bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 18
2 Kings 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 19 →
1
Bara ilmi Eela'aa Hooseen Israa'eliin irratti mooye woggaa sadeesso'ootitti ilmi Aka'aazii Hisqiyaas Yihuudaa irratti mooye.
2
Hennaa mooyu inni nama woggaa diddamii shaniiti; inni teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa diddamii sagalii bulche; haadha isaa Abiyaa Zakkaariyaasitu uumate;
3
inni akkuma abbaan isaa Daawiti Rabbiin afo'otti waan mishaa godhe akkasuma waan mishaa godhe.
4
Hulee sagadaa ka tulloota irra jiru hin balleesse; soodduu itti waaqeffatanillee hin caccabse; muka jalatti waaqeffatan hin cire; bofa Muuseen naasii irraa hojjate ka maqaan isaa Na'ushtaa jedhamu ijoolleen Israa'elii haga bara sanii hixaana aarsa'aafii waan turaniif hin caccabse.
5
Inni Rabbii Waaqa Israa'elii abdii godhate; mootiin isaan maayessa turellee yoo ta'e ka duraa mootiin akka isaa Yihuudaa keessa hin turre.
6
Inni Rabbiin wolii gale isa irraallee hin fagaanne; ajaja Rabbi Muusee ajajellee hin eege.
7
Rabbi waan isa woliin jiruuf karaa deemu marattuu yookaan wonti inni hojjatu hin qajeeleef; inni mootii Asoorii irratti badoomee gibira gabbaru'uufii dide.
8
Inni worri Filisxeemotaa Gaaza'aa haga daangaa isi'ii hulee waardiyyoonni eeganii jalqabee haga qachattii dallawamtee hin dhaye.
9
Hisqiyaas mooyee woggaa arfeesso'ootitti yookaan Hooseen Israa'eliin irratti mooyee woggaa torbeesso'ootitti mootiin Asoorii Seelminaasoor Israa'eliin irratti balaa buusee Samaariyaa marsee,
10
Woggaa sadeesso'ootitti guutumaan guutu'utti Samaariyaa qabate; wonti kun Hisqiyaas Israa'eliin irratti mootii ta'ee woggaa jaheesso'oo fi Hooseen mooyee woggaa sagaleesso'ootitti ta'e.
11
Mootiin Asoorii worra Israa'elii booji'ee gara Asoorii fide; isaan keessaa namoota hagoo qachaa Alaaheenasaatitti, namoota hagoo garuu Aboorii laga Goozaanii qachaa Meedoonii bira isaan kaaye.
12
Sababaan Samaariyaan kufteef waan worri Israa'elii Rabbii hin ajajamneef; waadaa inni isaan woliin gale waan diiganii fi seera tajaajila Rabbii ka karaa Muuse'eetiin isaanii kennamee waan ajajamuu didaniif.
13
Bara Hisqiyaas mooye woggaa kudha arfeesso'ootitti mootiin Asoorii Senaakireem balaa buusee qachaa Yihuuda'aa ta dallawamte qabate.
14
Mootiin Yihuuda'aa Hisqiyaas, «Ani si yakkeera, waan ati naan jettu maraa hin fudhadha» jedhee ergaa gara mootii Asoorii erge; mootiin Asoorii mootii Yihuuda'aa Hisqiyaasiin, «Wonti ani barbaadu saqilii kuma kudhanii fi worqii saqilii kuma tokkoo akka naa ergitu» jedheen.
15
Hisqiyaasillee birri'ii fi worqii mana Rabbiitii fi mana galmee mootichaa keessatti argame maraa kenneef.
16
Hennaa san Hisqiyaas balbala mana woyyummaa Rabbiitii fi worqii qasatoo balbalaa irratti maxxansellee itti eda'ee gara Senaakireemii erge.
17
Kun akkanatti uduu jiru mootiin Asoorii lammeesso'oo fi loltoota jabaate guddaa laakishii kaasee gara Yerusaalemii duulchisu'uun Hisqiyaasiin irratti balaa akka buusan ajaje; loltoonni sunniin namoota baallii guddaa qabaniin masakkaman; isaan akkuma Yerusaalemiin gayaniin haroo boyii karaa gubba'aatiin yaa'u biraan karaa gara worra uffata miican fidu qabatan.
18
Kanaan maayessa mooticha waaman Eeliyaaqeem ilmi Keelqiyaasii ajajaan manaa barreessaan Saaminaasii fi barreessaan seena'aa Yoo'aas ilmi Asaafii gara isaanii dhufan.
19
Raafaasiqiisi worra ergamaniin akkana jedhe, «Hisqiyaasitti mootiin guddaan Asoorii akkana jedha jedha'aa himaa'a jedhee erge; mootiin wonti ati amma itti abdattu kun maali'i?
20
oduu baay'essuun kee hunna woraanaatii fi mala waan sii ta'u seetaa? Waan eennu si gargaaru seeteeti wonti ati Asooriin irratti kaateef?
21
mootiin Misirii na gargaara jettee yoo qabatte inni akka ulee leemmanii ta bordifatan ta cabdee harka nama madeessituuti.
22
Isin Rabbii Waaqa keennatti abdanna yoo naan jettan Hisqiyaas Yihuuda'aa fi Yerusaalemiin hulee ciinca'aa ka Yerusaalemiin afoo jiruutitti sagadaa jedhee hulee sagadaa ka tulloota irraatii fi hulee ciinca'aa maraa ka diissise kanaamii?
23
Amma garuu mootii Asooriititti morkattee worra isa irra taa'an uduu ka argachuu dandeettu ta'ee ani faradoo kuma lamaa sii kenna.
24
Waan gaarii fardaatii fi waan faradoo Misirii abdattu nama baallii qabu ka mooticha kiyyaa gad ta'e afoo attamitti dhaabachuu dandeetta?
25
Ani amma ajaja Rabbii malee hulee kana balleessu'uuf bayeeraa? Rabbi «Gara biyyattii tanaa dhaqii balleessi» naan jedhe.
26
Kanaan maayessa ilmi Keliqiyaasii Eelyaaqeem Seminaasii fi Yoo'aas Rafaasqiisiin «Nu garboonni tee si dhageennaa afaan Sooriya'aatiin akka nutti himtu si kadhanna; baniin dallawa irra jiru maruu afaan dhagayaniin ka Ibraayisxiitiin nutti hin himin» jedhaniin.
27
Rafaasqiis garuu, «Gooftaa kiyya akka jecha kana dubbadhu gara keetii fi gara gooftaa kiyyaa na ergeeraa? Akka isin woliin udaan lukku'uu nyaatanii akka fincaan ufii dhugan wonti dubbadhuuf akka worri dallawa keessa jiran maruu dhagayaniif» jedhee isaanii deebise.
28
Kanaan maayessa Rafaasqiis hulee taa'ee ol ka'ee laagaa gudda'aan afaan Ibraayisxiitiin akkana jedha'aa dubbachuu jalqabe; «Waan mootiin moototaa Asoor isiniin jedhu dhagayaa'a!
29
Waan Hisqiyaas isiniin jedhuun hin sobaminaa'a; inni sirimaa isin hambisuu hin danda'u.
30
Hisqiyaas Rabbitti amanaa'a inni isin fayyisaa; qachaan teenna akka harka loltoota Sooriya'aa jala hin galle nu irraa dhoogga» jedha'aa ka inni isin gorsu hin dhagayinaa'a.
31
Mootiin Asoorii akkana isiniin jedha ‹gara kiyya koottaa'a; na woliinillee araaramaa'a; isin maruu woyinii keessanii fi muka hurbu'uu irraa nyaadhaa'a; boolla bisaanii keessan keessaallee bisaan dhugaa'a;
32
wonti kun maruu ka ta'uuf mootichi gara biyya teessan fakkaattuu isin fidee haga achitti isin quphachiisuuf; biyya san keessa hulee dhaabni woyini'ii itti argamuu fi lafa qonnaa ka midhaan irraa argamutu jira; lafti sunillee daraaraa ejersaa, dhadhaa ejersaatii fi ka dammi keessa guute; waan mootichi isin ajaje yoo gootan lubbu'uun jiraattan malee hin duutan; kanaafuu Hisqiyaas Rabbi isin hambisa jedha'aa akka isin hin gowwoomsine.
33
Dhugama waaqoleen tolfamaan worra ormaa harka mootii Asoorii jalaa isin hambisuu hin danda'anii?
34
Waaqoleen tolfamaan Haamaatii fi Arfaadii eessa jiran? Waaqoleen tolfamaan waayimii, seefeeriitii fi ka henna'aa ka Iwaamiillee eessa jiran? Samaariyaa harka kiyya jalaa baasuu hin danda'anii?
35
Rabbi Yerusaalemiin harka kiyya jalaa baasu'uuf waaqolee biyya keessa jiran maraa biyyattii ka harka kiyya jalaa hambise eennu?» jedhe.
36
Mootii akka baniin deebii tokkollee isaan hin deebifne waan akeekkachiiseeruuf baniin hin cadhise; waan tokkollee isaa hin deebifne.
37
Kanaan maayessa ilmi Keliqiyaasii Eeliyaaqeem, barreessaan seena'aa Saaminaas, barreessaan seena'aa ilmi Asaafii Yoo'aas uffata ufii tarsaasanii gara Hisqiyaasii dhaqanii waan Rafaasqiis isaaniin jedhe itti himan.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25