bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 8
2 Kings 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 9 →
1
Eelsaa'i dubartittii daa'ima isi'ii du'aa kaaseef saniin «Ati maatii kee woliin asii deemii hulee biraa jiraadhu; beelli biyya kana keessatti woggaa torbaaf akka turu Rabbi ajajeeraa» jedhee isi'itti dubbate.
2
Kanaaf dubartittiinillee akkuma namni Rabbii Eelsaa'i isi'itti hime maatii ufii qabattee deemtee biyya Filisxeemii keessa haga woggaa torbaa teette.
3
Woggaa torbaan maayessa dubartittiin sun biyya Filisxeemiitii deebitee waan lafa ufiitii fi waan mana ufii mootichatti dhaxxee iyyatte.
4
Mootichillee Giyaazii garbicha nama Rabbii woliin baasa Eelsaa'i hojjate natti himi jedha'aa qaaqa'aa turan.
5
Giyaaz mootichaan akka Eelsaa'i nama du'e kaase uduu itti himu dubartittiin Eelsaa'i daa'ima isi'ii du'aa kaaseef sun waan lafaa fi waan mana ufii dhaxxee mootichatti iyyatte; Giyaazillee mootichaan «Mootii gooftaa kiyya! Dubartiin sun tana daa'imni Eelsaa'i du'aa kaasellee kana!» jedhe.
6
Mootichi dubartittii gaafannaan isiinillee isatti himte; mootichi nama baallii qabu ka qaamni uumatuun hin hojjanneef waamee «Qabeenna isiin asiin dura qabdu maraa daraaraa lafa isi'ii ka guyyaa isiin deemte irraa jalqabee bu'aa lafa san irraa argame maraa akka deebisaniif» jedhee isa ajaje.
7
Eelsaa'i hennaa gara Damaasqo'oo dhaqu mootiin biyya Sooriya'aa Wolda'aadeer dhibamee ture; hojjattoonni mootichaa mootichaan namni Rabbii as dhufeera jedhanii himan.
8
Mootichi hojjattoota ufii keessaa Azaaheliin waamee, «Waan raatticha Rabbiitii kennitu harkatti qabadhuutii ani akka dhibee kana irraa fayyuu fi hin fayyine akka inni Rabbiin naa kadhatu gaafadhuun» jedheen.
9
Kanaafuu Azaahel midhaan biyya Damaasqo'oo keessatti argamu maraa gaala afurtamatti fe'ee Eelsaa'iin bira dhaqee, «Ilmi kee Wolda'aadeer dhibee irraa akka fayyuu fi akka hin fayyine akka isatti himtuuf na erge» jedheen.
10
Eelsaa'i Azaaheliin «Ati hin fayyita jedhii isatti himi; garuu akka inni du'u Rabbi natti mudhiseera» jedheen.
11
Kanaan maayessa Eelsaa'i fuula badee ija bada'aan laale; sababaa kanaaf Azaahel guddisee naye; Eelsaa'i garuu hin booye.
12
Azaahel, «Gooftaa kiyya maaf bootta?» Jedhee Eelsaa'iin gaafate; Eelsaa'i, «Waan hamaa ati uf afoo banii Israa'elii irratti gootu waan beekuuf; wonti hamaan sunniinillee ati kushee isaanii ibiddaan gubda; ka'imman isaanii jajjaboota hin goorraata; daa'imman isaaniillee dhagaa irratti bubburussita; garaa dubartoota isaanii ta ulfaallee hin babbaqassita» jedhee deebiseef.
13
Azaahel Eelsaa'iin, «Ani ka waan hamaa guddaa akkanaa kana hojjadhu ani namni womaa hin fayyanne kun eennu?» jedhe; Eelsaa'i Azaaheliin, «Ati Sooriyaa irratti akka mootii taatu Rabbi natti mudhiseera» jedheen.
14
Kanaan maayessa Azaahel Eelsaa'iin biraa deemee gara gooftaa ufii dhaqe; mootichillee Azaaheliin, «Eelsaa'i maal siin jedhe?» Jedheen; innillee «Akka ati fayyitu natti hime» jedheen.
15
Garuu bariisaa san Azaahel uffata halkan uffatan fuudhee bisaanitti cuuphee mooticha fuulatti uwwisee ukkaamsee isa ajjeesee bikka isaa mooye.
16
Iyyooraam ilmi Aki'aabii Israa'eliin irratti mooyee woggaa shaneesso'ootitti ilmi Iyyoosaafixii Iyyooraam biyya Yihuuda'aa irratti mooye.
17
Inni hennaa moowu nama woggaa soddomii lamaati; Yerusaalemiin irratti woggaa saddeeti mooye.
18
Mucattii Aki'aabii waan fuudhee tureef waan hamaa maatiin Aki'aabii hojjata'aa ture hojjate; karaa mootonni Israa'elii irra deemanii waan hamaa hojjatan hojjatee Rabbiin gaddisiise.
19
Rabbi garuu tanaan dura karaa garbicha ufii Daawitiitiin akka fiixaa isaa keessaa mootii isa hin dhabsiifne waan abdii kenneefii tureef biyya Yihuuda'aa balleessuu hin barbaanne.
20
Bara Iyyooraam mooye Edoomiyaas biyya Yihuuda'aa irratti lola kaasee bilisummaa mootummaa ufii labse;
21
Kanaafuu Iyyooraam gaarii fardaa ufii maraa qabatee gara Saa'irii lufe; namoota Edoomiyaasii ka isaa fi bulchoota gaarii fardaa ka isa marsaniiran dhaye; loltoonni garuu gara daasee ufii dheesse.
22
Hennaa san irraa jalqabee Edoomiyaas bulchiinsa Yihuuda'aa jalaa bilisa baate, hennama san qachattiin Libina'aa lolaaf kaate.
23
Wonti Mootichi Iyyooraam hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
24
Iyyooraam du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Akaaziyaasitu mooye.
25
Iyyooraam ilmi Aki'aabii biyya Israa'elii irratti mooyee woggaa kudha lammeesso'ootitti ilmi Iyyooraamii Akaaziyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye.
26
Inni hennaa moowu nama woggaa diddamii lamaati. Yerusaalemiin irratti woggaa tokko mooye; haati isaa ta Gotoliyaa jedhamtu mucattii Zambirii mootii Israa'eliiti.
27
Inni soddaa Aki'aabii waan tureef waan hamaa maatiin Aki'aabii hojjatan hojjatee Rabbiin gaddisiise.
28
Akaaziyaas Iyyooraamii ilma Aki'aabii woliin Azaahelii mootii biyya Sooriya'aa woliin wol lolu'uuf gara Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqan; worri biyya Sooriya'aa garuu Iyyooraamiin dhayanii madeessan.
29
Hennaa mootichi biyya Sooriya'aa Iyyooraam mootii Azaaheliin wol lole, madaa worri biyya Sooriya'aa isa madeessan yaalamu'uuf gara qachaa Iyiziraa'elii deebi'e; ilmi Aki'aabii Iyyooraam waan dhibameeruuf Akaaziyaas ilmi Iyyooraamii mootii biyya Yihuuda'aa isa gaafachu'uuf gara Iyiziraa'elii dhaqe.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25