bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 4
2 Kings 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 5 →
1
Haati hiyyeessaa ta abbaan worraa isi'ii gumii raattotaa keessaa jalaa du'e gara Eelsaa'ii dhuftee, «Gooftaa kiyya! abbaan worraa kiyya na jalaa du'e! Inni akkuma ati beettu nama Rabbiin sodaatu ture; namichi horii itti liqeesse tokko dhufee bikka liqaa sanii ijoollee tiyya lamaan dhiiraa fudhatee garboota godhatee isaan fudhatuu barbaada» jetteen.
2
Eelsaa'i, «Maal akka sii godhu barbaadda? Waan mana kee keessa jiru natti himi» jedhee isii gaafate. Isiinillee, «Ani garbittiin tee dhadhaa ejersaa diqqoo ottee diqqoo keessa jirtu malee womaa hin qabu.» jettee deebifteef.
3
Eelsaa'illee isi'iin, «Deemii ollaa kee irraa waabaawwan duwwaa ergifadhu hin diqqeessin;
4
kanaan maayessa atii fi ijoolleen tee manatti gala'aatii balbala cufadhuu waabaawwan duwwaa ergifatte marattuu buusii ka guute jalaa kaasi» isi'iin jedhe.
5
Kanaaf isiin isa biraa deemtee akkuma inni jedhe ijoollee ufii woliin mana seentee balbala cufattee ijoollee ufiitiin waabaa natti kennaa jedha'aa itti buusa'aa ka guute uf jalaa kaafti.
6
Haga waabaawwan marattuu guutaniin maayessa «Waabaan biraa hin jiruu?» jettee mucaa ufii gaafatte; mucaan isi'ii garuu, «Waabaan biraa hin jiru» jedhee isi'ii deebise; achiin maayessa dhadhaan ejersaa hin dhaabate;
7
Isiin deebitee gara Eelsaa'ii dhaxxee isatti himte; inni, «Dhadhaa ejersaa gurgurii liqaa namichaa maraa kaffali; ka hafe garuu atii fi ijoolleen tee nyaadhaa'a.» isi'iin jedhe.
8
Gaaf tokko Eelsaa'i gara qachaa Suunaamii ta dubartiin dureettiin takka keessa jiraattuu dhaqe; isiin akka inni dhiyana nyaatu isa affeerte; inni gaafas irraa jalqabee hennaa gara qachaa Suunaamii dhaqu maraa mana isi'iititti waa nyaata ture.
9
Isiin abbaa worraa ufiitiin, «Namni hennaa maraa mana keenna dhufu kun nama Woyyuu Rabbii akka ta'e ani hin beeka;
10
kanaafuu mana manaan gubba'aatitti mana diqqoo ijaarreefii isii keessatti siree tokko, xarapheessaa tokko, teessoo tokkoo fi faanosa ifu tokko achi keessa haa keennuufii; inni hennaa nu naannayu'uuf dhufu maraa isii keessatti hara baafataa» jetteen.
11
Guyyaa tokko Eelsaa'i deebi'ee gara qachaa Suunaamii dhaqee mana isaa ijaarame san keessa seenee hara baafate.
12
Inni hojjataa ufii ka Giyaaz jedhamuun, «Ka'ii dubartittii qachaa Suunaamii waami» jedheen; isiinillee dhuftee isa afoo dhaabatte.
13
Inni Giyaaziin, «Waan mishaa isiin nuu goote maraan ani maal akka isi'ii godhu akka barbaaddu gaafadhu; maal laataa wonti dhaqee mootichaaf yookaan ajajaa loltootaatitti isi'ii himu jiraachuu danda'aa» jedheen. Isiinillee, «Hulee jiraata'aaru kanatti fira kiyya jidduu waan jiraata'aaruuf wonti na rakkisu hin jiru» jettee deebifteef.
14
Eelsaa'i Giyaaziin, «Eeganaa maal haa goonuuf ree?» jedhee gaafte. Giyaaz, «Isiin finna hin qabdu; abbaan worraa isi'iillee jaareera» jedhee deebiseef.
15
Eelsaa'i, «Akka dhuftu isi'itti himi» jedhee isa ajaje. Isiin dhuftee balbala isaa ladda dhaabatte;
16
Inni isi'iin «Bara dhufu woggaa adhaa ji'a kana keessa ilma ammatta» jedheen. Isiin garuu, «Akkasii miti! gooftaa kiyya; nama Rabbii! yabo'oo jecha abdi'ii ka hin raawwatamne natti hin himin!» jetteen.
17
Dubartittiin sun garuu ulfooftee akkuma Eelsaa'i isi'iin jedhe woggaa san keessa ji'uma sanitti ilma deette.
18
Daa'imni sun guddatee gaaf tokko hennaa midhaan haamamu gara abbaa isaa ka hojjattoota ufii woliin midhaan haama'aaruu dhaqe.
19
Dimmaa daa'imni sun abba'aan, «Mataa kiyya! mataa kiyya!» jedhee gara abbaa ufii iyye; abbaan ammo hojjataa ufii waamee, «Daa'ima kana haadha bira geessi» jedhee ajaje.
20
Hojjataan daa'ima baadhatee gara haadhaa fide; isiin akkuma isa ammatteen diqqoo ture guyyaa wodhakkaa du'e;
21
isiin kutaa Eeliyaasiif hojjatame keessa seensiftee siree irra ciibsitee balbala itti cuftee baate.
22
Isiin abbaa manaa ufii waamtee, «Ani daddafee nama Rabbii bira gayee deebi'aa hojjataa tokkoo fi harree tokko naa ergi» jetteen.
23
Abbaan manaa isi'ii, «Adha maaf deemta? Sambata yookaan hennaa ayyaanni jalqaba ji'aa itti kabajjamuu miti» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Rakkoon hin jiru; waanuma ani siin jedhe godhi » jetteen.
24
Garbicha ufii harree feesiftee, «Haga dhaabsisi siin jedhuuf hin dhaabsisinii oofi» jetteen.
25
Isiin achii kaatee gara hulee Eelsaa'i jiruu gara gaara Qarmeloosii dhaxxe. Namni Rabbii Eelsaa'i akka isiin dhufa'aartu fago'otti argee hojjataa ufii Giyaaziin, «Kuunno dubartittiin qachaa Suunaamii dhufa'aarti! daddafii isii bira dhaqii,
26
maal nagawuma dhuftee? Abbaan manaa kee nagayaa? daa'imni kee nagayaa? jedhiitii isii gaafadhu» jedheen; isiinillee, «nu martinuu nagawuma» jettee isatti himte.
27
Isiin haga gaara Qarmeloosiititti nama Rabbii bira dhaxxe gad jettee luka isaa qabatte; Giyaaz garuu isii dhoogguu barbaade; namni Rabbii, «Dubartiin tun guddiftee waan gadditeef dhiisiin; waan kana Rabbi natti hin himne na jalaa dhosse» jedheen.
28
Isiin nama Rabbii saniin, «Gooftaa kiyya; ani akka ati finna naa kennitu si kadhadhee turee? ‹Jecha abdi'ii ka hin raawwatamne naa hin kennin» jedhee sitti hin himnee?» jetteen.
29
Namni Rabbii Eelsaa'i Giyaaziin, «Mudhii kee hidhadhuu ulee kiyya harkatti qabadhuu deemi; namallee yoo argite nagaya hin gaafatin; yoo inni nagaya si gaafate jalaa hin qabin; ulee tiyya fidii daa'ima afoo kaayi!» jedheen.
30
Haati daa'imaa garuu nama Rabbii Eelsaa'iin, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee ani si dhiisee hin deemu!» jetteen; kanaaf innillee ka'ee isii faana deeme.
31
Giyaaz isaan firrisee daa'ima bira gayee ulee nama Rabbii ka Eelsaa'ii daa'ima afoo kaaye; sagaleen yookaan wonti dhagayamu hin jiru; inni gara nama Rabbii deebi'ee, «Daa'imni hin kaane» jedheen.
32
Eelsaa'i hennaa gara manaa ol seenu daa'imni du'ee siree irra ka ciisa'aaru arge;
33
Inni ol seenee gara lachiinuu balbala cufatee Rabbiin kadhate.
34
Kanaan maayessa inni dhaqee daa'ima irra gad ciisee afaan ufii afaan isaa irra, ija ufii ija isaa irra, harka ufii harka isaa irra kaayee reeffa irra gad ciise; achiin maayessa nafti daa'imaa oo'uu jalqabe.
35
Eelsaa'i ka'e mana keessa asii fi achi deddeeme; ammallee deebi'ee harka ufii badhisee daa'ima irra gad ciise; daa'imni haga hennaa torbaa haxxifateen maayessa ija banate.
36
Eelsaa'i Giyaaziin waamee, «Dubartii qachaa Suunaamii san waami» jedhe; isiin haga dhuftee gara isaa ol seente Eelsaa'i «Daa'ima kee fudhadhu» jedheen.
37
Isiin ol seentee luka isaa jalatti kuftee daa'ima ufii fudhattee baate.
38
Bara biyya maraa keessatti beelli baay'ateeru Eelsaa'i gara Gelgela'aa deebi'ee dhufe; achitti uduu inni garee raattotaa barsiisa'aaru Giyaaziin, «Keree guddaa fuudhii ittoo hojjadhu» jedheen.
39
Raattota keessaa namni tokko baala fidu'uuf gara raasa'aa bayee gaalee lafa gammoojji'ii argee fuudhee buqqee lafa gammoojji'ii haga ufii baadhatuu danda'utti muree qabatee dhufeenii waan qabatee dhufe san uduu maalummaa isaa hin beenne mummuree keree waa itti affeelan keessa buuse.
40
Worri raattotaa dhiyana isaanii dhiyaate san arrabaan tuqanii laalanii, «Ittoo kana keessa hadhaa nama ajjeesutu jira» jedhanii gara raatticha Rabbii Eelsaa'itti iyyatan; Dhiyana nyaachuu hin dandeenne.
41
Eelsaa'i daakuu naa fidaa jedhee keree keessa buusee, «Ittoo fuudha'aa buusa'aaf» jedhee ajaje; Hennaa san ittoo keessa wonti hadhaawu womtuu hin argamne.
42
Gaaf tokko hulee Ba'aalshaalishaa jedhamee waamamuu namni tokko hennaa haama'aa midhaan garbu'uu ka duraan dhayame keessaa xoroshoo garbu'uu diddamaatii fi asheeta garbu'uu qabatee gara nama Rabbii Eelsaa'iin bira dhaqe; Eelsaa'illee tajaajilaa ufiitiin, «Gumii raattotaatii akka nyaatan kenniif» jedhee ajaje.
43
Hojjataan isaa sun garuu, «Waan hagattii tanaa atta godhee nama dhibbaatii kenna?» jedhe. Inni, «Rabbi nyaatanii quufanii akka hambaa hambisan natti dubbateeraa isaanii kenni» jedhe.
44
Kanaafuu hojjataan isaa sun dhiyana isaanii dhiyeesse; akkuma Rabbi isatti dubbatetti martinuu nyaatanii haga quufaniin maayessa dhiyanni isaan irraa hafe.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25