bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 14
2 Kings 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 15 →
1
Ilmi Iyyoo'akaazii Yoo'aas Israa'eliin irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti Ameesiyaas ilmi Iyyoo'aasii Yihuudaa irratti mooye;
2
Inni hennaa moowu nama woggaa diddamii shanii ture; Yerusaalemiin irratti woggaa diddamii sagal bulche; haati isaa ta Yoo'aadaa jedhamtu dubartii Yerusaalemiiti.
3
Inni waan qajeelaa Rabbiin afo'otti hojjate; garuu waan abbaan isaa hojjate hojjate malee akka abbaa isaa akka Daawitii hin hojjanne.
4
Garuu hulee sagadaa ka tulluu irraa ka worri ormaa itti waaqeffatan hin diinne; sababaa kanaaf baniin tulloota irratti ciincaa dhiyeessu'uu fi hixaana aarsuu hin dhiifne.
5
Haga mootummaan isaa jabaateef worra baallii qaban ka abbaa isaa ajjeesan maraa hin ajjeese.
6
Akkuma kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame Rabbi, «Namni maruu cubbuu ufiitiif haa du'uu malee cubbuu ijoollee ufiitiif hin du'in; Cubbuu abboonni hojjataniif ijoolleenillee hin du'in; namni kamuu yakkuma ufii hojjateef du'aan haa adabamuu» jedhee kenne raawwateera.
7
Ameesiyaas, hulee «Dhooqa sooqiddaa» jedhamee waamamutti loltoota Edoomiyaasii kuma kudhanii fixe; qachaa Seelaa jedhamtu qabatee «Yooqixi'eel» jedhee maqaa itti baase; haga adhaa maqama kanaan waamamti.
8
Kanaan maayessa Ameesiyaas, «Koottu qaamaan wol arginaa!» jedhee gara Yoo'aasii ilma Akaaziyaasii ilma Iyyu'uu erge.
9
Mootichi Iyyoo'aas akkana jedhee isaa deebise, «Hennaa woyii qummuudduun gaara libaanosii irra jiraattu takka munni libaanosii mucaa kiyya ka dhiiraatii mucattii tee ta intalaa naa kenni› jettee dhaamsa itti ergite; garuu bineensi Libaanosii karaa san uduu lufu qummuuddattii irra ijjatee ajjeese;
10
Emeesiyaas! ati waan worra Edoomotaa mooyatteef boontaa? mootee argattetti gammaddee mana kee taa'uu sii woyya maaf waan sii fi banii kee irrattillee balaa fidu ufitti kaasuu barbaadda?» jedhee gara mootii Ameesiyaasii dhaamsa erge.
11
Ameesiyaas garuu dhagawuu didee lolaaf baye; inninii fi mootiin Yihuuda'aa Ameesiyaas raasaa Beetasamiisii ta Yihuudaa biraatitti wol lolan.
12
Mootiin Yihuuda'aa mooyatamee loltoonni isaallee dheessanii gara qachaa ufii galan.
13
Mootiin Israa'elii Yoo'aasi mootii Yihuuda'aa Iyyoo'aasii ilma Akaazii Ameesiyaas Beetasaamisitti booji'ee gara Yerusaalemii deemee kaloo Yerusaalemii balbala Efreemii irraa jalqabee haga balbalaa ciqilee dhibba afurii diige.
14
Worqii'i, birrii'i, mana Rabbiitii meeshaa woyyuu'u, galmee mana mootichaa maraa, namoota akka qabdi'iititti booji'amanillee fuudhee gara Samaariya'aa deebi'e.
15
Wonti Yoo'aas hojjate, gara jabeenni isaa, akki inni mootii Yihuuda'aatiin wol lole galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
16
Yoo'aas du'ee qachaa Samaariya'aa awwaala mootonni Israa'elii itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoorbi'aamitu mooye.
17
Iyyoo'aas mootiin Yihuuda'aa ilmi Ameesiyaasii haga mootiin Israa'elii Yoo'aas ilmi Akaaziyaasii du'een maayessa woggaa kudha shan jiraate.
18
Wonti Ameesiyaas hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
19
Achiin maayessa Yerusaalemitti Ameesiyaasiin ajjeesu'uuf itti malanii turan; sababaa kanaaf Ameesiyaas dheessee gara qachaa laakkisoo dhaqe; diintonni isaa garuu laakisotti nama itti erganii ajjeesisiisan.
20
Reeffa isaa fardatti fe'anii fidanii Yerusaalemiin qachaa Daawitiititti awwaala abboota isaa biratti awwaalan.
21
Baniin Yihuuda'aa maruu mucaa Azaariyaasii Ooziyaa ka woggaa kudha jahaa fuudhanii bikka Ameesiyaasii mootii taasisan.
22
Ooziyaan haga abbaan du'een maayessa lolee mooyatee qachattii Eelaatii uf jala taasisee deebisee ijaare.
23
Iyyoo'aas Ilmi Ameesiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa kudha shaneesso'ootitti Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooye; inni teessoo ufii Samaariyaa keessa godhatee woggaa afurtamii tokko bulche.
24
Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka Israa'eliin dogoggorse maraa irraa hin deebine.
25
Lafa armaan dura ta Israa'elii ture karaa Haamaatii gara kaabaatiin jiruu jalqabee gara kibbaatiin haga galaana Arabaa maraa mooyatee deebise; kun maruu ka raawwatame sababaa garbicha Rabbii ilma Amitaayii Yoonaasii raattichaa dhalataa biyya Gaatifeeriitiin abdii Rabbi Waandhi Israa'elii kenneetiin.
26
Rabbi rakkoo hamaa Israa'elii arge; Israa'eliin keessa garbichallee yoo ta'e wolabtichi nama isaan gargaaru hin qaban.
27
Rabbi akka banii Israa'elii lafa irraa balleessu hin dubbanne; kanaafuu karaa ilma Yoo'aasii Iyyoorbi'aamiitiin Rabbi isaan hambise.
28
Wonti Iyyoorbi'aam hojjate, gara jabeenni isaa, lolee Damaasqo'oo fi Hamaatiin duraan ka Yihuudotaa Israa'elootaa akka deebise galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
29
Iyyoorbi'aam du'ee awwaala abboota Israa'elii biratti awwaalame; ilmi isaa Zakkaariyaas bikka isaa mooye.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25