bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 19
2 Kings 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 20 →
1
Mootichi Hisqiyaas haga waan kana dhagaye gaddee uffata uf irratti tarsaasee uffata gaddaa uffatee gara mana Rabbii seene.
2
Inni ajajaa manaa Eeliyaaqeem, barreessaa Seminaasiin manguddoonni gada'aa uffata gaddaa uffatanii gara Isaayyaasii raatticha ilma Amootsii akka dhaqan itti hime.
3
Isaanillee Isaayyaasiin «Hisqiyaas ‹guyyaan kun guyyaa rakkoo gudda'aati; adabbiin nama saalfachiisuu fi salphinni nu irra gaya'aara; hennaan ijoolleen itti dhalattu gayeera; akka dubartii ciniinsuun qabee hunna hin qabnee ta'aniiran.
4
Mootiin moototaa Asoor Rabbii jiraataa akka arrabsu nama baallii guddaa qabu ergeera; Rabbi Waandhi kee arraba kana dhagayee ka arrabsu san adabuu danda'a; kanaafuu namoota banii keenna keessaa lubbu'uun hafanii yabo'oo Rabbiin kadhu» jedheen.
5
Akkasuma garboonni mootii Hisqiyaasii gara Isaayyaasii raattichaa dhaqan.
6
Isaayyaasillee isaaniin, «Rabbi mootii keessaniif akkana jedha; ‹arraba garboonni Asoorii na arrabsan hin sodaatin.
7
Ani kunoo hafuura oduu lolaa dhageessisu erga; oduu dhagayee gara biyya ufii deebi'a biyya san keessatti akka guraade'een du'u godha› » jedhe.
8
Ajajaan loltoota Asoorii nama miidhu'uuf qe'ee ufii Laakishii ka'ee Libinaa woraanu'uuf akka inni achi deeme dhagayee innillee garas deeme;
9
inni mootiin Itoophiya'aa Tirihaaqi si woraanu'uuf dhufeera oduu jedhu hennaa dhagaye ergaa akkana jedhu gara Hisqiyaasii erge.
10
«Mootii Yihuuda'aa Hisqiyaas! Waandhi ati itti amante ‹Yerusaalem mootota Yihuuda'aa jalatti hin kuftu› jedhee si hin sobin.
11
Kunoo waan mootonni Asoorii biyya maraa irratti godhanii fi attamitti akka balleessan dhageetteerta; ati kanaan amma waan jalaa baatu seetaa?
12
waaqoleen ormaa ka abboonni teenna balleessite Goozaaniin, Kaaraaniin, Raafiisi, ijoollee Eedeenii ka Batalaasaarii jiran oolcheeraa?
13
Inni isaaniin mootii Haamaatii mootiin Arfaatii, mootii qachaa Seefarwaayii mootiin Eenaanna'aa fi mootiin Eewa'aa eessa jiran?»
14
Hisqiyaas haga worra xalayaa geessan irraa fuudhee dubbiseen maayessa gara mana Rabbii seenee Rabbiin afo'otti badhise.
15
Hisqiyaas Rabbiin «Yaa Rabbi; Waaqa Israa'elii ka Kiruubeeliin irra teettu! ati hojjuma keetitti Waaqa; ati Waaqa mootota ardii maraati; ati ardi'ii fi samii uumteerta.
16
Yabo'oo gurra kee gara keenna qabii nu dhagayi; yabo'oo ija kee banii nu laali; dubbii Senaakireem Rabbiin morku'uuf dubbate laali.
17
Yaa Rabbi mootonni Asoorii banii baay'ee fi biyya isaanii maraa balleessaniiran.
18
Hujii harka namaa ka dhaga'aa fi muka irraa bocamee hojjatame malee waaqolee tolfamaa waan hin taaneef ibidda keessa buusanii balleessan.
19
Yaa Rabbii keenna mootonni biyya maraatuu ati callaan Rabbii waaqa akka taate akka beekan harka isaa jalaa akka nu baaftu si kadhadha» jedhee isa kadhate.
20
Kanaan maayessa ilmi Amootsii Isaayyaas gara mootii Hisqiyaasii ergaa akkana jedhu erge; «Rabbi Waandhi Israa'elii kadhaa waan Senaakireemii mootii Asoorii na kadhatte dhagayeera siin jedha.
21
Dubbiin Rabbi waan isaatiif dubbate kana; durbi Tsiyoonii si tuffatti; sitti balditi uduu ati dheessa'aa jirtu durbi Yerusaalemii mataa ufii sitti raafti.
22
Ka ati uggitee arrabsite eennu? laagaa kee eennuun irratti ol qabatte? eennuun ija uf jaju'uutiin laalte? Rabbii woyyuu Waaqa Israa'elii irrattiimii!
23
Ati baay'inna gaarii fardaa kiyyaan gara gaara dheera'aa ka Libaanosiin jalaa irra bayeera; birbirsoota dhedheeraa'a, hindheessa filatamellee ciree gara daangaa biyyaatii fi gara bosona Qarmeloosii gala.› jetteerta.
24
‹Lafa qotee bisaan dhuga; bisaan ittifame maraa kophee miila kiyyaatiin gossa› jettee ergamtoota ergitee Rabbiin morkite.
25
Senaakireem! qaabadhu; ani waan maraa akka jalqaba hojjadhee fi godhe hin dhageennee? Ammallee qachoota dallawaman akka diiggamanii tuulaman si goosise.
26
Kanaafuu worri isii keessa jiraatan harki isaanii hareera; nayanii raafamaniiran; akka marga raasa'aa, akka biqila lalisee, akka marga gamoo irra jiruutii fi akka midhaan waagiin dhayee ta'aniiran.
27
Ani garuu teettee ka'uu kee, bayaa gala kee, akkasuma akka na mormite hin beeka.
28
Lolli keetii fi uf jajuun kee gurra kiyya waan seeneeruuf funyoo funyaan keetitti; lugaamallee afaan keetitti godhee karaa duraan dhufte keessa si deebisa.»
29
Kanaan maayessa Isaayyaas mootii Hisqiyaasiin akkana jedhe; «Malkanni wonti kun akka ta'u mudhisu kana; bara kanaaf ka dhufuttillee midhaan uduu hin facaafne ufiin bayu nyaattan; woggaa sadeesso'ootitti garuu midhaan facaafattanii haamattan; woyiniillee dhaabdanii daraaraa isaa nyaattan;
30
manni Yihuuda'aa ka du'a irraa hafe hin jabaata; hidda gad fageeffata;
31
worri Yerusaalemii fi gaara Tsiyoonii irraa hafan hin dhufan Rabbiin gooftaan banii maraa uduu kana hin raawwanne hin dhiisu.
32
Kanaafuu Rabbi waan mootii Asoorii akkana jedha; «Inni gara qachaa tanaa hin dhufu; eboollee hin darbatu; wonteellee qabatee hin dhufu; kaabaa biyye'eellee hin hojjatu.
33
Karama dhufe saniin deebi'ee gala; gara qachattii tanaa hin dhufu» jedha.
34
Qachattii tana ulfinna kiyyaa fi akkasuma waan abdii garbicha kiyya Daawitii kenneetiif jedhee lolee isii hambisa.»
35
Halkan san maleekkaan Rabbii gara ganda Asoorii dhaqee namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shanii ajjeese; hennaa namoonni ganamaan ka'an maruu du'aniiran.
36
Mootiin Asoorii Senaakireemillee uf duuba deebi'ee dheessee gara Nanawwe'ee deebi'ee taa'e.
37
Guyyaa tokko uduu inni mana sagadaa ka Waaqa ufii Sanaasaarakiin keessatti sagadu ijoolleen isaa Adraameekii fi Saraasar isa ajjeesanii gara biyya Araaraatii dheessan; bikka isaa ilma isaa Asrado'otu mooye.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25