bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 17
2 Kings 17
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 18 →
1
Bara Aka'aaz Yihuudaa irratti mooye woggaa kudha lammeesso'ootitti ilmi Eela'aa Hooseen teessoo ufii Samaariyaa keessa godhatee woggaa sagalii Israa'eliin bulche.
2
Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee Rabbiin gaddisiise; garuu cubbuun inni hojjate ka mootonni Israa'elii ta isaan dura turan hojjatan hin gawu.
3
Mootiin Asoorii Seelminaasoor isa woliin wol lolee isa mooyatee wogga wogga'aan isa gabbara'aa ture.
4
Mootiin Asoorii Hoosee irratti waan hamaa arge; inni dhaamsa gara Seegoorii mootii Misirii waan ergee tureef akkuma armaan dura gabbaru mootii Asooriitiif waan gibira hin kennineef mootiin Asoorii isa qabee mana hidha'aatitti isa hiisise.
5
Kanaan maayessa Seelminaasoor biyyattii Samaariya'aa woggaa sadihiif marse.
6
Hooseen mooyee woggaa sagaleesso'ootitti inni Israa'eliin mooyatee Samaariyaa qabatee worra Israa'elii booji'ee hidhee gara mootii Asoorii fide; isaan keessaa banii hagoo Ba'aalaahenaa, Baraaboorii haga Goozaanii fi qachaa Meedoonii keessa isaan kaaye.
7
Sababaan wonti kun ta'eef cubbuu worri Israa'elii hojjate, Rabbii isaan biyya Misiriitii baasee gara biyya waadaa galeefii isaan masakke waan gaddisiisanii fi waaqolee tolfamaa waan waaqeffataniif.
8
Rabbi banii masakka'aa hennaa isaan fide hujii hamaa ormaa ka inni afoo isaaniitii balleesse hojjatan; akkasuma waan hamaa mootonni Israa'elii barsiisan fudhatan.
9
Ijoolleen Israa'elii afoo Rabbiititti waan qajeelaa hin taane dhossa'aan hojjatan; qachaa ufii maraa keessatti gamoo waardiyyoonni irra dhaabatanii eegan irraa jalqabee haga qachattii dallawamtee gubbaa irratti hulee sagadaa ijaaran.
10
Tulloota dhedheeraa maraa irratti, mukkiin lalisaa jalatti sooddu'uu fi hulee itti waaqeffatan ijaaran.
11
Orma Rabbi afoo isaaniitii balleesse hojjatanii hulee sagadaa ka tulloota maraa irratti hixaana aarsa'aa turan.
12
Waan hamaa hojjatanii Rabbiin aarsanii waaqolee tolfamaa Rabbi dhoogge waaqeffatan.
13
Rabbi isaaniin «Hujii hamaa hojjattan dhiisaa'a; ajaja abboota keessanitti kenne, ajajaa fi seeraa raattota garboota tiyyaan isinitti erge maraa eegaa'a» jedhee raattota maraa fi afaan worra raaguu maraan Israa'elii fi Yihuuda'atti hime.
14
Isaan garuu akka worra Rabbii Waaqa ufiitii hin amanneetitti akka abboota ufii lum'a jabaatan malee Rabbiin hin dhageenne.
15
Waadaa inni abboota isaaniitii galee fi seera inni jabeesse, raaga isaallee tuffatani waan duwwaa ta'e hojjatanii worra bu'aa hin qabne ta'an; waan Rabbi isaan ajaje dhiisanii orma naannoo isaanii jiran hordofan.
16
Ajaja Rabbii waaqa ufii maraa dhiisanii sibiila baffame irraa fakii waatilee lamaa hojjatan; muka hulee itti waaqeffataniillee hin dhaaban; uumama sami'iitiillee hin sagadan.
17
Ijoollee ufii ka dhiiraatii fi ta intalaa ciincaa godhan; isaan worra moruu fi worra asmaa hojjatu ta'an; waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatanii isa aarsan.
18
Sababaa kanaaf Rabbi Israa'eliin guddisee lolee afoo ufiitii isaan balleesse; afoo isaatitti gosa Yihuuda'aa malee womaa hin hafne.
19
Namoonni Yihuuda'aallee cubbuu worri Israa'elii hojjatan hojjatan malee ajaja Rabbii Waaqa ufii hin eenne.
20
Rabbi fiixaa Israa'elii maraa jibbee diintota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne.
21
Rabbi worra Israa'elii Yihuudaa irraa haga fooyeen maayessa worri Israa'elii ilma Naabaaxii Iyyoorbi'aamiin filanii uf irratti moosisan. Iyyoorbi'aamillee akka isaan Rabbiin dhiisan godhu'uuf gara cubbuu hama'aatitti isaan geesse.
22
Ijoolleen Israa'elii cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjatan; worri Israa'elii haga Rabbi afoo ufiitii isaan balleessutti isaan cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjata'aa jiraatan malee cubbuu san irraa hin deebine; sababaa kanaaf worri Israa'elii biyya ufiitii booji'amanii fudhatamu'uun haga adhaa biyya Asoorii keessa jiraatan; worri Asoorii biyya Israa'elii keessatti akka quphatan taasifame.
24
Mootiin Asoorii namoota biyya Baabilooniitii Kuta'aa, Awa'aa, Hamaatii fi Seefarwaayimiitii fidee bikka ijoollee Israa'elii qachoota Samaariya'aa keessatti isaan quphachiise; isaanillee biyya Samaariya'aa dhaalanii isii keessa taa'an.
25
Achi keessa haga jiraachuu jalqaban Rabbiin sodaatan. Rabbillee leencan isaanitti ergee isaan fixe.
26
«Baniin ati akka isaan qachoota Samaariya'aa keessa jiraatan goote banii seera waaqa biyya sanii beekan ta'anii hin argamne. Sababaa kanaaf oduun ‹Rabbi leenca isaan caccabsee ajjeesu isaanitti erge› jedhu isa gaye.
27
Kanaafuu mootichi, «Gadoota boojinee finne keessaa tokko achi ergaa'a; achi deemanii seera waandhi tolfamaan biyya sanii ajaje akka banii barsiisan godhaa'a» jedhee ajaje.
28
Kanaaf gadichi gosa Israa'elii ka booji'ame deebi'ee Beeteeliin taa'e; achitti baniin akkamitti akka Rabbiin waaqeffatu barsiise.
29
Baniin Samaariya'atti quphate garuu ufumaa waaqa tolfamaa hojjatanii hulee gooddaa yookaan tulluu worri Israa'elii irratti waaqeffatan irra kaayan; gareen maruu qachaa ufii keessa jiraatanitti waaqa tolfamaa ufiif hojjatan.
30
Namoonni Baabiloonii waaqa tolfamaa Sikootinaam jedhamu hojjatan; namoonni Kutaamii waaqa tolfamaa Ergeel jedhamu hojjatan.
31
Namoonni Hamaatii waaqa tolfamaa Asaat jedhamu hojjatan. Namoonni Awuutotaa waaqa tolfamaa Albaaziirii fi Tartaaqiiniin hojjatan; namoonni Seefariyaawotaa waaqa tolfamaa Adireemeelikii fi Anamaaleekii ijoollee ufii ibiddaan guba'aa turan.
32
Namoonni kunniin ammallee Waaqa dhuga'aa Rabbiifillee hin sagadan; garee maraa keessaa worra waaqa tolfamaa worra Aramaawotaa gadoota hulee ciinca'aatitti tajaajilan filatan.
33
Akkaataa kanaan Rabbiin waaqeffachuu jalqaban; karaa biraatiin akkuma worra armaan dura isaan woliin turan waaqeffataniititti waaqa tolfama'aa sagada'aa turan.
34
Haga adhaa woma duraan godhan san hojjatan; Rabbiin hin sodaanne; akkuma Rabbi ijoollee Yaaqoobii ka Israa'el jedhee waame ajajetti seera, murti'ii fi ajaja isaa hin raawwatan.
35
Rabbi isaan woliin waadaa galee waaqolee tolfamaa biraa hin sodaatinaa'a; isaaniillee hin sagadinaa'a; ciincaallee isaanii hin ciincessinaa'a jedhee isaan ajaje.
36
Garuu Rabbii irree ufii jaba'aan biyya Misiriitii isin baase sodaadhaa'a; sagada'aafille'e.
37
Seera, ajajaa fi murtii inni isinitti kenne haga bara baraa eegaa'a; waaqolee tolfamaa biraa hin sodaatinaa'a.
38
Waadaa ani isin woliin gale hin irraanfatinaa'a; waaqolee tolfamaa biraa hin waaqeffatinaa'a.
39
Rabbii waaqa keessan sodaadhaa'a; inni diintota keessan maraa jalaa isin oolcha.»
40
Isaan garuu woma dura baratan godhan malee isaa hin dhageenne.
41
Worri ormaa kun Rabbiin sodaatan; akkasuma fakii waaqa tolfamaa ufiif hojjatan waaqeffatan; ijoollee isaanii, ijoolleen ijoollee isaanii akkuma abboonni isaanii godha'aa turan isaanillee haga adhaa akkasuma godhan.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25