bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 12
2 Kings 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 13 →
1
Iyyuun Israa'eliin irratti mooyee woggaa torbeesso'ootitti Iyyoo'aas mootii Yihuuda'aa ta'ee Yerusaalemiin keessatti woggaa afurtamaa bulche; haati isaa ta Saabiyaa jedhamtu nama biyya Beersaabeehiiti.
2
Bara Yoodaaheen gadichi barsiisa'aa ture maraa Iyyoo'aas Rabbiin afo'otti waan mishaa godhe.
3
Garuu huleen itti sagadan ka tulloota irraa hin banne; hennaa san baniin hulee itti sagadan ka tullootaa irratti ciincaa dhiyeessa'aa hixaanallee aarsa'aa turan.
4
Iyyoo'aas worra gadootaatiin horii qulqullaaye ka gara mana Rabbii seenu maraa, horii waan gatii lubbuu ufiitiif dhiyeessanii fi horii fedha ufiitiin gara mana Rabbii fidan maraa,
5
keessaa gadoonni maruu fuudhanii hulee manni woyyumma'aa diiggameen haa ijaaranii isaaniin jedhe.
6
Garuu gadoonni haga bara mootiin Iyyoo'aas woggaa diddamii sadihii bulche mana woyyumma'aa ka diiggame hin ijaarre.
7
Mootichi Yoodaahee gadichaa fi gadoota kaawwanillee waamee, «Hulee mana woyyumma'aa ka diiggame maaf hin ijaarre? adha irraa jalqaba'aatii horii nama irraa fuutan harkatti qabachuu isin hin barbaachisu; akka ijaarsa mana woyyu'uutiif oolu horii isaanitti kennaa'a» isaaniin jedhe.
8
Worri gadootaallee waan inni isaaniin jedheen wolii galanii horii banii irraa fuudhuu dhiisanii hulee diiggamellee haarawoomsuu dhaaban.
9
Yoodaaheen gadichi garuu saanduuqa horiin keessa taa'u fuudhee banee balbala mana woyyumma'aa seenaniin cinaa mirgaatiin hulee ciinca'aa bira kaaye; Gadoonni horii kenna'aa ka namoonni qabatanii gara mana woyyu'uu dhufan fuudha'aa horii san fida'aa keessa buusan.
10
Worri bulchoota gadootaatii fi worri waa barreessu ka mootichaa akka saanduuqa san keessa horiin guute haga argan fuudhanii qaraciitii guddaa keessa kaaya'aa turan.
11
Horii san laakkayanii haga beekaniin maayessa worra mana woyyuu Rabbii haarawoomsanitti kennan.
12
Worra mana woyyuu Rabbii ka diiggame ijaaran worra dhagaa baqassu, muka manaan haarawoomsan, worra dhagaa bitanii fi akkasuma meeshaa waan gara garaatiif oolu maraafuu kenna'aa turan.
13
Garuu horiin mana woyyumma'aa haa ijaarani'iif kenname meeshaa mana woyyuu Rabbiitiif ta'u xuwwee birrii irraa hojjatame, Qadhabaa, Keree, Xurumba'aa fi meeshaa worqi'ii fi birrii irraa hojjatamu hin hojjanneen.
14
Birriin sun maruu worra mana woyyuu Rabbii haarawoomsaniif kennama.
15
Worri mana woyyuu Rabbii ijaarsisan garuu amanamtoota waan ta'aniif eennullee isaan hin tooyatu ture.
16
Horiin waan ciincaa yakkaatii fi waan ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu gadootaa kennama malee saanduuqa mana woyyuu Rabbii keessa hin galu.
17
Hennaa san mootiin biyya Sooriya'aa Azaahel biyya Geetii dhaqee lolee qabate; achiillee ka'ee Yerusaalemiinillee qabachu'uuf deeme.
18
Waan Iyyoo'aas mootiin Yihuuda'aa Iyyooraamii fi mootiin Akaaziyaas qulqulleessan waan ufii qulqulleessellee worri mana woyyuu Rabbiitii fi mana galmee mootumma'aa keessatti argame maraa fuudhee Azaahelii mootii biyya Sooriya'aatii ergee ufii garuu Yerusaalemitti hafe.
19
Wonti mootichi Iyyoo'aas hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
20
Kanaan maayessa garboonni isaa itti ka'anii karaa gara siila'aa fidu mana Miilo'oo keessatti ajjeesaniin.
21
Isaan keessaa ilmi Sama'aatii Yoozaakaarii fi ilmi Shoomeerii Yoozaabaati isa dhayanii ajjeesanii qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame, bikka isaa ilma isaa Ameesiyaasitu mooye.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25