bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 20
John 20
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
1
Guyyaa qaraa ka torbaan sunii, Maariyaam Magdaalaa, adoo laftii hinbariin, ganamaan gara awwaalaa dhaxee, dhakaa awwaala irraa gangalchan argite.
2
Jennaan isiin utaaltee, gara Simoon Phexrosiifi gara namicha Yesus jaalate kaanii dhaxee, “Aabboo ya awwaala keessaa fuudhan, ammallee fulaa kaa'aniillee nu hinbeennu” jette.
3
Jennaan Phexrosiifi namichii kaan gara awwaalaa dhaqan.
4
Warrii lachuu waliin ori'ee, namichii kaan ammoo Phexros qolchee, duraatti awwaalaan ba'e.
5
Gajedhee, keessa laalee, wayaa marduufaa ta lafa teettu arge, ammoo awwaala keessa hinseenne.
6
Jennaan Simoon Phexros isa gula dhufee, awwaala keessa seenee, wayaa marduufaa ta achi teettu arge.
7
Surree qara mataa Yesusiitti maraniillee ta wayaa marduufaa sun waliin hinjire ta ammoo walti dachaasanii kophaa kaa'an arge.
8
Jennaan namichii kaalleen, ka duraatti awwaalaan ba'e, keessa seennee argee dhugeeffate.
9
Warrii qara barreessii ta, “Yesus du'a keessaa ka'uu malee” jettu hinhubanne.
10
Jennaan jarii Yesusii sun ka'ee mana ufiiti gale.
11
Maariyaam ammoo alaan awwaala bira ejjitee boote. Duuba adoo bootuu, gajettee awwaala keessa millattee,
12
ergamtoota Waaqaa lama ta wayaa adaadii uyyfattee, fulaa qara reeffii Yesus ciisu, tokko gama mataatiin, kaan ammoo gama miilaatiin teteettu garte.
13
Warrii isiin, “Intala, maaf bootta?” jennaan Isiin, “Aabboo Yesus ya armaa fuudhan, fulaa isa kaa'aniillee anin hinbeeku” warraan jette.
14
Akkana jechaa ufirra miciiramtee Yesusii olejju argite; ammoo akka innii Yesus hinhubanne.
15
Yesus, “Intala, maaf bootta? Eennu barbaadda?” jedhee isii gaafate. Isiin nama oobruu eegu isa seetee, “Aabboo, atin yo isa armaa fuute, fulaa isa keette natti himi, anin dhaqeetti isa fuudhaa” jetteen.
16
Yesus, “Maariyaam” jedheen. Isiin gara isaa micciiramtee, afaan Ibraayisxiitin, “Rabbuunii!” isaan jette. (Rabbuunii jechuun barsiisaa jechuu.)
17
Yesus isiin, “Na hinqabatin! Anin qara gara Aabboo olhindeemne. Ammoo gara obbooleeyyaan tiyyaa dhaqii, ‘Anin gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessanii, gara Waaqaa kiyyaatii fi gara Waaqaa keessanii oldeema’ jedhii itti himi” jedhe.
18
Maariyaam ta Magdaalaa gara jara isaa dhaxee, “Anin Aabboo yaayyuu arge” jettee, ammallee waan innii isiin jedhe warratti himte.
19
Guyyuma sun galgala, guyyaa qaraa ka torbaan sunii, fulaa jarii ergamtootii Yesus jiru ka marroo sodaa Yihudiitiif balbaltii cufaansa qabdu Yesus dhufee, jiddu warraa keessa ejjee, “Nageeni isanii ha ta'uu” jedhe.
20
Eegii akkasi jedhe, harkaa fi xiixaa ufii warra agarsiise. Jennaan jarii isaa Aabboo arginaan guddoo gammade.
21
Jennaan Yesus ammallee, “Nageennii isaan badhaadhaa? Akkuma Aabboon na erge aniilleen isan erga” jedhe.
22
Akkasi jedhee, hafuura warraa baafatee, “Hafuura qulqulloo argadhaa.
23
Nama isanii cubbuu araaramtaniif cufaa inaraaramaniif; ka isan araaramuuf diddan cuftii araarama hinargatu” jedhe.
24
Jara Yesus kudhanii lamaan keessaa, Toomaas ka, “Lakkuu” jedhan, gaafa Yesus dhufe warra waliin hinjiru.
25
Duuba jarii kaan, “Nu Aabboo la arginne” jedhee itti hime; innii ammoo warraan, “Anin yo harka isaa keessa gadaanisa mismaraa argee, quba kiyya fulaa mismaraan waraanan keessa kaa'ee, harka kiyyaallee xiixaa isaa keessa kaa'e malee, diqqoo haganaallee hindhugeeffadhu” jedhe.
26
Torbaan tokkoon eegee, ka ammallee jarii isaa mana keessa jiru, ka Toomasiilleen warra waliin jiru, adoo balbaltii cufaansa qabdu, Yesus dhufee, jidduu warraa keessa ejjee, “Galchuum isaan nagaa?” warran jedhe.
27
Jennaan innii Toomasiin, “Quba kankee achasi gaqabadhuu, harka kiyya laali; ammallee harka kankee achasigad dheerefadhuu, xiixaa kiyya keessa kaa'i; hindhaareeffatiinii, dhugeeffadhuu” jedhe.
28
Toomas, “Aabbaa kiyyaa fi Waaqaa kiyya!” jedhee deebiseef.
29
Yesus ammoo, “Atin na arginaan dhugeeffattee? Warrii adoo hinargin dhugeeffatu ka badhaadhe” jedhe.
30
Yesus akeeka dhibii hedduu ka kitaaba kana keessatti hinbarreessin jara ufii duraatti tolche.
31
Haga kana ammoo la barreessan, akka isan akka Yesus Kiristoon ilma Waaqaa dhugeeffattanii, dhugeeffannaan akka maqaa isaatiin jireenna argattan.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21