bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 7
2 Kings 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 8 →
1
Eelsaa'i, «Dubbii Rabbii dhagayi! Rabbi akkana jedha, boru hennaa akkanaa kana Samaariyaa keessatti qamadiin mishaan iifii sadihii yookaan garbuun iifii jahaa saqilii tokkoon bitama» jedhee deebiseef.
2
Akkuma inni kana dubbateen namichi mooticha gargaaru deebisee Eelsaa'ii nama Rabbiitiin «Uduu Rabbi foddaa Sami'ii banee midhaan akka roobaatitti gad roobsee kun sirima ta'uu hin danda'u!» jedhee shakki'iin dubbate; ati garuu hennaa Rabbi waan kana godhu ijaan argita malee midhaan kana afaaniin hin qabdu.» jedheen.
3
Balbala seensa qachatti'ii afoo namoota afurii ka dhibee gogaa kukkutuun qabamantu ture; isaan «Nu haga duunutti maaf as teenna?
4
Yoo gara qacha'aa galle beelatu nu fixa; yoo asillee teenne beelatu nu fixa; kanaafuu koottaa gara qe'ee Sooriya'aa dhandhaa; isaan yoo ka nu ajjeesanii nu haa ajjeesanii; yoo nu dhiisan hin jiraannaa» woliin jedhan.
5
Kanaan maayessa haga lafti galgalaaye qe'ee worra Sooriya'aa dhaqu'uuf deemanii hennaa daangaa isaanii gayan namni tokkollee achi hin jiru;
6
Sababaan wonti kun ta'eef Rabbi worra Sooriya'aatitti hirpha laagaa loltootaatii fi gaarii fardaa isaan dhageessifnaan isaan amma mootiin Israa'elii mootii biyya Misiriitii fi mootii biyya Keexotaa nutti bitee nu fixu'uuf ta'a» woliin jedhan.
7
Halkanuma san ka'anii daasee, farado'oo fi harriin ufii qe'ematti dhiisanii lubbuu ufii oolchu'uuf baqatan.
8
Namoonni dhibee gogaa kukkutuun qabaman sunniin dhufanii daasee isaan keessaa baqatan tokko keessa seenanii nyaatanii dhuganii achi keessaa birrii, worqi'ii fi uffata fudhatanii dhoffatan; daasee lammeesso'oo keessallee seenanii achi keessaallee fudhatanii dhoffatan.
9
Kanaan maayessa isaan, «Nu adha waan mishaa hin goone; nu adha waan guddaa argine; oduu nagayaa mishaa kana dhossinee hambisuun nuuf hin ta'u; oduu mishaa argine kana uduu hin himne haga lafti bariitutti yoo cadhifne yakkamtoota taana; kanaafuu ammuma deemnee ajajaa loltootaatitti haa himnuu» woliin jedhan.
10
Kanaan maayessa dhufanii «Gara qe'ee worra Sooriya'aa yoo dhandhu farado'oo fi harriin hidhamteertu, daaseenillee ka dhaabateeru argine; garuu laagaan nama tokkoollee achi keessatti hin dhagayamu» jedhanii nama balbala qachatti'ii eegutti himan.
11
Worri balbala qachatti'ii eegan waan guddisanii oduu odeessaniif, oduun sun haga mana mootumma'aatitti dhagayame.
12
Mootichi halkaniin ka'ee worra loltoota ajajuun «Waan worri Sooriya'aa na irratti hojjatan isinitti hima; isaan akka nu beelofneerru hin beekan; kanaafuu isaan hennaa qachaa keessaa bayan isaan qabnee gara qachattii isaanii seenna; jedhanii goda keessatti dhokachu'uuf qe'ee dhiisanii deemaniiran» isaaniin jedhe.
13
Ajajaa loltootaa keessaa namni tokko mootichaan deebisee «Baniin qachaa kana keessatti hafan akka namoota tanaan dura du'a irraa hafan sanniinii miti; kanaafuu waan ta'e beekuu akka dandeennu namoota hagoo filannee faradoo du'a irraa hafan shanan woliin haa erginuu» jedhee yaada dhiyeesse.
14
Isaan gaarii fardaa lamaan faradoo woliin fuunaan mootichi isaaniin deema'aatii isaan laalaa'a jedhee loltoota Sooriya'aa duubaan isaan erge.
15
Isaanillee isaan faana haga laga Yoordaanosii deemanii uffataa fi meeshaa worri Sooriya'aa hennaa dheessan karaa irratti gatan maraa argan; worri ergaman sunniin deebi'anii mootichatti himan.
16
Achiin maayessa baniin yaa'ee qe'ee worra Sooriya'aa saame; akkuma Rabbi dubbate daakuu qamadi'ii iifii sadihii, saqilii tokkoon, garbuu iifii jahaa saqilii tokkoon bitatan.
17
Mootichi ajajaa loltootaa ka isa gargaaru akka inni balbala eegu taasiseen; baniin garuu isa irra deeme; mootichi hennaa gara isaa dhaqu akkuma garbichi Rabbii dubbate inni ka du'eeru arge.
18
Namni Rabbiillee mootichaan, «Boru qachaa Samaariya'aatitti qamadiin mishaan iifii sadihii, yookaan garbuun iifii jahaa saqilii tokkoon bitama» jedhee isatti himee ture.
19
Guyyaa san ajajaan loltootaa sun deebisee nama Rabbii Eelsaa'iin «Uduu Rabbi samiillee banee silaa wonti kun hin ta'aa?» Jedhee ture. Eelsaa'i «Kana ijaan argita malee afaaniinuu hin qabdu» jedheenii ture.
20
Sababaan hojjataan dallawa qachaa Samaariya'aa eegu baniin irra deemee du'eef akka raanni sun isa irratti raawwatamuuf.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25