bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 2
2 Kings 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 3 →
1
Hennaan Rabbi Eeliyaasiin haboonbolatti'iin gara Sami'ii ol fudhatu gaye Eeliyaasii fi Eelsaa'i Gelgela'aa ka'anii deeman;
2
uduu karaa irra jiran Eeliyaas Eelsaa'iin, «Rabbi gara Beeteelii na ergeeraa ati asuma turi» jedheen. Eelsaa'i garuu Eeliyaasiin, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhaa sirima si biraa hin fooyamu» jedheen. Kanaafuu isaan lachuu gara Beeteelii dhaqan.
3
Ijoolleen raattotaa ka Beeteeliin jiran gara Eelsaa'ii dhufanii, «Rabbi adha akka gooftaa kee si jalaa fudhachu'uuf ta'u beetteertaa?» jedhanii gaafatan. Eelsaa'illee, «Ee beekeeraa isin garuu cadhisaa'a!» jedhee isaanii deebise.
4
Kanaan maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Rabbi gara Iyyaariko'oo na ergeeraa yabo'oo ati asuma turi» jedheen; innillee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee si biraa hin fooyamu!» jedheen; Kanaaf isaan lachuu gara Iyyaariko'oo dhaqan.
5
Ijoolleen raattotaa ka Iyyaarikoo keessa jiraatan gara Eelsaa'ii dhufanii, «Rabbi adha gooftaa kee akka si irraa fudhatu beetteertaa?» jedhanii gaafatan; innillee, «Ee beekeeraa; isin garuu cadhisaa» jedhee isaanii deebise.
6
Kanaan maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Ana Rabbi gara laga Yoordaanosii na ergeeraa yabo'oo ati asuma turi» jedheen; Eelsaa'i garuu, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee si biraa hin fooyamu» jedhee kanaaf isaan lachuu woliin deeman.
7
Ijoollee raattotaa keessaa namoonni shatamaa dhaqanii isaan irraa fagaatanii afoo isaanii hennaa dhaabatan isaan lamaanuu qarqara laga Yoordaanosii dhaabata'aaran.
8
Kanaan maayessa Eeliyaas kaabbaa uffateeru mulqatee maree bisaan dhaye; bisaan addaan qoodamee isaan lachuu lafa gogaa keessa ceeyan.
9
Haga laga ceeyaniin maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Uduu ani si biraa hin fudhatamne waan akka ani sii godhu barbaaddu na gaafadhu» jedheen. Eelsaa'illee, «Hafuurri si irra jiru dachaa lamaa akka na irra ta'u si kadhadha» jedhe.
10
Eliyaasillee, «Waan jabaa na gaafatte; garuu hennaa ani si biraa ol fudhatamu yoo na argite sii ta'a; yoo na hin argine sii hin ta'u» jedhee deebiseef.
11
Uduu woliin qaaqa'aa taphata'aa deeman faradoon ibiddaa ka gaarii ibiddaa harkisan dimmaa jidduu isaanii seenanii isaan lachuu adda fooyan; Eeliyaas garuu haboonbolatti'iin ol fudhatame.
12
Eelsaa'i waan kanniin maraa laala'aa, «Abbaa kiyya! abbaa kiyya! ati ka konkolaataa fardaatii fi faradoo Israa'elii taate» jedha'aa gara Eeliyaasii iyye; haga kana jedheen maayessa Eeliyaasiin deebi'ee hin argine; Eelsaa'i guddisee waan gaddeef uffata ufii bakka lamatti addaan tarsaase.
13
Kaabbaa Eeliyaasiin irraa bu'e lafaa fuudhee deebi'ee qarqara laga Yoordaanosii dhaabate.
14
Kaabbaa Eeliyaasiin irraa bu'een laga Yoordaanosii dhayee «Rabbi Waaqa Eeliyaasii eessa jirta? jedhe; achiin maayessa hennaa deebi'ee bisaan dhaye bisaan gara mirgaatii fi gara bita'aatitti addaan qoodamee inni laga gama ceeye.
15
Ijoolleen raattotaa ta Iyyaariko'oo dhufte hennaa isa argite «Hafuurri Eeliyaasiin irra jiru Eelsaa'iin irra bu'eera!» jedhanii isa argu'uuf dhufanii isa afo'otti gad jedhanii nagaya isa gaafatan.
16
Ijoolleen raattotaa ta Iyyaariko'oo dhuftee, «Kunoo garboota kee woliin namoota shantamaa jajjaba'atu jira; yoo ka Hafuurri Rabbii isa fuudhee gaara irratti yookaan dhooqa keessatti gatee jiraate dhaqanii akka gooftaa kee barbaadan si kadhannaa» jedhaniin; Eelsaa'i, «Isaan hin erginaa'a» jedhee isaanii deebise.
17
Haga inni saalfatutti waan isa kadhataniif yaada saniin wolii galee namoonni shantamaa deemanii haga guyyaa sadihii Eeliyaasiin soqan; garuu isa arguu hin dandeenne;
18
Achiin maayessa uduu Eelsaa'i Iyyaarikoo jiru isatti deebi'an; inni «Ani duraanuu hin deeminaa isiniin hin jennee?» Isaaniin jedhe.
19
Namoonni qachattii Iyyaariko'oo keessa jiraatan gara Eelsaa'ii dhufanii, «Gooftaa keenna akkuma beettu jireenni qachaa tana keessaa misha'a; bisaan garuu bada'a; lafti sanyii hin kennitu» jedhaniin.
20
Eelsaa'illee, «Ottee haarawa sooqidda itti buusa'aa naa fidaa'a» jedhee ajaje; isaanillee akkuma inni isaan ajaje godhanii fidaniif.
21
Inni gara hulee burqaan bisaan sun jiruu dhaqee sooqidda itti buusee, «Wonti Rabbi jedhu kana ‹Ani bisaan kana fayyisee akka qulqullaawu godha; kanaan maayessa namni bisaan kana dhugu hin du'u; laftillee midhaan baasuu hin diddu.› » jedhee dubbate.
22
Hennaa san irraa jalqabee akkuma raattichi Eelsaa'i dubbatetti bisaan sun haga adhaatitti hin qulqullaaye.
23
Achiin maayessa Eelsaa'i Beeteeliin dhaqu'uuf hennaa Iyyaariko'oo ka'u ijoolleen qachattii keessaa kara'atti itti dhuftee, «Bada molticha! molticha bayi!» jedha'aa itti baldan.
24
Eelsaa'i uf irra midhatee isaan laalee maqaa Rabbiitiin isaan abaare; Bineensi lamaa bosona keessaa bayanii ijoollee keessaa nama afurtamii lamaa caccabsan.
25
Achiin maayessa Eelsaa'i gara gaara Qarmeloosii dhaqee achiillee gara Samaariya'aa deebi'ee dhufe.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25