bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 9
2 Kings 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 10 →
1
Hennaa san Eelsaa'i ijoollee raattotaa keessaa nama tokko waamee; «Mudhii kee hidhadhuu ottee dhadhaa ejersaa kana qabadhuu gara Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqi;
2
Hennaa achi geette Iyyuu ilma Iyyoosaafixii ilma Naameesii achitti argitaa mana inni jiru seenii obboleewwan isaa jiddu'uu isa fuudhii gara golaa ol seensisi;
3
Achiin maayessa dhadhaa ejersaa ka ottee keessaa mataa isaa irratti buusii, ‹Rabbi akkana siin jedha; Israa'eliin irratti mootii akka taatuuf si muudeera› jedhiinii balbala banadhuu uduu achi hin turre bayii dheessi» jedheen.
4
Akkasuma raattichi ka'imtichi gara Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqe.
5
Haga achi gaye ajajoonni loltootaa ka wol gayanii taa'aniiran bira dhaqee, «Ajajaa loltootaa; ani sitti hajameera» jedheen; Iyyuun garuu «Nu keessaa eennutti hajamta?» jedhe; Innillee, «Sitti hajame» jedheen.
6
Kanaan maayessa innillee ka'ee gara manaa ol seene; raattichillee seenee dhadhaa ejersaa mataa isaa irratti buusee «Rabbi Waandhi Israa'elii, ‹Banii Rabbii irratti akka mootii taatu si muudeera;
7
Ati dhiiga raattotaa ta garboota tiyyaa, dhiiga garboota Rabbii maraa akka Eelzaabeeliin haluu bawu mana Aki'aabii gooftaa keetii hin dhoofta;
8
manni Aki'aabii maruu hin bada; mana isaa keessaa garbicha ta'ee'e wolabticha, dhiira maraa hin balleessa.
9
Mana Aki'aabii akka mana Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii, akka mana Ba'oosii ilma Akiya'aa taasisa.
10
Reeffa Eelzaabeeliillee lafa qonnaa ka Yisiraa'elii keessatti sariintu nyaata; Reeffa isi'iillee namni awwaalu hin argamu› siin jedha» jedheenii balbala banatee fiigee lixe.
11
Iyyuun manaa bayee gara garboota gooftaa ufii dhaqe; isaanillee Iyyu'uun, «Maal nagayaa mii? Maraattichi kun maaf gara kee dhufe?» jedhanii gaaftan. Innillee, «Namichaa fi waan inni natti dubbate isinuu hin beettan» isaaniin jedhe.
12
Isaanillee, «Nu waanii hin beennee waan inni sitti hime nutti himi!» jedhaniin. Innillee, « ‹Rabbi akka ati mootii Israa'elii taatu si muude siin jedha› jedhee waan kanniin natti hime» isaaniin jedhe.
13
Isaan maruu yoosuu fiiganii uffata ufii fuudhanii kortoo gamo'oo irratti afanii isa achi irra dhaabsisanii xurumbaa afuufa'aa «Iyyuun mooyeera!» jedhan.
14
Achiin maayessa Iyyuun ilmi Iyyoosaafixii ilma Naameesii mooticha Iyyooraamiin irratti mala malate Iyyooraamii fi ijoolleen Israa'elii maruu mootiin biyya Sooriya'aa Azaahel akka qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu hin seenne eega'aa turan.
15
Iyyooraam mootii biyya Sooriya'aa Azaaheliin lola Reemaatii biyya Gala'aadii keessatti ta'een dhayamee waan madaayeef Yisiraa'eliin keessatti yaalamu'uuf dhaqee ture; kanaafuu Iyyuun loltoota goshoota ufiitiin «Isin yoo ka na woliin taatan ta'e banii biyya Yisiraa'elii keessa jiru uf eeggachiisu'uuf namni oduu himu tokkollee qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessaa dheessee akka hin baane godhaa'a» isaaniin jedhe.
16
Achiin maayessa Iyyooraam dhibamee Yisiraa'eliin keessatti uduu yaalama'aaru Iyyuun gaarii fardaa yaabbatee gara Yisiraa'elii dhaqe. Hennaa san mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas Iyyooraamiin gaafachu'uuf dhaqee ture.
17
Hennaa san gaadduun dallawa dhaga'aa ka Iyiziraa'elii irra dhaabateeru tokko uduu Iyyuun loltoota ufii woliin dhufa'aaru argee «Loltoota arga'aara» jedhe; Iyyooraam hennaa san, «Nama tokko farda yaabbisii isaanitti ergi innillee maal nagayuma dhuftanii haa jedhuunii» jedhe.
18
Namni farda yaabbateeru sunillee isaaniin wol argu'uuf deemee Mootiin «Maal nagayaa mii?» Siin jedha jedhe; Iyyuunillee, «Nagaya maaltu jira? Kana irra, na duuba lufii na faanaa koottu!» jedheen. Gaadduun sun garuu mootichaan, «Namni ergame sun isaan bira gayeera; garuu uf irra hin deebine» jedhee itti hime.
19
Mootichi deebi'ee nama biraa farda yaabbisee isatti erge; innillee isa bira gayee Mootichi maal nagayaa mii? Siin jedha jedhe; Iyyuun «Nagaya maaltu jira? kana irra, na duuba lufii na faanaa koottu!» jedheen.
20
Namichi gaadu sun, «Namichi ati ergite sun bira gayeeraa garuu uf irra hin deebine» namni inni bira gaye sun jarjara'aa deema akki inni itti deemullee akka deemsa Iyyuu ilma Naameesiiti!» jedhee mootichatti hime.
21
Kanaan maayessa Iyyooraam, «Gaarii fardaa qopheessaa'a» jennaan qopheessaniif; mootiin Israa'elii Iyyooraamii fi mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas gaarii fardaa yaabbatanii Iyyu'uun wol gawu'uuf dhaqan; haga dhaqan maasaa qonnaa ka Naabutee gosa Yisiraa'elii keessatti isa argan.
22
Iyyooraam hennaa Iyyuu arge, «Iyyuu! maal nagayaa?» jedheen. Iyyuunillee, «waaqa tolfama'aa fi asmaa haati tee Eelzaabeel nutti fiddee nagaya maaltu jira?» jedhee deebiseef.
23
Iyyooraam gaarii fardaa ufii uf irra gara galchee Akaaziyaasiin, «Akaaziyaas! kun didda'a!» jedha'aa dheesse.
24
Iyyuun eboo ufii darbatee Iyyooraamiin duubaan woraanee afo'oon fullaafnaan inni gaarii fardaa keessatti kufee du'e.
25
Iyyuun bulchaa ufii Bidiqaariin «Reeffa isaa fuudhii maasaa Naabutee gosa Yisiraa'elii keessatti gati» jedheen; hennaa anii fi ati farda yaabbannee wol ladda deemnee abbaa isaa Aki'aabiin hordofne akka Rabbi rakkoo kana isa irra geessu dubbate yaadadhu.
26
Ani dhugamaan kaleessa akka Naabuteenii fi ijoolleen isaa du'an argeera qonna kana keessatti isaan adaba jedhee Rabbi armaan dura dubbateera kanaafuu dubbiin Rabbii akka raawwatamuuf reeffa Iyyooraamii fuudhii maasaa Naabute'ee keessatti darbii gati» jedhee nama isa gargaaru ajaje.
27
Mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas haga waan kana arge gaarii fardaa irra taa'ee gara qachaa ufii dheesse; Iyyuunillee loltoota ufiitiin «Kanallee uduma inni gaarii fardaa yaabbatee fiigu woraanaa'a» jedha'aa isa faanaa deeme; Akaaziyaas uduu Iyyuu jalaa dheessu goodda naannoo guurii baabla'aamii jirtutti isa woraanan; innillee gara Maqidoomii dheessee achitti du'e.
28
Hojjattoonni isaa gaarii fardaa irratti reeffa isaa fe'anii gara Yerusaalemii fidanii qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalan.
29
Iyyooraam ilmi Aki'aabii mooyee woggaa kudha tokkeesso'ootitti Akaaziyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye.
30
Hennaa san Iyyuun gara biyya Yisiraa'elii dhandhaan Eelzaabeel akka inni dhufe haga dhageette ija kuula dibattee, mataa dhayattee qandhaftee gamoo mana mootumma'aa foddaa keessaan gara karaa Iyyuun dhufuun laala'aa turte.
31
Iyyuun hennaa balbalaan seenu «Zamirii gooftaa kee ajjeefte maal nagayaa?» jetteen.
32
Iyyuun laagaa ufii ol qabatee «Namni na gargaaru eennu?» jedhee dubbate; worri qaamni uumataniin hin hojjanne lamaa haga sadihii gara fodda'aa dhiyaatanii isa laalan.
33
Iyyuun isaaniin «Eelzaabeeliin gad darbaa'a» jedhe; isaan hennaa isii fuudhanii gad darban dhiinni isi'ii dallawa dhaga'aatii fi farado'oo irratti faca'e; Iyyuun reeffa isi'ii irra farado'oo fi gaarii fardaa oofe.
34
Achiin maayessa gara mana mootummaa ufii seenee waa nyaatee dhugee «Isiin woma feetellee yoo taate mucattii mooti'ii waan taateef reeffa dubartii abaaramtuu tanaa fuudha'aa awwaalaa'a» jedhe.
35
Hennaa namoonni Iyyuun erge reeffa isi'ii fuudhanii awwaalu'uuf dhaqan mataa, lukaa fi lafee harkaa malee isaan womaa hin argine.
36
Namoonni sunniin deebi'anii Iyyu'utti himan; Iyyuun garuu deebisee isaaniin, «Wonti kun maruu ka raawwatameef akka dubbiin Rabbii karaa raatticha Eeliyaasii gosa Teesibi'iitiin dubbatame sun raawwatamuuf; akkasuma reeffa Eelzaabeelii biyya Yisiraa'elii keessatti sariiniin nyaattamee hafe;
37
akka dike'eetitti raasaa keessa bittiinnaaya; kanaafuu eennullee isiin Eelzaabeel jedheenii namni reeffa isi'ii addaan baasu hin jiru ka jedhametu raawwatame» jedhe.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25