bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 13
2 Kings 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 14 →
1
Ilmi Akaaziyaasii Iyyoo'aas mooyee woggaa diddamii sadeesso'ootitti ilmi Iyyu'uu Iyyoo'akaaz Israa'eliin irratti mooye; hulee jireennaa Samaariyaa godhatee woggaa kudha torbaa bulche;
2
Innillee akkuma Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka isa dura turee cubbuu hojjatee Rabbiin yakke; banii Israa'eliillee gara cubbu'uu oofee ufiillee waan hamaa hujuu hin dhiifne.
3
Kanaaf Rabbi banii Israa'eliitiin lolee dabarsee bara jiraatan maraa harka mootii Sooriya'aa Azaaheelii fi ilma isaa Wolda'aadeeriif kenne.
4
Achiin maayessa Iyyoo'akaaz Rabbiin kadhatee Rabbi rakkinna mootiin Sooriya'aa isaan irra geesse waan argeef kadhaa isaa dhagayeef.
5
Kanaaf Rabbi Mootii Israa'eliif worra Sooriya'aa jalaa baasu ergeef; achiin maayessa worri Israa'elii akkuma duraa qe'ee ufii keessa nagayaan jiraatan.
6
Garuu worri Israa'elii cubbuu mana Iyyoorbi'aamii irraa hin fagaanne; akkasuma fakii dubartii waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtu Samaariya'atti waaqeffatan.
7
Iyyoo'akaazi worra fardaa shantama, worra konkolaataa fardaa kudhanii fi loltuu kuma kudhanii malee ka biraa hin hafneef; sababaan wonti kun ta'eef waan loltoota kaawwan mootiin Sooriya'aa akka buraa midhaan oobdi'iititti jalaa bulleesseef.
8
Jabeenni mootiin Iyyoo'akaaz raawwate ka biraa maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
9
Iyyoo'akaaz du'ee Samaariya'atti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Yoo'aasitu mooye.
10
Mootiin Yihuuda'aa Iyyoo'aas mooyee woggaa soddomii torbeesso'ootitti ilmi Iyyooka'aazii Yoo'aas Israa'eliin irratti mooye; inni teessoo ufii Samaariyaa godhatee woggaa kudha jahaa bulche.
11
Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu Naabaaxiin ilmi Iyyoorbi'aamii hojjate faanaa bu'e malee cubbuu irraa hin deebine.
12
Wonti biraa ka Iyyoo'aas raawwate, akkasuma jannummaan isaallee galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffame.
13
Kanaan maayessa Iyyoo'aas du'ee Samaariyaa hulee awwaalaa ta abboonni isaa itti awwalamanitti awwaalame; bikka isaa Iyyoorbi'aamitu mooye.
14
Eelsaa'i dhibee badaa dhibame; mootiin Israa'elii Iyyoo'aas gara isaa gad bu'ee «Abbaa kiyya! abbaa kiyya! ati Israa'eliif hunna, gaachenaa fi wontee isaaniiti!» jedhee booyeef.
15
Eelsaa'i mootichaan «Ebo'oo fi buundhee fudhu» jedheen; innillee ebo'oo fi buundhee fudhate;
16
Mootii Israa'eliitiin, «Eboo kee jabeessii qabadhu» jedheen; innillee jabeessee qabate; Eelsaa'i harka ufii mooticha irra kaayee,
17
«Foddaa gara ija bariisa'aatiin jiru banii darbadhu» jedheen; innillee hin darbate; kun eboo Rabbii fayyisa'aati; sababaa keetiin Rabbi worra Sooriya'aa dhaya; ati worra Sooriya'aa haga mooyattutti qachaa Afeeqii keessatti isaaniin lolta!» jedhe.
18
Ammallee «Buundheewwan biraa fudhadhuu lafaan dhayi!» jedheen. Mootichillee lafa harka sadihii dhayee dhaabe.
19
Wonti kun Eelsaa'iin hin aarse; kanaafuu uduu hennaa shan yookaan hennaa jahaa dhoofteerta ta'ee silaa worra Sooriya'aa dhooftee mooyatta turte; amma garuu hennaa sadihi calla mooyatta» jedhe.
20
Eelsaa'i du'ee awwaalame; worri biyya Moo'aabiitii balaa buusu'uuf wogga wogga'aan dhufan biyya Israa'elii seena'aa turan.
21
Hennaa woyii uduu nama woyii awwaala'aaran worra balaa buusu sanniin keessaa gareen woyii uduu dhufu arganii reeffa awwaala'aaran awwaala Eelsaa'ii keessatti darbanii dheessan; reeffi sun akkuma lafee Eelsaa'ii tuqeen yoosuu du'aa ka'ee dhaabate.
22
Iyyoo'akaaz bara ufii mootii ta'ee bulche maraa Azaahel mootiin Sooriya'aa worra Israa'elii gad qabee rakkisa'aanii ture.
23
Rabbi garuu arjumma'aa fi araara isaanii godhee isaan gargaare malee akka isaan badaniif isaan hin dhiifne; wonti kana godheef waan waadaa Abrahaam Yisaaqii fi Yaaqoobii banii ufii hin irraanfanneef.
24
Mootiin Sooriya'aa Azaahel haga du'e bikka isaa ilma isaa Wolda'aadeertu mootii ta'e.
25
Asiin maayii mootiin Israa'elii Iyyoo'aas Wolda'aadeeriin harka sadihii mooyatee qachoota bara abbaan isaa bulchu qabatee ture maraa deebise.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25