bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 22
2 Kings 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 23 →
1
Iyyoosiyaas hennaa moowu umuriin isaa woggaa saddeeti ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa soddomii tokko bulche; haati isaa ta Yididiyaa jedhamtee waamamtu mucattii Adaya'aa dhalattuu qachaa Baasirootiiti.
2
Iyyoosiyaas Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate; fakkeenna mishaa abbaa ufii ka Daawitii faana bu'u'uu fi seera Rabbiitii ajajamaa ta'u'uun hujii Rabbiin gammachiisu hojjate.
3
Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti ilma ilma Maasoolaamii Saafaaniin gara mana woyyuu Rabbii ergee akkana jedhe;
4
«Balbala gara mana woyyu'uu seensisu ladda dhaabatanii akka birrii banii irraa wolitti qaban gadoota itti gaafatamummaan kennameef haga ammaa birrii hagamii akka guuran mudhisu ragaa herregaa ka birrii ibsu qabii koottu» jedhaniin.
5
Birrii san itti gaafatamtoota hojjattoota mana Rabbiititti haa kennanii; isaanillee worra mana Rabbii ka diiggame ijaaraniif.
6
Worra ogeeyyi'ii fi worra muka bocan, worra dhagaa bocan, worra hulee woyyuu haarawoomsanii fi worra mukaa fi dhagaa bocame bitaaniif haa kaffalamuu.
7
Garuu worri hujii hujjisiisan amanamtoota waan turaniif akkaataa baasiin itti bawu isaan tooyachuun hin barbaachisu ture.
8
Kanaan maayessa Keliqiyaas gadichi barreessaa Saafaaniin, kitaaba seeraa mana Rabbii keessatti argeera jedhe; Keliqiyaasillee kitaaba Saafaanii kenne; innillee hin dubbise.
9
Achiin maayessa barreessaan Saafaan gara mootichaa deebi'ee, «hojjattoonni tee horii mana woyyumma'aa fuudhanii worra hujii mana woyyuu haarawoomsu'uuf muudamanitti kennaniiran» jedhee hime.
10
Itti aansee Keliqiyaas gadichi «Kitaabni ani arge kana» jedhee Saafaan mootichaa dubbise.
11
Mootichi hennaa kitaabni seeraa dubbifamu dhagayee gaddee uffata ufii tarsaase.
12
Mootichi Keliqiyaasii gadicha ilma Saafaaxii, Akiqaam ilma Mikiyaasii, Akiboor barreessaa mana mootumma'aa, Saafaanii fi garbicha mootichaa Asaaya'aa ajaja armaan gadii kenneef.
13
Anaa fi banii Yihuudaa keessa jiraatu barumsa kitaaba kana keessa jiru akka beekuu dandeennu Rabbiin nuu gaafadhu; abboonni teenna ta durii seera kitaaba kana keessatti barreeffame waan hin eenneef Rabbi guddisee nutti aareera.
14
Keliqiyaas gadichi, Akiqaam, Akaaboor, Saafaanii fi Asaayaan gara namicha uffata eeguu gara ilma Hasara'aa gara Teeqowa'aa fi gara haadha manaa Seeleemii gara Hildaanaa raattitti'ii deeman; isiinillee Yerusaalemiin kutaa lammeesso'oo keessa teettee uduu jirtu isii woliin dubbatan.
15
Isiinillee akkana isaaniin jette «Nama gara kiyya ergitanitti Rabbiin Waandhi Israa'elii akkana jedha jedha'aatii himaa'a.
16
«Rabbi Waandhi akkana jedha kunoo akkuma kitaaba mootiin Yihuuda'aa dubbiseetitti namoota as jiraatan irratti waan hamaa fida;
17
Isaan ana dhiisanii waaqolee tolfamaa ormaatiif ciincaa dhiyeessaniiran; waaqolee tolfamaa harka ufiitiin hojjatanii na dallansiisaniiranii lolli kiyya hin dhaabatu;
18
Mootii Yihuuda'aa ka Rabbiin waa gaafachu'uuf ergitaniin akkana jedhaa'a; «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha; ‹Waan dubbii dhaggeetteetiif garaan kee waan laafeef
19
Keessi kee tuqamee uf salphiftee uffata kee tarsaaftee waan na kadhatteef kadhaa kee dhagayeera;
20
Kanaafuu awwalamtee abboota keetiin wolitti eda'amta; waan hamaa ani biyya kana irratti fidu ijji tee hin argitu› » jedheen. Namoonni waan kana mootichatti himan.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25