bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 3
2 Kings 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 4 →
1
Iyyoosaafixi biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Iyyooraam ilmi Aki'aabii teessoo ufii Samaariyaa godhatee biyya Israa'elii irratti woggaa kudha lamaa mooye.
2
inni cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiise; garuu akka abba'aa fi haadha isaa Eelzaabeelii nama badaa hin turre; waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu ka abbaan isaa waaqeffatu'uuf hojjatee ture balleesse;
3
kanallee ta'ee waaqeffannaa mooticha Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka worra Israa'elii gara cubbu'uu masakke hordofe malee hin balleessine.
4
Mootiin biyya Moo'aabii Moosaan hoolota horsiisa ture; inni rifeensa hoolaa kuma dhibba tokkootii fi ilmoolee hoolotaa kuma dhibba tokkoo mootii Israa'eliitii gabbara kenna'aa ture.
5
Garuu haga mootichi Aki'aabi du'een maayessa mootiin biyya Moo'aabii Moosaan Israa'elitti ka'e.
6
Hennaa san mootichi Iyyooraam Samaariyaa keessaa bayee banii Israa'elii lolaaf yaase.
7
Inni gara Iyyoosaafixii mootii Yihuuda'aa, «Mootichi biyya Moo'aabii natti ka'eeraa na woliin lolaaf biyya Moo'aabii irratti baataa?» jedhee dhaamsa itti erge; innillee, «Ee hin baya; anii fi ati tokko; baniin kiyya banii keeti; faradoon tiyyallee faradoo teeti» jedhee deebiseef.
8
Eeganaa «Lolu'uuf karaa kamiin deemna ree?» jedhee isa gaafate. Mootichi Iyyooraam, «karaa lafa gammoojji'ii ka biyya Edoomiyaasiitiin deemna» jedhee deebiseef.
9
Kanaaf mootichi Iyyooraam, mootonni Yihuuda'aatii fi ka Eedoomii duulaaf yaa'an; deemsa guyyaa torbaatiin maayessa bisaan isaan jalaa dhume; loltootaa fi horii fe'aatiifillee bisaan woyiituu hin turre.
10
Mootichi Iyyooraam, «Rabbi nu mootota sadan mootii Moo'aabiitiif dabarsee nu kennu'uuf ta'aa nu hobbaasi!» jedhee iyye.
11
Mootichi Iyyoosaafixi, «Raattichi karaa isaatiin Rabbiin waa gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate. Ajajoota loltoota Iyyooraamii keessaa namni tokko «Eelsaa'i ilmi Saafaaxii ka Eeliyaasiin gargaara'aa ture as jira» jedhee deebiseef.
12
Mootichi Iyyoosaafixi, «Ee Rabbi karaa isaatiin hin dubbata» jedhe; kanaan maayessa mootonni sadiinuu gara Eelsaa'ii dhaqan.
13
Eelsaa'i mooticha Iyyooraamiin, «Ani wonti si gargaaruuf maali'i? gara raattota abbeetiitii fi haatetii dhaqii isaan gaafadhu!» jedheen. Mootichi Iyyooraamillee, «Akkasii mitii Rabbi nu sadiinuu akka mootiin Moo'aabii nu mooyatu taasisu'uuf nu waameera» jedhe.
14
Eelsaa'illee, «Maqaa Rabbii jiraataa gooftaa banii maraatiin siin jedhaa uduu mootii biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixiin saalfachuu baadhee silaa waan tokkollee si hin godhu ture;
15
Amma nama kiraara dhawu naa fidaa'a» jedhe; namni kiraara dhawu kiraara dhoofnaan hunni Rabbii Eelsaa'iin irratti bu'ee akkana jedhe;
16
«Rabbi akkana jedha, ‹Dhooqa goge kanniin maraa keessatti boolla bisaanii qotaa'a;
17
uduu qilleensaa fi rooba woyiituu hin argin dhoondhi kun bisaaniin guuttama; isin, horiin keessanii fi horiin fe'a'aa keessan maruu bisaan dhuddan gayaa argattan›
18
Kun Rabbiin biratti waan diqqa'a; kanaa olitti inni worra Moo'aabii akka mooyattan isin taasisa.
19
Qachoota ijaaramte ta isaanii ta filatamte bareedduu dallawa qabdu mooyattanii qabattan; mukkiin isaanii ka daraaraa qabu maraa hin murtan; burqaawwan isaanii hin duuchitan; maasaa isaanii ka qonnaa ka lalise balleessitanii dhagaa itti tuultan.»
20
Haga lafti bariitee hennaan ciincaa dhiyeessan gaye; burqaan bisaanii gara biyya Edoomiitii burqee lafa irra gara gale.
21
Biyyi Moo'aabii maruu akka mootonni sadan isaaniin lolu'uuf dhufan haga dhagayan worri guraadee hidhatu maruu yaa'anii wol gayanii daangaa biyya ufii irra dhaabatan.
22
Ganama subii hirribaa ka'anii hennaa laalan ifti adu'uu ka bisaan irraa dhiiga fakkaatee isaanitti mudhate;
23
Kanaafuu isaan laagaa ufii ol qabatanii «Wonti kun dhiiga! loltoonni diintota teenna sadiinii ufumaa wol goorra'aa wol fixaniiranii! eeganaa deemnee qe'ee isaanii haa saamnuu!» woliin jedhan.
24
Hennaa isaan qe'ee worra Israa'elii dhaqan worri Israa'elii ka'anii worra Moo'aabiitiin lolan; isaanillee isaan jalaa dheessan; worra Moo'aabiitiin lolanii biyya isaanii keessa seenan.
25
Qachoota isaaniillee diiganii qonna isaanii irratti namni maruu dhagaa tokko tokko buusan; burqaa bisaanii maraa hin duuchan; muka daraaru maraa hin muran; qachattii guddoo Qirhaaresii callaa dhiisan; qachattii isaan dhiisan san worri dhagaa furaanfurrisaan darbatu marsanii dhayan.
26
Mootiin biyya Moo'aabii akka lolli isatti hammaate haga arge namoota dhibba torbaa ka guraade'een lolan fudhatee isaan gara mootii Eedoomiyaasii ceeyuu yaalan; isaan garuu hin dandeenne.
27
Kanaaf ilma isaa ka hangafaa ka bikka isaa mootii ta'u fuudhee kaloo irratti ciinca'aaf dhiyeesse; waan kana irratti worri Israa'elii guddisanii waan aaraniif qachattii san dhiisanii gara biyya ufii deebi'an.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25