bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 25
2 Kings 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
1
Kanaan maayessa Nabukadanatsoor loltoota ufii maraa fuudhee Seedeeqiyaas mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Yerusaalemitti duule; loltoonni qachatti'iin alatti quphatanii biyyee naannaya sanitti akka goobaa ol tuulanii hojjatan.
2
Qachattiin marfamtee haga mootichi Seedeeqiyaas woggaa kudha tokkoo gawutti turte.
3
Woggama san jiini seenee guyyaa sagaleesso'ootitti waan beelli guddateef wonti baniin nyaatullee hin dhabame.
4
Dalloofni qachatti'iillee hin diiggame; hennaa loltoonni qachattii san marsanii eegan loltoonni mootii Yihuuda'aa halkaniin miliqanii bayan; karaa gara biqiltuu mootichaatiin seensisuu jalqabee karaa karra dallawa balbala lamaan wolitti fiduun lufanii gara dhooqa laga Yoordaanosii dheessan.
5
Lotoonni Baabiloonii garuu mootii Seedeeqiyaasiin ari'a'aa raasaa Iyyaarikoo biratti argamutti booji'e loltoonni gatanii dheessan.
6
loltoonni Baabiloonii Seedeeqiyaasiin qabanii gara hulee Nabukadanatsoor jiruu gara qachaa Ribila'aa fidan; achitti mootichi Nabukadanatsoor murtii itti kenne.
7
Seedeeqiyaas uduu ijji isaa argitu ijoolleen isaa qalaman; kanaan maayessa Nabukadanatsoor Seedeeqiyaasiin ija keessaa baasee harka isaa haada sibiilaatiin hidhee gara Baabiloonii fide.
8
Nabukadanatsoor Baabilooniin irratti mooyee woggaa kudha sagaleesso'ootitti jiini shaneesso'oo seenee guyyaa torbeesso'ootitti ka Naabuzardaan jedhamee waamamu ajajaa waardiyyoota mana mootichaa ka Nabukadanatsoorii gara Yerusaalemii dhaqe.
9
Inni mana woyyuu Rabbiitii fi mana mootummaa mootichaa ibiddaan gube.
10
Mana namoota gugurda'aa ka worra Yerusaalemiin keessa jiraataniitii fi manniin qachattii san keessa jiran maraa ibiddaan gube; loltoonni Kalaadaawotaa ka ajajaa waardiyyoota mana mootummaa mootii woliin jiran dallawa dhaga'aan ijaarame ka Yerusaalemii hin diigan.
11
Kanaan maayessa Naabuzardaan namoota qachattii keessatti hafanii turanii fi namoota biraallee akkasuma worra Baabiloonitti dhiyaatan maraa qabee gara Baabiloonii fide.
12
Ajajaan waardiyyootaa hiyyeeyyii hunna hin qabne akka isaan biqiltuu dhaabanii fi akka lafa qotan biyya Yihuuda'aa keessatti dhiisee deeme.
13
Worri Baabiloonii meeshaa mana Rabbii keessa jiru, utubaa sibiila diima'aa, teessoo mana Rabbii keessa jiruu fi waabaa bisaanii ka sibiila diimaa irraa hojjatame caccabsanii sibiila caccabe gara Baabiloonii fidan.
14
Isaanillee xuwwiin, gadhii ibidda ittiin fudhatan, waan ibidda ittiin qabsiisan, girgiraa hixaanaatii fi meeshaa mana woyyuu keessatti ittiin hojjatan ka sibiila diimaa irraa hojjatame maraa fudhatan.
15
Ajajaan waardiyyootaallee girgira'aa fi teessoo namni irra taa'u meeshaa worqii irraa hojjatame maraa meeshama worqi'ii san irraa meeshaa sibiilaa ka birrii irraa hojjatame meeshama sibiilaa ka birrii irraa hojjatame irra kaayee fudhate.
16
Namoonni sunniin meeshaa mootiin Solomoon mana woyyu'uutiif hojjachiise utubaawwan lamaan waan meeshaa irra kaayan ka akka gaari'ii gangalatuu fi gongaa guddaa bisaan itti kuufamu waan ulfaatuuf madaaluu dadhaban.
17
Dheerinni utubaa tokkochaa meetira saddeeti; ginnoon isaa sibiila diimaa irraa hojjatameera; dheerinni ginno'oo meetira tokkoo fi wodhakka'a; naannaya isaatitti waan bareedu ka bifa abaabo'oo fakkaatuun hojjatameera.
18
Naabuzardaan ajajaan loltootaa Sarayaanii gadicha, Sofoniyaasii gadicha ka isatti aanee hojjatuu fi waardiyyoota sadiin mana woyyuu eeganillee booji'ee fudhate.
19
Namni baallii qabu ajajaan loltootaa ka qachattii sanii haga hennaa sanii namoota shanan ka mootichaa gorsa kennan nama baallii qabu ka loltoota lolaaf duulchisuu fi namoota biraa jahaatama fudhate.
20
Naabuzardaan namoota kanniin maraa fuudhee gara mootii Baabiloonii qachattii bulchiinsa Haamaatii jala jirtuu gara Ribila'aa fide.
21
Mootichi achitti isaan tumsiisee rakkisee du'aan isaan adabe; akkaataa kanaan baniin Yihuuda'aa biyya ufiitii booji'amanii fudhataman.
22
Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor biyya Yihuuda'aa keessatti banii hafe irratti ilma ilma Saafaanii ilma Aqaamii Godoliyaasiin mootii taasise.
23
Worri harka hin kennanne ajajaan loltootaatii fi loltoonni mootii Baabiloonii Godoliyaasiin akka muude haga dhagayan gara Misipha'aa dhaqee isaaniin wol gaye; ajajaan loltootaa kunniinillee ilma Naataaniya'aa Ismaa'eliin ilma Qaariya'aa Yohaanaa'a ka dhalataa qachaa Naaxoofa'aa ilma Tanhume'ee Saraya'aa fi ka dhalataa Maa'ikata'aa ta'e Zaaniyaa fa'a ture.
24
Godoliyaas isaanii fi loltoota isaaniitiin «Sababaa worri Baabiloonii ka baallii qaban isin sodaachisaniif akka mudaan tokkollee isin irra hin geenne waadaa isinii seena; biyya kana keessatti jireenna keessan ijaaradhaa'a; yoo waan kana gootan wonti maruu isinii qajeela» jedhe.
25
Garuu woggama san keessa ji'a torbeesso'ootitti Ismaa'eliin ilmi Naataaniya'aa ka ilma Eelsaama'aa ka fiixaa mootichaa ture namoota kudhanii woliin gara Misipha'aa deeme; achitti balaa buusee Godoliyaasiin ajjeese; akkasuma worra Israa'eliitii fi worra Baabiloonii ka isa woliin jiran maraa ajjeese.
26
Worri Kalaadaawotaa diqqaa irraa haga gudda'aa baniin maruu waan sodaataniif ajajoonni loltootaa maruu ka'anii gara Misirii deeman.
27
Mootichi Yihuuda'aa Yoo'aak booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa diddamii torbeesso'ootitti mootiin Baabiloonii Yoormaaroodeeqi mooyee woggaa jalqabaatitti mootii Yihuuda'aa Yoo'aakiin mana hidha'aatii baasee araara godheef.
28
Yoormaaroodeeqi Yoo'aakiif waan mishaa godhe; mootota booji'amanii biyya Baabiloonii keessa jiraatan keessaa ulfinna maraa caalu kenneef.
29
Kanaafuu Yoo'aak uffata mana hidha'aa keessatti uffatu jijjiiree haga lubbu'uun jiru akka mana mootichaatii nyaatu eeyyamameef.
30
Mootichi bara lubbu'uun jiru maraa guyya guyya'aan waan isa barbaaachisu kenna'aafii turan.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25