bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 15
2 Kings 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 16 →
1
Iyyoorbi'aam mootiin Israa'elii mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti Azaariyaas ilmi Ameesiyaasii Yihuudaa irratti mooye;
2
Hennaa mootii ta'u mucaa woggaa kudha jahaati; teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa shantamii lamaa bulche; haati isaa ta Yikooliyaa jedhamtu intala biyya Yerusaalemiiti.
3
Akkuma abbaan isaa Ameesiyaas waan mishaa mara godhe innillee Rabbiin afo'otti waan mishaa godhe.
4
Garuu hulee itti sagadan ka tulloota gubbaa jiru waan hin balleessineef baniin hulee sagadaa ka tulloota gubba'aa sanniinitti ciincaa ciincessa'aa hixaana aarsan.
5
Achiin maayessa Rabbi waan dhibee gogaa kukkutuun isa dhayeef inni haga du'utti dhibeen sun waan isa hin dhiifneef hujii maraa irraa dhooggamee mana addaa keessa hojja ufii jiraata'aa ture. Hennaa san bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamitu banii bulcha'aa ture.
6
Wonti mootichi Azaariyaas hojjate maruu galmee seenaa mootota biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
7
Azaariyaas du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamitu mootii ta'e.
8
Azaariyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa soddomii saddeetesso'ootitti Zakkaariyaas ilmi Iyyoorbi'aamii Samaariyaa keessatti Israa'eliin ji'a jahaa bulche.
9
Inni akkuma abboonni isaa Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan waan hamaa hojjatee cubbuu Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii hojjatee worra Israa'elii dogoggorse irraallee hin fagaanne.
10
Shaaluum ilmi Iyyaabeesii mooticha Zakkaariyaasiin mala itti malee hulee Yibila'aam jedhamtee waamamtutti dhayee ajjeesee bikka isaa mooye.
11
Wonti mootichi Zakkaariyaas hojjate galmee mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
12
Akka kanaan jechi abdi'ii ka Rabbi «Ijoolleen tee haga dhaloota afurii worra Israa'elii irratti hin mooyan jedhee Iyyuu raattichatti dubbate raawwatame.
13
Ooziyaan mooyee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti ilmi Iyyaabeesii Shaaluum Samaariyaa keessatti ji'a tokko bulche.
14
Minaaheen ilmi Gaadii Tersa'aa ka'ee gara Samaariya'aa dhaqee Shaaluumii ilma Iyyaabeesii dhayee ajjeesee bikka isaa mooye.
15
Wonti mootiin Shaaluum hojjate dharti isaa galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
16
Minaaheen hennaa Tersa'aa ka'ee deemu namoota qachattii Tifisaahii keessa jiraatanii fi qachoota naannoo isi'ii jirtu maraa hin balleesse; sababaan inni waan kana godheef waan isaan harka kennachuu didaniif; kanaaf dubartoota ulfaallee uduu hin hambifne garaa tarsaase.
17
Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa soddomii sagaleesso'ootitti Minaaheen ilmi Gaadii woggaa kudhanii Israa'eliin irratti Samaariyaa keessa taa'ee mooye.
18
Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate; cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne.
19
Mootiin Tiiglaat Pheeneseer Israa'eliin hunnaan qabannaan mootiin Minaaheen akka mootummaa isaa jabeessuu fi akka isa gargaaru saqilii giraama kuma tokko kennaa godhee Tiiglaat Pheeneseerii kenne.
20
Minaaheen dureeyyii Israa'elii irraa birrii guuree Tiigla'aa kenne. Innillee birrii san fudhatee nagayaan gara biyya ufii deebi'ee gale.
21
Wonti Minaaheen hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera;
22
Minaaheen du'ee bikka isaa ilma isaa Faaqisiyaasitu mooye.
23
Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa shantameesso'ootitti ilmi Minaahe'ee Faaqisiyaas woggaa lamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin bulche.
24
Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne.
25
Ajajaan loltootaa Faaquheen ilmi Ramaaliya'aa namoota Gala'aadii woliin ta'ee dhara dhaye; gola mana mootumma'aa keessa seenee Faaqisiyaas, Argobiina'aa fi Haariyyee fa'a ajjeesee bikka Fagaahiya'aa mooye.
26
Wonti Faaqisiyaas hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
27
Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa shantamii lammeesso'ootitti ilmi Roomeeliyu'uu Faaquheen woggaa diddamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin bulche.
28
Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne.
29
Bara Faaquheen mootii Israa'elii ta'ee bulche mootiin Aasoorii Telgeltelfelsoor dhaqee Iyyooniin, Abeelbetima'aakaan, Yaanowaa, Qaadees, Aasoor, Gala'aad, Galiila'aa fi biyya Niftaalemii maraa qabatee gara biyya Aasoorii fide.
30
Bara ilmi Ooziya'aa Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mooye woggaa diddameesso'ootitti ilmi Eela'aa Hoseen ilmi Roomeeliyuu Faaquhe'etti ka'ee dhayee isa ajjeesee bikka isaa mooye.
31
Wonti Faaquheen hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
32
Bara Faaquheen ilmi Roomeeliyuu Israa'eliin irratti mooye woggaa lammeesso'ootitti ilmi Ooziya'aa Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mooye.
33
Inni hennaa mootii ta'u ka'ima woggaa diddamii shanii ture; teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa kudha jahaa bulche; haati isaa Yeruus intala Saadooq uumate.
34
Inni afoo Rabbiititti akkuma abbaan isaa Ooziyaan waan mishaa hojjate innillee akkasuma hojjate.
35
Garuu hulee sagadaa ka tulluu irraa hin balleessine; baniin tulluma san irratti ciincaa ciincessa'aa hixaanallee aarsa'aa turan; inni balbala mana woyyuu Rabbii ka ol aanu hojjate.
36
Wonti Iyyoo'aataam hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
37
Rabbi duraan mootii Sooriya'aa Ra'aasoonii fi mootii Israa'elii Faaquhee hennaan akka isaan Yihuudaa irratti balaa buusan erge bara Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mootii ta'ee bulcha'aa ture ta'e.
38
Iyyoo'aataam du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aka'aazitu mooye.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25