bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Kings 24
2 Kings 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 25 →
1
Bara Iyyoo'aaqem mootii ta'ee jiru mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor biyya Yihuuda'aa marsee qabate; Iyyoo'aaqem woggaa sadihii haga isa gabbareen maayessa hennaa lammeesso'ootitti hin dide.
2
Rabbi Yihuudaa balleessu'uuf karaa garboota ufii wonti raattotaan dubbate akka raawwatamu Iyyoo'aaqemiin irratti loltoota Baabiloonii, loltoota Sooriya'aa, loltoota Moo'aabiitii fi Amoonotaa kaase.
3
Rabbi sababaa Minaaseen cubbuu hojjatee fi waan dhiiga nama qulqullu'uu jisseef Rabbi isaan afoo ufiitii balleessu'uuf wonti kun Yihuudaa irratti ta'e; sababaa kanaaf Rabbi Minaase'ee araara godhuu dide.
5
Wonti Iyyoo'aaqem hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
6
Iyyoo'aaqem du'ee bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aakinitu mooye.
7
Mootiin Baabiloonii laga Eefraaxisiitii haga biyya Misirii ta daangaa gara kaabaatiin jirtuu qabeenna Misirii maraa uf jala taasisee waan tureef mootiin Misiriitii fi loltoonni isaa achiin maayessa Misiriin alatti gara biraa hin duulle.
8
Iyyoo'aakin hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii kudha saddeetii ture; inni hulee jireenna ufii Yerusaalemiin keessa godhatee ji'a sadihii bulche; haati isaa ta Neestaa jedhamtee waamamtu mucattii Eelnaata'aa dhalattuu biyya Yerusaalemii turte.
9
Innillee akkuma abbaan isaa Rabbiin afo'otti hamaa hojjate waan hamaa hojjate.
10
Ji'oota sanniin keessa mootonni Baabiloonii Yeruusaalemiin irratti duulanii marsanii qabatan bara mootummaa Iyyoo'aakimiiti.
11
Hennaa loltoonni Yerusaalemiin marsan mootiin Baabiloonii Naabukadanatsoor gara qachatti'ii dhufe.
12
Mootichi Iyyoo'aakin haadha ufii ijoollee abboota murti'ii, ajajoota loltootaa fi worra baallii qaban woliin dhaqee worra Baabilooniititti harka kennate; Nabukadanatsoor mooyee woggaa saddeetesso'ootitti Iyyoo'aakiniin qabee hidhe.
13
Inni qabeenna mana woyyuu keessa jiruu fi ka mana mootumma'aa keessa jiru maraa wolitti qabee gara Baabiloonii fide; akkuma armaan dura dubbii Rabbi dubbateetiin meeshaa worqi'ii ka mana woyyuu keessatti mootichi Solomoon hojjachiise maraa caccabse.
14
Nabukadanatsoor banii Yerusaalemii ijoollee abboota murti'iitii fi namoota gugurdaa biraallee itti eda'e wolitti qabaa namoota kuma kudhanii booji'ee fudhate; isaan woliinillee ogeeyyii hujii harkaatii fi worra hujii sibiilaa hojjatan maraa fudhate; Yihuudaa keessatti namoota hiyyeeyyii womaa hin qabne callaa dhiise.
15
Nabukadanatsoor Ikooniyaaniin hidhee haadha isaa, haawwota biraa, worra baallii qabanii fi namoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa wolitti qabee gara Baabiloonii fide.
16
Mootiin Baabiloonii worra dhiiraa ka loluu danda'an akkasuma worra sibiila tuman namoota kuma torbaatii fi worra ogummaa hujii harkaa hojjatan kuma tokko gara Baabiloonii fide.
17
Nabukadanatsoor bikka Ikooniyaanii eessuma Ikooniyaanii ka Maataaniyaa jedhamee waamamu Yihuudaa irratti mootii taasisee maqaa isaa jijjiiree Seedeeqiyaas jedhee itti baase.
18
Seedeeqiyaas hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii tokkoo ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa kudha tokko bulche; haati isaa ta Amixaa jedhamtu mucattii Ermiyaasii dhalattu ta qachaa Libina'aa turte.
19
Akkuma Iyyoo'aakin waan hamaa hojjate Seedeeqiyaasillee Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate.
20
Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lolee isaan balleesse; Seedeeqiyaasillee mootii Baabilooniititti ka'e.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25