bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 10
2 Kings 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 11 →
1
Aki'aabi biyya Samaariya'aa keessatti ijoollee torbaatama qaba. Iyyuun namoota baallii qabanii fi manguddoota ijoollee Aki'aabii guddisan ka biyya Samaariya'aa keessa jiraniif xalayaa barreessee,
2
«Hennaa kana ijoolleen gooftaa keessanii gaariin fardaatii fi faradoon qachaan itti dallawamtee fi meeshaan lolaa waan isin bira jiruuf;
3
Ijoollee gooftaa keessanii keessaa nama jaalattanii fi nama itti gammaddan filadha'aatii teessoo abbaa isaa irra kaayaa'a; waan mana gooftaa keessaniitiifillee lolaa'a» jedhee gara Samaariya'aa dhaamsa erge.
4
Isaan garuu guddisanii sodaatanii mootichi Iyyooraamii fi mootichi Akaaziyaas «Mooyachuu hin dandeenna?» Jedhan.
5
Kanaafuu bulchaan mana mootumma'aa, bulchaan qachatti'ii, manguddoonni biyyaatii fi worri ijoollee Aki'aabii guddisan, «Nu'u garboota keeti; waan ati nu ajajje maraa hin goona; nu mootii uf irratti hin moosifnuu; ati waan feete godhi» jedhanii dhaamsa gara Iyyu'uu ergan.
6
Iyyuun hennaa lammeesso'ootiif deebisee, «Eega garboota kiyya taatan waan ani jedhellee eega dhageettan morma ijoollee gooftaa keessanii mura'aatii boru hennaa akkanaa gara biyya Yisiraa'elii hulee ani jiruu qabadha'aa koottaa'a» jedhee xalayaa isaanitti barreesse; hennaa san ijoolleen torbaatamman mootichaa worra isaan guddisu bulchoota qachatti'ii bira turan.
7
Isaan akkuma xalayaan sun isaan bira gayeen ijoollee mootichaa torbaatamman qabanii ajjeesanii mataa isaanii keeshee keessa kaayanii gara biyya Yisiraa'elii gara hulee Iyyuun jiruu ergan.
8
Namichi Iyyu'uu ergamu Iyyuu bira dhaqee «Mataa ijoollee mootichaa qabanii dhufaniiran» jedhee isatti himnaan inni garuu «Haga boruu balbala hulee raasaa itti gad bayanii afo'otti bakka lamatti tuula'aa kaayaa'a» jedhe.
9
Haga lafti bariite balbala dallawa qachatti'ii bira dhaabatee banii achi dhaabataniiran maraan, «Mootii Iyyooraamiin ka ajjeesisiise ana; kanaafuu isin waan kanaaf hin gaafatamtan; garuu kanniin maraa ka ajjeese eennu?» jedhee dubbate.
10
Wonti Rabbi waan mana Aki'aabii dubbate dhugaa akka ta'e amma beekaa'a; wonti Rabbi karaa raatticha ufii Eeliyaasiitiin dubbate raawwateera; tokkollee lafa hin buune!» isaaniin jedhe.
11
Kanaan maayessallee Iyyuun worra maatii Aki'aabii irraa hafan maraa, bulchoota maraa, goshoota isaatii fi gadoota nama tokkollee uduu hin hambifne Yisiraa'eliin keessatti isaan fixe.
12
Iyyuun Iyiziraa'eliin keessaa ka'ee gara Samaariya'aa deemee haga balbala tissee hoolotaa gaye.
13
Obboleewwan Akaaziyaasii mootii biyya Yihuuda'aatiin wol gayee «Isin eennu fa'a?» jedhe; isaanillee «Nu obboleewwan Akaaziyaasiiti; ammallee nu'u ijoollee mootittii Eelzaabeeliitii fi maatii mootota hafanii nagaya gaafatu'uuf gara biyya Yisiraa'elii deema'aarra» jedhanii deebisaniif.
14
Iyyuun «Namoota kanniin qabaa'a!» jedhee loltoota ufii ajaje; isaanillee isaan qabanii hulee bisaan itti kuufamu biratti namoota afurtamii lamaa fixan; isaan keessaa nama tokkollee hin hambifne.
15
Iyyuun achii ka'ee haga deeme Iyyoonaadaabii ilma Reekaabiitiin wol gayee nagaya gaafateenii «Akka garaan kiyya si woliin jiru ati fayyaalumma'aan na woliin jirtaa?» Jedhee gaafate; Iyyoonaadaabillee «Ee wolii galla» jedheen. Iyyuun deebisee, «Yoo akkas ta'e harka as kenni!» jedheenii gaarii fardaa irra baasee uf bira teessise.
16
«Akka ani waan Rabbiitiif hinaafe laali» jedheenii woliin deemanii,
17
akkuma biyya Samaariya'aa gayaniin Iyyuun nama tokkollee uduu hin hambifne fira Aki'aabii maraa fixe; sababaan wonti kun maruu ta'eef wonti Rabbi karaa garbicha ufii Eeliyaasiitiin dubbate akka raawwatamuuf.
18
Iyyuun banii Samaariya'aa maraa wolitti qabee «Aki'aabi waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu diqqoma waaqeffate; ani garuu isa caalaa guddisee waaqeffatuu barbaada.
19
Kanaafuu isin amma raattota waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu, hojjattoota isaatii fi gadoota maraa gara kiyya waamaa'a; eennullee akka hin hafne; ani waaqa tolfamaa ba'aaliif ciincaa guddaa dhiyeessu'uuf ta'a namni hafe maruu du'aan adabama» isaaniin jedhe; Iyyuun worra waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatan fixu'uuf mala kana dhaye.
20
Kanaan maayessa Iyyuun, «waaqa tolfamaa ba'aaliif ayyaana qopheessaa'a» jedhe; isaanillee hin qopheessan.
21
Iyyuun worra Israa'elii marattuu dhaamsa erge worri waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatan maruu namni tokkollee uduu hin hafne dhufanii mana waandhi tolfamaan ba'aal itti waaqeffatan seenanii ol guutan.
22
Achiin maayessa Iyyuun namicha mana meesha'aa eeguun «Hojjattoota waaqeffattoota waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffataniif uffata kenni» jennaan innillee baasee isaanii kenne.
23
Iyyu'uu fi Iyyoonaadaabi ilmi Reekaabii gara mana waaqa tolfamaa itti waaqeffatan seenanii namoonni asitti argaman kunniin worra waaqa tolfamaa waaqeffatanii fi worra Waaqa waaqeffatan tokkollee akka as keessa hin jirre adda baafadhaa'a» jedhe.
24
Yoma san Iyyuunii fi Iyyoonaadaabi ciincaa waaqa tolfamaa ba'aaliitii fi ciincaa adda addaa ka biraallee dhiyeessu'uuf seenan; uduu waan kana hin gooneen duratti Iyyuun naannaya mana itti waaqeffataniititti loltoota saddeettamaa yaasee namoota kanniin maraa ajjeesaa'a nama kanniin keessaa namni tokko akka inni dheessee bawu godhe bikka isaa namni sun hin ajjeefama!» jedhee ajaja kennee ture.
25
Iyyuun akkuma ciincaa ciinceessee ka'een yoosuu worra balbala mana qulqullumma'aa eeganii fi worra loltoota ajajuun «Namoota kanniin maraa fixaa'a isaan keessaa eennullee miliqee akka hin baane» jedhee isaan ajaje; isaanillee guraadee ufii luqqifatanii ol seenanii isaan maraa fixanii reeffa isaanii harkisa'aa gad baasan; achiin maayessa gola mana qulqullumma'aa keessa seenan.
26
Utubaawwan dhaga'aa ka mana waaqa tolfamaa ba'aaliin itti waaqeffattan diida baasanii ibiddaan guban.
27
Akka kanaan utubaa dhaga'aa caccabsanii mana waaqa tolfamaa ba'aaliillee diiganii haga adhaa huleen sun hulee fishaan itti gatamu ta'e.
28
Akkaataa kanaan Iyyuun waaqa tolfamaa ba'aalii ka Israa'eliin keessatti argamu balleesse.
29
Garuu Iyyuun jabbilee worqii irraa hojjataman ka Beeteelii fi Daaniin keessa jiranii fi cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjate irraa hin fagaanne.
30
Rabbi Iyyu'uun «Ati na afo'otti waan mishaa waan hojjatteef yaada kiyya maraa mana Aki'aabii irratti waan raawwatteef fiixaan kee haga dhaloota afurii teessoo mootummaa Israa'elii irra taa'an» jedheen.
31
Iyyuun garuu seera Rabbii waaqa Israa'elii garaa guutu'uun hin eenne, cubbuu Iyyoorbi'aamii worra Israa'elii dogoggorse irraallee hin fagaanne.
32
Bara san Rabbi worra Israa'elii gargar foowuu jalqabe; Azaahel mootichi biyya Sooriya'aa isaan mooyatee uf jala isaan taasisee ture.
33
Biyya Gala'aadii ta laga Yoordaanosiitiin cinaa baya biiftu'uutiin jirtu maraa, biyya Gaadii, biyya Minaase'eetii fi biyya Roobeelii, biyya Aarnoonii irraa jalqabee Gala'aadii fi haga biyya Baasaanii jiru maraa dhayee ta ufii taasifate.
34
Wonti Iyyuun hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
35
Kanaan maayessa Iyyuun du'ee Samaariyaa keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoo'akaazitu mooye.
36
Iyyuun Samaariyaa keessa taa'ee woggaa diddamii saddeetii worra Israa'elii bulche.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25