bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 16
2 Kings 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 17 →
1
Bara Faaquheen ilmi Roomeeliyuu Israa'eliin irratti mooye woggaa kudha torbeesso'ootitti ilmi Iyyoo'aataamii Aka'aaz mootii Yihuuda'aa ta'e.
2
Hennaa mooyu umuriin isaa woggaa diddama ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa kudha jahaa Yihuudaa bulche; inni Rabbiin afo'otti akka abbaa ufii Daawitii waan mishaa hin goone.
3
Karaa hamaa mootonni Israa'elii irra deeman faana deeme; ilma ufiillee uduu hin hambifne waaqolee tolfama'aaf ciincaa godhee dhiyeesse; hennaan inni waan kana godhe hennaa worri Israa'elii gara biyya waadaa isaanii galameetitti galu'uuf uduu deema'aaran orma Rabbi biyya san keessaa buqqisee balleesse hamaa isaan hojjatan san hojjateeti.
4
Aka'aaz tullootaa fi hulee sagadaa irratti, muka jalatti ciincaa ciincessa'aa hixaanallee aarsa'aa ture.
5
Hennaa san mootiin Sooriya'aa Ra'aasoonii fi mootiin Israa'elii ilmi Roomeeliyuu Faaquheen isaan wol lolu'uuf gara Yerusaalemii dhufanii Aka'aaziin marsan; garuu isa mooyachuu hin dandeenne.
6
Bara san keessa mootiin Sooriya'aa Ra'aasoon qachattii Eelaatii gara Sooriya'aa deebise; worra Yihuuda'aa qachattii Eelaatii irraa ari'e; achiin maayessa worri Edoomii gara Eelaatii dhufanii haga adhaa isii keessa jiraata'aaran.
7
Sababaa kanaaf Aka'aaz «Ani garbicha keetii fi ilma keeti; gara kiyya koottuu harka mootii Sooriya'aatii fi harka mootii Israa'eliitii na oolchi» jedhee gara mootii Asoorii Telgeltelfelsoorii ergaa erge.
8
Aka'aaz birri'ii fi worqii mana woyyuu Rabbiitii fi ka mana mootumma'aa keessatti argame fuudhee gara mootii Asoorii erge.
9
Telgeltelfelsoor dhaamsa Aka'aaz itti dhaame fudhatee Damaasqoo uf jala taasisee mootii Na'aasooniin ajjeesee banii booji'ee gara hulee Qiir jedhamtuu fide.
10
Mootichi Aka'aaz mootii Asoorii Telgeltelfelsooriin wol gayu'uuf gara Damaasqo'oo dhaqee hulee ciinca'aa ka Damaasqoo keessa jiru arge; mootichi Aka'aaz akkaataa huleen ciinca'aa itti ijaaramee fi bifa isaa gara gadicha Ooriya'aa erge.
11
Kanaaf Ooriyaan gadichi uduu mootichi Aka'aaz deebi'ee hin dhufneen dura hulee ciinca'aa ka san fakkaatu hojjate.
12
Mootichi hennaa Damaasqo'oo dhufe hulee ciinca'aa san argee gara hulee ciinca'aa dhiyaatee isa irra baye.
13
Hulee ciinca'aa irratti ciincaa gubamuu fi midhaan ciinca'aa dhiyeessee kennaa dhuddo'oollee isa irratti jisse; dhiiga fayyumma'aa ka ciinca'aaf dhiyaate facaase.
14
Hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame ka afoo Rabbii jiru hulee woyyuu afo'oo fi mana woyyumma'aa ka Rabbii jiddu'uu baasee karaa kaabaatiin hulee ciinca'aa bira kaaye.
15
Mootichi Aka'aaz «Ciincaa gubamu ka ganamaa kennaa midhaanii ka galgalaa ciincaa mootichaa ka gubamu kennaa midhaanii ciincaa gubamu ka banii biyyaatiif ta'u hulee ciinca'aa guddicha irratti dhiyeessi; dhiiga ciinca'aa ka gubamu maraa dhiiga ciinca'aa ka biraallee itti facaasi; hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame kana anatu itti gaafatama» jedhee Ooriyaa gadicha ajaje.
16
Ooriyaan gadichi akkuma mootichi Aka'aaz isa ajaje godhe.
17
Mootiin Aka'aaz qasatoo gamaa fi gamana jiru ka hulee ciinca'aatitti ittiin tajaajilan muree luxuu cinaa isaa irraa fuudhe; saanii irratti dhiqatan ka isa irra jirullee hin fuudhe; gongaa sibiila diima'aa ka fakii sangootaa jala jiru irraa buusee dhagaa baxxicha irra kaaye.
18
Mana Rabbii ka mana mootummaa ufii keessatti ijaare irraa adda baase; mootii Asooriitiif jedhee karaa mootichaa ka diidaa gara mana Rabbii naannesse.
19
Wonti Aka'aaz hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
20
Aka'aaz du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Hisqiyaas bikka isaa mooye.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25