bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 23
2 Kings 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 24 →
1
Mootichi Iyyoosiyaas manguddoota beekkaman ka Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii waame.
2
Isaan sunniinillee gadoota, raattota, namoonni kuuwwanillee diqqaa irraa haga gugurda'aatitti gara mana woyyu'uu dhaqan; mootichi galmee dubbi'ii ka barreeffamee badee ture ka mana woyyuu keessatti argame fuudhee bani'ii dubbise.
3
Mootichi utubaa worqi'ii bira dhaabatee akka baniin Rabbiin waaqeffatan ajajaa fi ragaa isaa, seera garaa guutu'uu fi onnee guutu'uun akka eegan dubbiin waada'aa ka kitaaba keessatti barreeffame akka raawwatamu Rabbiin afo'otti waadaa gale; baniin maruu akkasuma waadaa galan.
4
Kanaan maayessa mootichi ajajaa gadootaa Keliqiyaasiin, gadoota isa gargaaran, worra balbala eegan waaqa tolfamaa ba'aalii fi hulee itti waaqeffatan waan waaqolee tolfamaa sami'iitiif hojjatame maraa akka mana woyyuu Rabbii keessaa baasan ajaje mootichi meeshaa kana maraa dhooqa Yerusaalemiin ala ka Qeedirooniititti ibiddaan gubee daaraa gara Beeteelii fide.
5
Gadoota waaqolee tolfama'aa mootonni Yihuuda'aa qachoota Yihuuda'aatii fi naannoo Yerusaalemiititti dhiyaatan maraa hulee sagadaa ka tulloota irraatitti ciincaa akka dhiyeessaniif muudaman hujii irraa ari'e; waaqa tolfamaa ba'aal jedhamee waamamu ka ormaa aduu, ji'a, adunyaa aduun irra naannoftuu fi urjiiwwanii ciincaa dhiyeessu'uun tajaajilan maraa hujii irraa ari'e.
6
Hulee itti waaqeffamu ka mukaa waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamu mana Rabbii keessaa baasee Yerusaalemiin alatti dhooqa Qeedirooniititti gubee daaraa godhee daaraa san awwaala bani'ii irratti bittinneesse.
7
Dhiira dhiira woliin sagaagalan ka mana woyyuu keessatti ittiin tajaajilanii fi gola dubartoonni waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtuu jirbii golgaa itti hojjachu'uuf fooyan diigee balleesse.
8
Gadoota qachaa Yihuuda'aa keessa jiran maraa ari'ee baase; hulee sagadaa ka tulloota irraa Geeba'aa jalqabee haga Beersaabeehii maraa hin balleesse; hulee sagadaa ka karra seensa qachatti'ii ka karaa bita'aatiin jiru seensa balbala bulcha'aa ka Iyyaasu'uu diige.
9
Gadoonni sunniinillee mana woyyuu keessatti akka hin tajaajille dhooggaman; garuu xoroshoo goshoota gadootaatii kennamu ka hin tuqamne akka nyaatan isaanii eeyyamamee ture.
10
Namni kamuu ilma ufii ka dhiiraa yookaan mucattii ufii ta intalaa waaqa tolfamaa Molookiif akka ciinca'aa godhee hin dhiyeessine Toofeetii dhooqa Heenoomii keessa jirullee battii ta'uu isaanii hubachiise.
11
Faradoo mootonni Yihuuda'aa ka waaqa tolfamaa adu'uutiif qopheessan maraa hin balleesse; fakii konkolaataa fardaa ka hulee itti waaqeffamu kana tajaajilan hin gube; wonti kunniin maruu Naataanii bulchaa armaan dura ture; kutaalee Meelek keessa jiraatu laddaa fi hulee bayaa ka balbala mana woyyu'uu biratti argama.
12
Hulee ciinca'aa maraa ka mootonni Yihuuda'aa mana manaan gubba'aa ka Akaazii irratti hojjachiisa, mana woyyuu ka Minaaseen hujjachiisellee diissisee butuchee daaraa san dhooqa Qeedirooniititti gate.
13
Akkasuma Yerusaalemiin irraa gara baya biiftu'uutitti, gaara battumma'aa irraa gara kibbaatitti waaqa Siidoona'aa ta astaaroot jedhamtu, waaqa tolfamaa Moo'aabii ka kaamoosh jedhamuu fi waaqa tolfamaa Amoonii ka mooleek jedhamu, fakiiwwan jibbisiisaa mootichi Israa'elii Solomoon hojjachiisee ture maraa akka battii ta'an hubachiise.
14
Awwaallan maraa hin butuche; muka jalatti waaqeffatan muree bakka san lafee nama du'eetiin guute.
15
Hulee ciinca'aa ka ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam Israa'eliin dogoggorsee akka cubbuu hojjatu godhe Iyyoosiyaas diigee dhagaa isaan ijaaramellee caccabsee bulleessee daaraa godhe; fakii Asheera'aallee ibiddaan gube.
16
Kanaan maayessa Iyyoosiyaas uf duuba gara galee awwaala gaara irra jiru arge; Iyyoorbi'aam hennaa ayyaanaa ladda hulee ciinca'aa hennaa dhaabatu ka waan kanniin ijaare akkuma garbichi Rabbii dubbate akkuma dubbii Rabbii namoota ergee lafee awwaallan keessaa baasisiisee hulee ciinca'aa irratti gubee battii ta'uu akka hubatan godhe; gara nama itti dubbatamee gara awwaala garbicha Rabbii gara galee laalee,
17
«Malkanni yaadanno'oo ka ani arga'aaru kun maali'i?» jedhee gaafate. Namoonni qachattii sanii, «Yihuuda'aa bayanii hulee ciinca'aa ka Beeteeliin irraa awwaala garbicha Rabbii ka waan ati goote kana dubbateeti.» jedhanii deebisaniif.
18
Inni, «Dhiisaa'a eennullee lafee akka hin tundhe!» jedhe. Kanaaf isaanillee lafee raattichaa ka Samaariyaa keessaa baye woliin lafee san dhiisan.»
19
Mootichi Iyyoosiyaas qachattii Israa'elii kamiin keessattuu hulee itti waaqeffatan ka waaqolee ormaa Rabbiin dallansiisu'uuf sababaa ta'e maraa diige; waan Beeteelitti godhe maraa hulee ciinca'aa san irratti raawwate.
20
Gadoota hulee sagadaa ka tulloota irraa bira jiran hulee ciinca'aa irratti ajjeese; lafee namootaallee hulee ciinca'aa irratti gubee gara Yerusaalemii deebi'e.
21
Mootichi Iyyoosiyaasi banii maraan, «Akkuma dubbii waada'aa ka kitaaba kana keessatti barreeffameetitti Rabbii Waaqa keessanii ayyaana faasika'aa ayyaanteffadhaa'a» jedhe.
22
Hennaa Abbootiin murti'ii biyya bulchan irraa jalqabee haga ammaa karaa mootota Israa'elii yookaan Yihuuda'aatiin ayyaanni Faasika'aa ka kana fakkaatu ayyaanteffamee hin beekkamu.
23
Garuu Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti ayyaanni faasika'aa Yerusaalemitti kabajjame.
24
Dubbiin gadichi Keliqiyaas galmee kitaabaa keessatti barreeffame dubbate akka raawwatamuuf mootiin Iyyoosiyaas worra ayyaana hamaa waamanii fi mortoota maraa, waaqolee maati'ii, waaqolee tolfamaa, meeshaa waaqolee tolfama'aatii fi meeshaa waaqoleen ormaa itti waaqeffaman maraa balleesse.
25
Namni akka Iyyoosiyaasii seera Muuse'eetii ajajamu'uun onnee guutu'uun, qalbii ufii guutu'uu fi hunna ufii guutu'uun Rabbiin tajaajile hin jiru.
26
Garuu wonti kun maruu ta'ee sababaa mootichi Minaaseen waan hamaa godheef lolli Rabbii hamaan ka Yihuudaa irratti ka'e haga adhaa hin dhaabanne.
27
Kanaaf Rabbi waan Israa'eliin irratti godhe akkasuma Yihuudaa irrattillee godha; banii Yihuuda'aa afoo kiyyaa balleessa; qachaa filadhe Yerusaalemii mana woyyuu ka Maqaan kiyya achitti waamama jedhe hin dhiisa» jedhe.
28
Wonti mootichi Iyyoosiyaas hojjate maruu kitaaba galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
29
Bara mootummaa Iyyoosiyaasii mootiin Misirii Nitaa'uun mootii Asoorii gargaaru'uuf loltoota ufii qabatee gara laga Eefraaxisii dhaqe; mootichi Iyyoosiyaas Meegido'otti loltoota Misirii ittisu'uuf lolee lola san keessatti du'e.
30
Haga inni du'een maayessa reeffa isaa garboonni isaa gaarii fardaatitti fe'anii Maagido'oo gara Yerusaalemii fidanii achitti awwaala moototaatitti awwaalame; namoonni Yihuuda'aa ilma Iyyoosiyaasii Iyyoo'akaaziin filanii muudanii bikka abbaa isaa moosisan.
31
Iyyoo'akaaz hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii sadihii ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee ji'a sadihii bulche; haati isaa ta Amixaal jedhamtee waamamtu mucattii Ermiyaasii dhalatte ta qachaa Libina'aati.
32
Iyyoo'akaazillee akkuma abboota ufii ta duraa Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate.
33
Isa mootiin Misirii ka Nikaa'uu jedhamee waamamu Iyyoo'akaaz akka Yerusaalemiin irratti hin moone Rabilaa biyya Haamaatii keessatti argamtutti hidhee baniin Yihuuda'aa gibira saqilii dhibba tokkoo fi worqii saqilii tokko akka gabbaru hennaa godhe saqiliin sun bara dhuma mootummaa Iyyoo'akaazii itti raawwate ta'e.
34
Mootichi Nikaa'u ilma Iyyoo'akaazii Eeliyaaqem bikka abbaa ufii mootii taasiseen; maqaa isaallee Iyyoo'aaqeem jedhee itti baase; mootichi Iyyoo'akaazi mooticha Nikaa'u booji'amee gara biyya Misirii dhaqee achitti du'e.
35
Iyyoo'aaqem birri'ii fi worqii mootichi Nikaa'u gaafate kaffale; waan kana kaffalu'uuf namni maruu haga ufii danda'u akka kaffalu banii gibira gaafate.
36
Iyyoo'aaqem hennaa moowu nama umurii diddamii shanii ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa kudha tokko bulche; haati isaa ta Zaabidaa jedhamtee waamamtu mucattii Faadiya'aa dhalattuu biyya Rooma'aa turte.
37
Iyyoo'aaqem akkuma abboonni isaa ta duraa waan hamaa hojjatan innillee Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25