Fariisota keessaa namii garii, “Namichii kunin ka waan kana tolche, innii waan seera sambataa hineeneef, gara Waaqaatii hindhumne” jedhee, ka garii ammoo, “Namii cubbuu qabu akkam danda'ee waan akkanaa kana tolcha?” jedhe. Jennaan gargarii ba'an.
17
Ammallee marroo lameessoo namicha ballaa kaaniin, “Atin namicha kanaatti ila naa bane jettaa, amma waan isaa maan jetta?” jedhaniin.
18
Yihudiin akka innii duraan ballaa, amma ammoo lafa arge dhugeeffachuu didde, haga haadhaa fi abbaa isaa ufiitti yaamtee hingaafatin cufa.
19
Duuba warraan, “Kunin ilma keessanii? Innii ballaa dhalatee? Innii amma akkamiin lafa arga ree?” jettee gaafate.
20
Warrii isaa deebisee, “Akka innii ilma keennaa nu inbeenna, ammallee akka innii ballaa dhalateellee inbeenna.
21
Ammoo akka innii amma lafa argu nu hinbeennu; nama ila isaa baneellee nu hinbeennu; innii nama guddaa, ufii dubbachuu dandaa isuma gaafadhaa mee” jedhe.
22
Wantii haadhaafi abbaan isaa waan kana jetteef Yihudii sodaate; waan Yihudiin akka nama Yesus jedhu cufaa mana waldeennaa keessaa gussitu walmari'aateef.
23
Tanaaf warrii isaa, “Innii nama guddaa, isa gaafadhaa” jedhe.
24
Ammallee marroo lameessoo warrii namicha ballaa kaan yaamee, “Waaqaa duraatti dhugaa dubbadhuu! Nu akka namichii kunin cubbichaa inbeennaa” jedheen.
25
Namichii ammoo, “Nama cubbuu ta'uullee anin hinbeeku. Ammoo waan tokko inbeeka; anin qara ballaa, amma yaayyuu lafa arge” jedhe.
26
Jennaan isaan, “Innii maan sii tolche? Akkam ila sii bane?” jedhanii gaafatan.
27
Innii, “Anin reefuu laayyuu isanitii hime, ammoo caqasuu diddani. Maaf marroo lameessoo dhaga'uu feetan? Isaniilleen jara isaa ta'uu feetanii?” jedhee deebiseef.
28
Jennaan isa arabsanii, “Sitti nama isaatii, nu ammoo nama Muuseeti.
29
Akka Waaqii Muuseen dubbate nu inbeenna; ammoo namicha kana gara innii ba'eefuu hinbeennu” jedhan.
30
Namichii kaan warraan, “Ehaayii, tunin waan mamaati! Isan gara innii ba'eefuu hinbeettanii innii ammoo naa ila bane!
31
Akka Waaqii cubbicha hincaqamne inbeenna; ammoo nama Waaqaa kadhatee fedhii isaa guutuu Waaqii incaqasa.
32
Haga laftii uumamtee, nama nama ballaa dhalate ila banu takka hindhageenne.
33
Namichii kunin yo gara Waaqaatii hindhufin danda'ee homaa hintolchu” jedhe.
34
Warrii deebisee, “Atin namii ufiiftuu cubbuu keessatti dhalatteetti, amma teetee nu barsiiftaa?” jedhee, alaatti isa gusse. Ballooma hafuuraa
35
Yesus akka alaatti isa gussani dhageennaan barbaadee, “Atin ilma namaa dhugeeffattaa?” jedhee gaafate.
36
Namichii ammoo, “Innii eennu, Aabboo, akka anin dhugeeffadhu?” jedhe.
37
Yesus, “Atin yaayyuu agartee, kama siin dubbatu kanaatti isa” jedhe.
38
Jennaan namichii, “Aabboo, la dhugeeffadhe” jedhee, jilbiiffatee isa ulfeesse.
39
Yesus ammoo, “Anin muraaf lafa tana dhufe, akka ballaan lafa argee ammoo ka ila qabu ballaa ta'u” jedhe.
40
Fariisotii ta isa waliin jirtu waan kana dhageennaan, “Nutti ballaa ree?” jette.
41
Yesus warraan, “Isan yo silaa ballaa taatan, cubbuu hinqabdan; ammoo ammatana isan, ‘Nu lafa agarra’ ufiin jettan; tanaaf cubbuun teessan isan irratti hafti” jedhe.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21