bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 1
2 Kings 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 2 →
1
Mootichi Aki'aabi haga du'een maayessa Moo'aab Israa'eliin irratti ka'e.
2
Hennaa san Akaaziyaas biyya Samaariya'aatitti gamoo irra jiru irraa kufee waan madaayeef dhibamee ture; inni, «Mee akka ani dhibee kana irraa fayyuuf hin fayyine waaqa tolfamaa Aqaaroonii ka biyya Filisxeemii Bi'eelzebuuliin dhaqa'aa naa gaafadhaa'a» jedhee ergamtoota ufii erge.
3
Garuu maleekkaan Rabbii Eeliyaasii raatticha gosa Teesbi'iitiin, «Ka'iitii worra dhaamsaan deeman ka worra Samaariya'aa bira dhaqiitii, ‹Isin wonti waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'eelzebuuliin gaafachu'uuf deemtaniif biyya Israa'elii keessa Waandhi hin jiru jettanii waan yaaddaniifii?›
4
Kanaafuu Rabbi, ‹Ati hin duuta malee hin fayyitu; siree irra ciifteertu irraallee hin kaatu siin jedheera!› jedha'aanii› jedhi» jedheen. Kanaaf Eeliyaasillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe;
5
Worri ergaman gara Akaaziyaasii deebinaan Akaaziyaas, «Maaf deebitan?» jedhee isaan gaafate.
6
Isaanillee mootichaan, «Namni woyii kara'atti nutti dhufee gara mooticha isin ergee deebi'a'aatii Rabbi akkana siin jedha, ‹Wonti ati waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'elzebuuliin gaafachu'uuf dhaamsa ergiteef Israa'eliin keessatti Waandhi hin jiru jettee waan yaaddeefii? Kanaafuu ati hin duuta malee dhibee kana irraa hin fayyitu; siree irra ciifte irraallee hin kaatu!› jedha'aa itti himaa nuun jedhe» jedhaniin.
7
Inni, «Namni isinitti dhufee waan kana isinitti hime kun nama attamiiti?» jedhee isaan gaafate.
8
Isaanillee, «Namichi uffata rifeensa qabu uffatee mudhii ufii sabbataan hidhateera» jedhaniin; innillee «Eeliyaasii nama gosa Teesbi'iiti!» jedhe.
9
Kanaan maayessa mootichi ajajaa loltoota shantamaa nama shantama woliin erge; Eeliyaas yoo san gaara gubbaa taa'eera; innillee, «Nama Rabbii, mootichi gad bu'i siin jedha'aara» jedheen.
10
Eeliyaas deebisee ajajaa loltuu shantamaatiin, «Ani yoo nama Rabbii ta'ee jiraadhe ibiddi Sami'ii bu'ee si'ii fi namoota shantamaa ka si woliin jiran kanniin maraa haa fixu!» jedheen; hennama san ibiddi Sami'ii bu'ee isaa fi namoota shantamaa ka isa woliin jiran fixe.
11
Deebi'ee nama biraa ajajaa loltoota shantamaa namoota shantamaa woliin isatti erge; innillee gara Eeliyaasii dhufee, «Nama Rabbii! mootichi daddafii gad bu'i siin jedha!» jedheen.
12
Eeliyaasillee, «Yoo ani nama Rabbii ta'ee jiraadhe ibiddi Sami'ii bu'ee si'ii fi namoota shantamaa ka si woliin jiran kanniin maraa haa fixu!» jedheen; hennama san ibiddi Rabbii Sami'ii bu'ee isaa fi namoota shantamaa ka isa woliin jiran maraa fixe.
13
Mootichi hennaa sadeesso'ootiif ajajoota shantamaa namoota shantamaa woliin erge; ka sadeesso'oo kun garuu Eeliyaasiin afo'otti jilbiiffatee, «Nama Rabbii! lubbuun tiyyaa fi lubbuun namoota shantamman kanniinii afoo keetitti ulfinna haa argattuu!
14
Kunoo ibiddi Sami'ii bu'ee ajajaa loltoota shantamaa lamaa fi namoota isaan woliin jiran shantama shantama nyaate; amma garuu lubbuun tiyya afoo keetitti kabajjaa haa argattu!» jedhee isa kadhate.
15
Hennaa san maleekkaan Rabbii Eeliyaasiin, «Hin sodaatinii isaan woliin gad bu'i» jedheen; innillee ka'ee isaan woliin mooticha bira dhaqe.
16
Eeliyaas mootichaan, «Rabbi akkana siin jedha; ‹Waan ati waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'eelzebuulin gaafachu'uuf ergamtoota ergiteef ati hin duuta malee hin haftu!› » jedheen.
17
Akkuma Rabbi Eeliyaasitti dubbate Akaaziyaas hin du'e; inni mootii Israa'eliiti; waan ilma hin qabneef bikka isaa obboleessi isaa Iyyooraam mooye; wonti kun Iyyooraam ilmi Iyyoosaafixii Yihuudaa irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti ta'e.
18
Wonti Akaaziyaas bara ufii bulchu hojjate galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25