bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 7
John 7
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 8 →
1
Eegii sun, Yesus waan Yihudiin isa ijjeesu feetuuf Galiilaa keessa dedeeme malee; Yihudaa keessa dedeemu hinfeene
2
jiltii Yihudii ta Hoosa jedhan dhi'aannaan,
3
duuba obboleeyyan isaa isaan, “Akka jarii kankeelleen hujii atin hojjattu arguu, armaa ka'ii Yihudaa dhaqi!
4
Namii tokkolleen yo akka namii beeku fedhee ka dhossaan wa hojjatuu hinjiru. Atin yo waan kana hojjatuu, biyya ufii garsiisi!” jedhaniin.
5
Wantii akkanaatiif obbooleeyyaan isaatiiyyuu isa hindhugeeffanne.
6
Yesus warraan, “Fulaan tiyya qara hingeenne, fulaan teessan ammoo guyyaa cufaa kurfoo jirti.
7
Biyyitii lafaa dandeettee isan hinjibbittu, na ammoo waan anin hujii warraa hamtuu itti himuuf na jibbiti.
8
Isan jila dhaqaa, anin ammoo waan yo'ii naa ta'u hinga'iniif jila tana hindhaquu” jedhe.
9
Waan kana warratti himee, Galiilaatti hafe
10
Obboleeyyan isaa jila dhandhaan, inniilleen diidaatti ba'ee, hindeemnee, ammoo dhossaan deeme.
11
Yihudiin, “Innii mee” jettee jila keessa isa barbaadde.
12
Waan isaa guddoo biyya keessatti gungumanii; namii garii, “Innii nama dansaa” jedhee, hagii tokko, “Akkasiiniti, ufumaa nama sobaa” jedhe.
13
Ammoo waan Yihudii sodaataniif namii tokkolleen ka diideesee waan isaa dubbate hinjiru.
14
Jiltii wadhakkoomnaan Yesus mana Waaqaatti olba'ee nama barsiise.
15
Yihudiin mamtee, “Namii kunin qarooma kana eessaa argate, ka namii hinbarsiisiin?” jette.
16
Yesus warraa deebisee, “Wantii anin barsiisu tiyyaaniti; ta Waaqaa na ergee malee.
17
Namii yo fedhii Waaqaa guutuu fedhee, akka wantii ani barsiisu gara Waaqaatii dhufte yokaan anummaan dubbadhu gargarii inbeeka.
18
Namii qalbii ufiitiin dubbatu ulfinna mataa ufii barbaada. Namii ammoo ulfinna nama isa ergee barbaadu ka dhugaati, ammallee dhartii tokkolleen isa keessa injirtu.
19
Museen seera isanii hinkenninee? Isaniin tokkolleen seera hinguuttan. Maaf na ijjeesuu feetan?” jedhe.
20
Biyyitii deebichee, “Atin jinnii qabdaa! Eentu si ijjeesuu fedha?” jetteen.
21
Yesus deebisee, “Anin hujii isanii cufaa mamsiiftu tokko hojjadhe warraan jedhe.
22
Museen ya seera dhaqaanqabaa isanii kenne. Wantii sun ammoo gara Muuseetii, hindhumne, gara abaaboota teessanitii dhufte malee, duuba isan guyyaa Sambataa dhaqaanqabaa namaa qabdan.
23
Namii yo akka aadaa Musee hincabsine, guyyaa Sambataa dhaqaanqabaa qabatee, isan maaf natti dallantan, waan anin nama tokko guyyaa Sambataa akka dansaa fayyiseef?
24
Nafa namaa laaltanii hinmurinaa, ammoo dhugaa gula muraa” jedhe. Akka warrii Yesus Kiristoo moo? jedhee gaafate
25
Warrii Yerusaalemii ka garii, “Namichii warrii ijjeesuu fedhu kanaayyuu?
26
Ammoo, mee laalaa, innii diideese himaa, warrii homaa isaaniin hinjedhuu, jarii gugurdaan akka innii dhuguma Kiristoo danda'ee inbeekaa?
27
Ammoo nu nama kana fulaa innii ba'eef inbeenna; yo Kiristoon dhufu ammoo namii tokkolleen ka gara innii ba'eef beeku hinjiru” jedhan.
28
Jennaan Yesus adoo Mana Waaqaa keessatti nama barsiisuu jiruu, qoonqoo olfudhatee, “Isan dhuguma na beettanii? Ammallee fulaa anin ba'eefiillee inbeettanii? Anin ufiin hindhumne, ammoo Waaqii na ergee ka dhugaati, isan isaallee inbeettan.
29
Anin waan innii na ergee, fulaa isaattii dhufeef isa inbeeka” isaaniin jedhe.
30
Jennaan warrii isaa qabu barbaade; ammoo waan guyyaan isaa hin gayiiniif namii tokkolleen harkaan isa hintundhe.
31
Gumii keessaa namii hedduun dhugeeffatee, “Kiristoon yo dhufe, akeeka namichii kun tolche caalaa ka dhibii tolchaa?” jedhe. Akka warrii waraanaa Yesus qabu dhufe
32
Fariisotii gumii waan kana gungumtu dhageettee jennaan qaallolee gugurddoo waliin warra waraanaa ka isa qabuu ergite.
33
Yesus, “Anin bultii diqqoo tokko callaa isan waliin jira, achiin duuba gara nama na ergee gala.
34
Isan na barbaaddanii, ammoo na hinargitan, fulaa ani jiru dandeetaanii hindhuftan” jedhe.
35
Jennaan Yihudiin waliin, “Namichii kun akka nu hingarre eessa dhaquu fedha? Innii diroota Giriikii ka Yihudiin itti godaante dhaqee gosa Giriikii barsiisuu fedhaa?
36
Dubbiin innii, ‘Na barbaaddanii ammoo na hinargitan, ammallee fulaa anin jiru isan dandeettanii hindhuftan’ jedhe tun maan?” jettee walgaafatte.
37
Guyyaa eegee ka jilaa sunii jabaa, Yesus olejee lallabee, “Namii yo dheebote, gara kiyya dhufe bisaan ha dhuguu.
38
Nama natti dhugeeffatu, akkuma barreessiin jettuu, ‘Garaa isaa keessaa bisaan jireennaatti yaa'a’ ” jedhe.
39
Yesus dubbii tana waan Hafuura Qulqulloo ka warrii isa dhugeeffatu argatuu dubbate. Gaafasi Waaqii Hafuura ufii qulqulloo namaa hinkennine, waantii akkanaatiif Yesus qara guddinna ufii hinarganne.
40
Gumii keessaa namii garii dubbii tana dhageennaan, “Kunin dhuguma raaga baanaan sun!” jedhe.
41
Ka garii ammoo, “Kunin Kiristoo!” jedhee, ka dhibiin, “Kiristoon Galiilaa keessaa dhufaa?
42
Barreessiin, Kiristoon dhaloota Daawitii keessaa ba'a, ammallee Betlihem, dira Daawtii keessatti dhalata jettiiyyuu?” jedhe.
43
Tanaaf gumiin marroo isaatiif gargarii qoodamte.
44
Isaan keessaa namii garii silaa isa qabuu fedha, ammoo namii tokkolleen harkaan isa hintundhe. Warra gugurddaa Yihudii ka hindhugeeffanne
45
Jennaan warrii waraanaa ka ergan kaan gara qaallolee gugurdootii fi Fariisotaatti deebi'e. Warrii ammoo, “Maaf hindhufnaan?” jedhee warra waraanaa gaafate.
46
Warrii waraanaa kaan, “Namii tokkolleen ka akka isaa dubbatu hinjiru” jedhee deebiseef.
47
Jennaan Fariisotii, “Isaniilleen yaa sobamtanii?
48
Nama guddaa tokkollee yokaan nama Fariisotaa ka isa dhugeeffatu takka gartanii?
49
Ammoo gumiin daalleen tun ta seera Muusee hinbeenne ya abaaramte” jedhe.
50
Niqoodemos ka qaraa gara isaa dhaqe, ka ammallee warra sun keessa jiru, warraan,
51
“Isii seerii keenna, nama adoo qaraa dubbii isaa dhageettee waan innii tolche hinhubatin wallaala itti hinmuraa?” jedhe.
52
Warrii ammoo deebisee, “Atilleen nama Galiilaatii? Barreessii keessa barbaadii laali! Galiilaa keessaa raagii hinba'uu” jedheen.
53
Jennaan namii cuftii warra ufiiti gale.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21