bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 21
2 Kings 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 22 →
1
Minaaseen bara Yihuudaa irratti moowu umuriin isaa woggaa kudha lama ture; inni Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa shantamii shanii bulche; maqaan haadha isaa Hafseeba'a.
2
Minaaseen akka worri Israa'elii hennaa gara biyya waadaa isaanii galameetitti galan waaqolee ormaa ka Rabbi afoo isaaniitii balleessee fi hujii hamaa worri ormaa hojjatan hojjata'aa Rabbiin gaddisiise.
3
Inni hulee sagadaa ka tulloota irraa ka abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Aki'aabi godhe waaqa tolfamaa ba'aaliif hulee ciinca'aa hojjate; muka jalatti waaqeffatanillee hin dhaabe; waaqolee sami'ii maraafuu sagada'aa waaqeffate.
4
Hulee Rabbi maqaa kiyyatu itti waamama jedhe Yerusaalemitti mana Rabbii keessatti hulee ciinca'aa ijaare.
5
Mana woyyuu Rabbii keessatti hulee itti bayan lamaan irratti waaqolee sami'iitii hulee ciinca'aa ijaare;
6
Ilma ufii ciincaa godhee dhiyeesse; inni ka moruu fi ka asmaa hojjatu ta'ee mortootaa fi worra hafuura worra du'anii waamu irraa gorsa fudhata'aa ture; sababaa waan kanniin godheef, cubbuu guddaa waan hojjateef Rabbiin dallansiise.
7
Rabbi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin Yerusaalemii gosa Israa'elii maraa keessaa filadhe; mana kana keessatti maqaan kiyya baraa haga bara baraa waamama;
8
Ajaja garbichi kiyya Muuseen ajaje maraa yoo godhanii fi yoo eegan biyya abboota isaaniitii kenne keessaa Israa'eliin hin baasu mana jedhe keessatti muka itti waaqeffatu'uuf bocamee fi fakii qirqidame dhaabe.
9
Worri Yihuuda'aa dubbii Rabbiitii hin ajajamne; sirimaa Minaaseen worra Israa'eelii masakka'aa dhufee cubbuu banii Rabbi afoo isaaniitii buqqisee balleesse caalaa gara cubbuu caalutti isaan masakke.
10
Rabbi karaa garboota ufii karaa raattotaatiin akkana jedhee dubbate
11
«Mootiin Yihuuda'aa Minaaseen waan battii kana maraa hojjateef cubbuu armaan dura worri Amoorotaa hojjatan caalaa hojjateera; waaqolee tolfamaa hojjateen banii Yihuuda'aa gara cubbu'uu oofe;
12
kanaafuu ani Rabbiin Waandhi Israa'elii Yerusaalemii fi Yihuudaa irratti balaan hamaan ani fidu kana; namni waan kana dhagayu maruu guddisee rifata.
13
Ani akkuma Samaariya'aa fi mootii Israa'elii Aki'aabiin fiixaa isaa woliin adabe Yerusaalemiin hin adaba; gabateen waa irratti nyaatan akkuma dhiqamee gombifamee kaayamutti ani Yerusaalemiin cubbuu irraa hin qulqulleessa.
14
Banii kiyya ka balaa jalaa baye akka diintota isaanii jala ta'an isaan dhiisa; inni hin booji'ama; qabeenni isaallee hin saamama.
15
Guyyaa Misirii bayanii jalqabee haga adhaa afoo kiyyatti waan hamaa hojjatee na dallansiiseera» jedhe.
16
Minaaseen waan hojjachu'uun cubbuu Yihuudaa hojjachiiseen ala ka biraa haga Yerusaalem dhiigaan guuttamtutti daanga'aa haga daanga'aa dhiiga namoota qulqullu'uu baay'ee jisse.
17
Wonti Minaaseen hojjate maruu cubbuun inni hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
18
Minaaseen akkuma abbootaa du'ee hulee biqiltuu Ooza'aa ta mana isaa bira jirtu jalatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Amoontu mooye.
19
Amoon hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii lamaati; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa lamaa bulche; haati isaa ta Meesaalaa jedhamtee waamamtu dhalattuun biyya Yooxiba'aa mucattii Haruusii turte.
20
Amoon akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate.
21
Waan hamaa abbaan isaa hojjate, waaqolee tolfamaa abbaan isaa waaqeffate waaqeffatee sagadeef.
22
Rabbii abboota isaa ka durii hin dhiise; karaa Rabbii irra deemuullee hin dhiise.
23
Garboonni Amoon mooticha irratti mari'atanii mala itti malanii mana mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan.
24
Banii biyyaa garuu worra mooticha Amoon irratti mala malan maraa hin ajjeesan; baniin bikka ilma isaa Iyyoosiyaasiin moosisan.
25
Wonti Amoon hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
26
Amoon du'ee hulee biqiltu'uu ta «Hulee biqiltuu Ooza'aa» jedhamtutti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoosiyaasitu mooye.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25