bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 17
John 17
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 18 →
1
Yesus dubbii tana dubbannaan gara Waaqaa olmillatee, “Aabboo, yo'ii ya ga'ee, ilma kankee guddis, akka ilmiilleen si guddisu.
2
Akka innii nama ati isaa kennite cufaa jireenna barabaraa kennu ati nama cufaa irra ya humna isaa kennite.
3
Ammallee jireennii barabaraa kana, akka atin Waaqaa tokkocha dhugaa si beekanii, Yesus Kiristollee ka atin ergite beekan.
4
Anin lafa irratti la si ulfeesse hujii atin naa kennite sun hobaamnaan.
5
Ee'ee Aabboo, ulfinna nu adoo laftii hinuumamin waliin qamnu sun, ammatana naa kenni!”
6
“Anin maqaa kankee nama atin lafa keessaa naa kennite ya beessiise. Warrii qaraa namuma keeti, atilleen ya warra naa kennitee, warriilleen dubbii tantee la guute,
7
amma waan atin naa kennite cufaa, akka isiin gara keeti baatu, ya baratan.
8
Anin dubbii atin naa kennite cufaa yaayyuu warraa kenne; warriilleen yaayyuu fudhatee, akka anin gara keetii dhufeellee akka isiin dhugaa beekee, ammallee akka atin na ergiteellee dhugeeffate.”
9
“Anin warraa kadhadha, nama lafaatii hinkadhadhu, ammoo warra atin naa kennitee inkadhadha; waan warrii kankee ta'eef.
10
Wantii kiyya cuftii kankeeti, wantii keelleen kiyya; guddinnii kiyya warra keessaa mullata.
11
Anin ammatana lafa keessa hintaa'u, ammoo jarii kunin lafa keessa taa'a; anin gara kankee dhufa. Ee'ee Abbaa qulqulloo, jabeenna kankee ka atin naa kennite sunin warra qorqoradhuu akka warrii akkuma kenna takkaa ta'u!
12
Anin haga warra waliin jiru, maqaa kankee ka atin naa kennitte sunin, yaayyuu warra tissee, qorqoradhe; ilma badii sun malee warrii tokkolleen hinbanne, akka barreessin guutamtu.
13
Ammatana anin gara kankee dhufa, akka ammoo gammadii kiyya garaa warraa guutuu waan kana lafa keessatti dubbadha.
14
Anin dubbii tantee yaayyuu warratti kenne; akkuma anin nama lafaa hinta'in, warriilleen nama lafaa waan hinta'iniif namii lafaa ya warra jibbe.
15
Akka atin isaa hamaa sun irraa warra dhowartu malee, akka atin lafa keesaa warra baaftu hinkadhadhu.
16
Akkuma aniilleen ka lafaa hinta'in, warriilleen ka lafaatiiniti.
17
Dubbiin tantee dhugaa, dhugaan warra qulqulleessi!
18
Akkuma atin lafaatti na ergite, aniilleen akkasuma warra ya lafa keessa erge.
19
Mar. roo warraatiif anin ufi qulqulleessa, akka warrii dhugaan qulqullaa'u.”
20
“Anin warraa callaa hinkadhadhu, ammoo nama marroo dubbii warraatiif na dhugeeffatuullee cufaa inkadhadha.
21
Wantii anin kadhadhu, akka warrii cuftii takkaa ta'u, akkuma Aabboo, atin na keessa jirtu, aniilleen si keessa jiru, akka akkasuma warriilleen nu keessa jiraatu. Ammallee akka namii lafaa, akka atin na ergite dhugeeffatu.
22
Akkuma nu takkaa taane, akka warrii cuftii takkaa ta'uu, guddinna atin naa kennite anin yaayyuu warraa kenne.
23
Anin warra keessa jira, atilleen na keessa jirta, akka warrii akkuma dhugaa takkaa ta'u, akka namii lafaa akka atin na ergite beekee, ammallee akka atin akkuma na jaalattu warraallee jaalattu beeku!
24
Ee'ee Aabboo, akka namii atin naa kennite sun fulaa anin deemu na waliin taa'u fedha, akka guddinna kiyya ka atin adoo laftii hinuumamin na jaalatee naa kennite sun argan.
25
Ee'ee Aabbaa dhugaa, namii lafaa qaraa si hinbeeku, anin ammoo si beeka, jarii kuniilleen akka atin na ergite inbeeka.
26
Aniilleen maqaa kankee yaayyuu warra barsiise, ammallee inuma barsiisa, akka jaalaltii atin na jaalatte warra keessa teetee, aniilleen warra keessa taa'u” jedhe.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21