bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 6
2 Kings 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 7 →
1
Ijoolleen raattotaa Eelsaa'iin, «Huleen amma jiraata'aarru kun nutti dhiphateera.
2
Kanaafuu gara laga Yoordaanosii dhandhee utubaa ijaarruun murree hulee keessa jiraannu haa ijaarruu!» jedhaniin. Innillee, «Maarre deemaa'a!» isaaniin jedhe.
3
Worra raattotaa keessaa namni tokko Eelsaa'iin «Ati nu woliin deemi» jedheen; innillee «Maarre hin deema jedhee,
4
Isaan woliin deeme; akkuma laga Yoordaanosii bira gayaniin muka muran;
5
Isaan keessaa namni tokko uduu utubaa muru qottoon inni utuba'aan mura'aaru buqqaatee bisaanitti jalaa bannaan, «Bade gooftaa kiyya! qottoon tun qottoo ergisaati!» jedhee iyye.
6
Namni Rabbii Eelsaa'i, «Eessaan si jalaa itti badde!» jedhee isaa gaafate; innillee hulee qottoon itti badde itti mudhifnaan, inni garuu muka muree bisaan irra buufnaan qottoon badde gubba'atti ol baate.
7
Kanaan maayessa inni «Fudhadhu» jedheen; innillee harka ufii hiixatee fudhate.
8
Mootiin biyya Sooriya'aa worra Israa'eliitiin wol lola'aa ture; ajajaa loltoota ufii woliin mari'atee «dhokannee asitti quphanna» jedhe.
9
Namni Rabbii Eelsaa'i «Worri Sooriya'aa dhokatanii asitti quphataniiranii karaa kanaan hin lufin» jedhee gara mootii Israa'elii dhaamsa erge.
10
Waan kanaaf mootiin Israa'elii loltoota achi jiraatan akka uf eeggatan waan taasiseef jabaatanii uf eega'aa turan; wonti akkanaa kun hennaa baay'eef deddeebi'ee raawwatame.
11
Waan kanaaf mootiin Sooriya'aa guddisee gaddee loltoota ufii waamee «Yoo nu keessaa namni mootii Israa'elii woliin wolitti shariike jiraate natti hin himtanii?» isaaniin jedhe.
12
Loltoota isaa keessaa namni tokko «Akkasii miti; waan ati golatti dhossa'aan dubbattu raattichi biyya Israa'elii Eelsaa'i mootii Israa'eliititti hima» jedheen.
13
Innillee «Ani nama itti ergee isa qabsiisaa; hulee inni jiru soqaa'a» isaaniin jedhe; hennaa san raattichi Eelsaa'i Dootayiniin keessa akka jiru isatti himan.
14
Mootichi biyya Sooriya'aa gara hulee Eelsaa'i jiruu faradoo, gaarii fardaatii fi loltoota baay'ee erge; isaanillee dhufanii halkaniin qachattii san marsan.
15
Hennaa hojjataan nama Rabbii ganamaan ka'ee bawu ka loltoonni faradoon worri gaarii fardaa yaabbatanii lolan ka qachattii marsaniiran argee gooftaa ufiitiin «Bannee gooftaa kiyya! maal nuu woyya?» jedheen.
16
Eelsaa'i garuu, «Worri nu woliin jiru worra isaan woliin jiran caalaa hin sodaatin» jedheen.
17
Kanaan maayessa Eelsaa'i Rabbiin, «Yaa Rabbii kiyya! akka waa argu ija Giyaazii bani» jedhee kadhate; Rabbillee ija Giyaazii banee naannaya Eelsaa'ii faradoon akka ibiddaatii fi gaariin fardaa ka gaara irra guutaniiran arge.
18
Hennaa worri Sooriya'aa gara isaa dhufan Eelsaa'i «Banii kana akka ija isaanii jaamsitu si kadhadha» jedhee Rabbiin kadhate. Rabbillee kadhaa Eelsaa'ii dhagayee ija isaanii jaamse.
19
Kanaan maayessa Eelsaa'i isaaniin, «Karaan kanaa miti; qachattiinillee tanaa miti; nama isin barbaaddan isinitti mudhisaa isin masakkaa koottaa» jedhee gara Samaariya'aa isaan fide.
20
Akkuma isaan gara Samaariya'aa seenaniin Eelsaa'i, «Yaa Rabbi! akka isaan waa arguu danda'an ija isaanii bani!» jedhee Rabbiin kadhate; Rabbillee ija isaanii banee isaanillee ijji isaanii banamee akka biyya Samaariya'aa keessa jiran uf argan.
21
Mootiin Israa'elii worra Sooriya'aa hennaa arge Eelsaa'iin «Abbaa kiyya! isaan fixuu? isaan fixuu?» jedhee gaafate.
22
Eelsaa'i isaan hin ajjeesin; kanniin dhiisiitii worra woraanaan loltee boojiteeyyuu ajjeesuu si hin barbaachisu; ati waan nyaatanii fi waan dhugan isaanii kenni; nyaatanii dhuganii gara biyya ufii haa deemanii» jedheen.
23
Kanaaf inni waan nyaatanii dhugan isaanii qopheessee isaanii kennee haga nyaatanii dhuganiin maayessa isaan geegesse; isaanillee gara biyya ufii deeman; achiin maayessa loltoonni Sooriya'aa deebi'anii gara worra Israa'elii hin dhufne.
24
Achiin maayessa mootiin biyya Sooriya'aa Wolda'aadeer loltoota ufii qabatee deemee Samaariyaa marse;
25
Samaariyaa keessa beelli guddaan waan tureef sababaa beelaatiif gatiin mataa harree tokkoo saqilii saddeettama; udaan handari'ii giraama dhibba lamaa saqilii shanitti gurgurama'aa ture.
26
Gaaf tokko mootiin Israa'elii uduu dallawa irra naannayu dubartiin takka laagaa ol qabattee «Mootii gooftaa kiyya! yabo'oo na gargaari!» jettee iyyatte.
27
Inni garuu isi'iin «Ka Rabbi si hin gargaarre ani attamitti si gargaaruu danda'a? oobdii kiyya irraa moo hulee cuunfaa woyini'ii kiyya irraa waan si gargaaru sitti fakkaata?
28
Rakkoon kee maali'i?» Jedheen; isiin garuu «Dubartittiin tun adha daa'ima kee nyaannee boru ammo daa'ima kiyya nyaannaa; daa'ima as fidi» naan jette.
29
Akkuma isiin naan jette daa'ima kiyya affeellee nyaannee bariisaa san «Daa'ima kee as fidi hin nyaannaa jennaaniin isiin daa'ima ufii dhossite» jettee mootichatti himatte.
30
Mootichi waan dubartittiin sun itti himte haga dhagaye uffata ufii tarsaasee dallawa keessa naannaya'aa ture; uffata ufii garaa jalaan uffata gaddaa ka uffateeru argan.
31
Mootichi laagaa ufii ol qabatee, «Adha uduu aduun hin dhiine mataan Eelsaa'ii ilma Saafaaxii uduu hin muramne yoo bule Rabbi na haa ajjeesu» jedhee dubbate.
32
Hennaa san Eelsaa'i jaarsota woliin mana ufii taa'a'aa ture; mootichi nama ergee namni inni erge sun uduu isaan bira hin geenne Eelsaa'i jaarsotaan «Ilmi nama nama ajjeesuu mataa kiyya mursiisu'uuf akka nama erge laalaa'a; hennaa inni dhufee balbala bira gaye akka mana hin seenne balbala cufaa'a; mootichillee isa faanaa dhufa'aaraa» isaaniin jedhe.
33
Uduu inni kana dubbatee hin raawwanne namni ergamee dhufe sun Eelsaa'iin bira geennaan mootichi «Rakkoo kana maraa ka nutti fide Rabbi; kana caalaa badiin inni nutti fidu ka biraa maal eega?» Jedhe.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25