bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 11
2 Kings 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 12 →
1
Haati Akaaziyaasii Gotoliyaan akka ilmi isi'ii du'e haga argite deemtee fiixaa mootichaa maraa fixxe.
2
Namni uduu isiin hin ajjeefne isii jalaa miliqee baye ilma Akaaziyaasii Yoo'aasiin calla'a; isallee namoota kaawwan woliin ajjeesu'uuf isatti mari'atan; garuu adaadaan isaa ta obboleettii mootichaa taate Yoosaabeeti isa dhossitee du'a oolchite; isiin isaa fi dubartii isa guddiftu waan isa fuutee kutaa hirribaa ka dallawa mana woyyumma'aa keessatti dhossiteef akka Gotoliyaan hin ajjeefne oolchiteen.
3
Inni mana isi'iititti dhokata'aa haga woggaa jahaa mana Rabbii keessa taa'e; Gotoliyaan biyya san irratti mootii taate.
4
Garuu gadichi Yoodaaheen woggaa torbeesso'ootitti worra balbala mana mootumma'aa eegan, bulchoota mana worra mootumma'aa eeganii fi ajajoota loltootaa marattuu dhaamsa ergee akka isaan gara mana woyyumma'aa dhufan taasise; achitti waan ufii godhu'uuf yaade akka isaan maarre jedhan isaan kakachiisee ilma Akaaziyaasii Iyyoo'aasiin isaanitti mudhise.
5
«Hennaa guyyaa Sambataatiin mana mootumma'aa eegu'uuf bobbayan isaan keessaa harki sadihii mana mootumma'aa haa eeguu.
6
Ka biraallee harka sadihii keessaa harki tokko balbala dallawa Suurii haa eeguu; ammallee harki sadihii ka hafe balbala worri mana mootumma'aa eeguun dudda duubaan jiru haa eeganii;
7
Worri guyyaa Sambataa balbala hin eenne ka garee lamaanii garuu akka mooticha irra rakkoon hin geenne godhu'uuf mana woyyumma'aa haa eeganii,
8
Hennaa mooticha Iyyoo'aasiin marsitanii eeddan guraadee keessan ol baafadha'aatii hulee inni dhaqu maraa isa woliin dhaqaa'a; namni gara keessan dhiyaatuu ugge maruu haa ajjeefamuu» jedhee isaan ajaje.
9
Ajajoonni dhibbaa waan gadichi Yoodaaheen jedhe maraa godhan; isaan maruu worra guyyaa Sambataa balbala mana mootumma'aa haa eegani'iif ramadamanii fi loltoota mana mootumma'aa eeganii yaa'anillee wolitti qabee hiriirsisee gara Yoodaahee gadichaa fidan.
10
Gadichi wonte'ee fi woraana Daawitii mootichaa ka mana woyyuu Rabbii keessa jiru maraa fuudhee ajajoota loltootaatitti kenne.
11
Marti isaaniituu meeshaa lolaa ka ufii qabatanii bita'aa fi mirgaan mana woyyuu hulee ciinca'aatii fi mootichallee marsanii dhaabatan.
12
Achiin maayessa ilma mootichaa gad baasanii gulloo ulfinnaa itti godhanii qajeelcha bulchiinsa mootumma'aallee itti kennanii, «Mootichi umurii dheeraa haa jiraatu!» jedha'aa harka dhayan.
13
Gotoliyaan hennaa laagaa loltootaatii fi laagaa bani'ii dhageette gara mana woyyuu Rabbii banii bira dhaxxe.
14
Akkuma achi geetteen mootichi haarofni akka aadaa baratameetitti inni utubaa balbala mana woyyumma'aa bira ka dhaabatu argite; inni hennaa san worra loltoota ajajuu fi worra xurumbaa afuufaniin marfameera; hennaa san baniin maruu gammadanii xurumbaa afuufa'aa ililfata'aa turan; Gotoliyaan guddiftee naatee uffata ufii tarsaaftee «Kun mala didda'aati; kun mala didda'aa ka na irratti dhayanii na balleessan!» jedha'aa iyyite.
15
Gadichi Yoodaaheen ajajoota loltootaatiin «Mana woyyumma'aa irraa isii fageessa'aa gara raasa'aa isii baasaa'a namoota isii faanaa deemu guraade'een ajjeesaa'a» jedhee isaan ajaje.
16
Isaanillee baasaniinii karra faradoon yaatuutiin gara mana mootichaa isii fidanii achitti tumanii ajjeesaniin.
17
Yoodaaheen mootichinii fi baniin akka banii Rabbii ta'an Rabbiin woliin akka waadaa galan taasise, akkasuma mootichinii fi baniinillee akka wolii waadaa galan godhe.
18
Kanaan maayessa baniin biyyaa maruu gara mana waandhi tolfamaan ba'aal jedhamu itti waaqeffamu dhaqanii mana inni itti waaqeffamu san diiganii hulee ciinca'aatii fi fakii isaa maraa caccabsanii Maataanii gadicha waaqa tolfamaa ba'aalii hulee ciinca'aa afo'otti ajjeesan. Yoodaaheen gadichi Rabbii worra mana woyyummaa Rabbii bulchan muude.
19
Waan kanaan maayessa gadichi ajajoota dhibbaa, worra Kaaraanii, worra balbala eeganii fi banii biyyaa maraa waamee, mooticha mana woyyuu Rabbiitii baasanii karaa balbala worra balbala eeguutiin gara mana mootumma'aa isa fidanii teessoo mootumma'aa irra isa teessisan.
20
Baniin biyya sanii maruu waan Gotoliyaan guraade'een ajjeefamteef guddisanii gammadan; qachattiinillee nagaya taate.
21
Iyyoo'aas hennaa moowu umuriin isaa woggaa torba.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25