bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 1
Luke 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 2 →
1
Ee'ee ulfaataa fi jaalatamaa Tewofilos! Waan dubbii jidduu teennatti tolchanii namii hedduun haga dandau yaayyuu barreesse.
2
Warrii gaafa barreesse, akkuma jarii waan kana haguma duriitii gula yaa'u, ka ila ufitiin arge, odeessee nutti hime gula barreesse.
3
Tanaaf, waan anin haguma qaraa dubbii tana akka dansaa ilaalee baradheef, akka waan kana qajeelchee sii barreessu dansaa se'e.
4
Wantii anin waan kana tolchuuf akka atin dhugaa waan sii barsiisanii waan mirkana ta'e barattuuf.
5
Bara Herodis hayyuu Yihudii, balbala qaallolee Abiiya keessa qaallicha tokkootti ka Zakaariyas jedhan jira; niitii isaa maqaan Elsaabex; isiilleen balbaluma warra qaallolee keessa jirti.
6
Warrii lachuu Waaqaa duratti warra dhugaati, wallaala malee seera isaatii fi aadaa isaa cufa guutan.
7
Taatuulle ammoo, Elsaabex marroo maseena taateef, ilmee hindhale; ammallee jarii lachuu jaarrolee.
8
Gaafa tokkoo Zakaariyas guyyaan faroo isaa geennaan, hujii qaalluu Waaqaa duratti hojjachuuf dhufe.
9
Akka aadaa qaallolee guutu, hixaan isa irra bu'ee jennaan innii ka'ee hixaana Mana Waaqaa keessatti aarse.
10
Yo innii hixaana aarsuu jiru sun, namii cuftii alatti kadhachuu jira.
11
Ergamaan Aabboo isaatti mullatee, gama mirgaa fulaa hixaana itti aarsan ejje.
12
Zakaariyas arginaan rifatee na'e.
13
Ammoo ergamaan, “Zakaariyas, hinsodaatiin! Kadhachaa tantee la dhagaanii niitiin tantee Elsaabex ilma sii dhaltii, atin maqaa isaa Yoh. aannis baaftaa.
14
Innii guddoo si gammachiisa, ammallee waan innii dhalateef namii hedduun ingammada.
15
Maaliif innii Aabboo duratti nama guddaa ta'a. Daadhii fi dhugaatii nama macheesitu cufumaa hindhugu, ammallee akkuma garaa haadhaa keessaa bu'een Hafuura Qulqulloon guutama.
16
Innii ijoollee Israa'el hedduu gara Aabboo Waaqaa isaanii deebisa,
17
innii Hafuuraa fi jabeennaan Eliyaasitiin fuula Aabboo dura deema, akka garaa abbootii gara ilmaanii deebisu, ammallee akka nama Waaqaa hinsaalfaneellee qalbii warraa dhugaatti deebisee gumii Aabboo Waaqaa Waaqaa kurfeessu” jedhe.
18
Zakaariyas ergamaan, “Anin akkamiin waan kana beeka? Anin la jaaree, niitiin tiyyalleen la jaartee lulluttee” jedhe.
19
Ergamaan ammoo, “Anin Gabri'el, ka fuula Waaqaa dura ejjatu, akka oduu dansaa tana sitti himu na sitti ergan.
20
Atin ammoo waan dubbii tiyya ta eegii tanaa guutamtu dhugeeffachuu diddeef, haga wantii kun guutamtuutti afaanii duuddaa hindubbattu” jedhe deebiseef.
21
Jarii yo sun Zakaariyas eeguu sun waan innii akkana Mana Waaqaa keessatti tureef inmame.
22
Innii gad baanaan dubbachuu dadhabee, akka innii Mana Waaqaa keessatti daayya arge beekan. Dubbachuu dadhabee jennaan harka dadarbaa akeekaan itti haasa'e.
23
Guyyaan faroo isaa hobaanaan innii warra ufiitti gale.
24
Achiin duubaatti niitiin isaa Elsaabex garaachooftee, haga ji'a shanii cufa dhoffatte.
25
Isiin, “Aabboon la fafa naa didee na qarqaaree fuula namaa duratti waan dansaa kana naa tolche” jette.
26
Elsaabexii haga ulfooftee ji'a ja'aa Waaqii ergamaa Gabri'el jedhan gara biyya Galiilaa dira Naazireeti jedhaniitti erge.
27
Ergaan isaa gara intala dubraa ta namichii Yoseef jedhan, ka gosa Daawiti kadhachuu jiruu, maqaan intalaa Maariyaam.
28
Ergamaan Waaqaa gubbaa isitti dhufee nagaa fuudhee, “Atin ta Waaqii guddoo eebbisee, nageennii sii ha ta'uu, Aabboon si waliin jiraa” jedhe.
29
Maariyaam nagaa kaan dhageenaan, garaa ufii keessatti guddoo rifattee mamtee, “Kunin nagaa akkamii?” jette.
30
Jenaann ergamaan isiin, “Ee Maariyaam, hinsodaatin! Waaqii ya si eebbisee!
31
Atin garaachoofteetti ilma dhaltaa, maqaa isaa Yesus jedhii baas.
32
Innii guddaa ta'a ilma Waaqaa Guddaa jedhanii yaaman, Aabboo Waaqii hayyumaa abaaboo isaa Daawit inkennaaf.
33
Haga jiruu jireennaa hayyuu warra Yaaqob ta'a; hayyuumittii isaalleen muummee hinqabdu” jedhe.
34
Maariyaam ammoo, “Anin haga ammallee dubraa, wantii kunin akkamin taati?” jettee ergamaa gaafatte.
35
Ergamaan deebiseefii, “Hafuura Qulqullootti sitti dhufa, jabeennii Waaqaa Guddaa sitti gaadiseessa, tanaaf daa'ima qulqulloo dhalatu sun, ‘Ilma Waaqaa’ jedhanii yaaman.
36
Me laal, Elsaabex fiixaan tantee, ta qara ya maseente jedhan, amma ganna jaarumaatin ilma dhiiraa dhaluuf haga garaachooftee, kunoo amma ji'a isii ka ja'eessoo keessa jirtii.
37
Wantii Waaqii tolchuu hindandeenne tokkkoolleen hinjirtu” jedhee deebiseef.
38
Maariyaam deebicheefii, “Ee anin garbittii Aabbootii, akkuma atin jette ha naa taatuu” jette. Jennaan ergamaan ka'ee isii biraa deeme.
39
Gaafasuma Maariyaam kaatee hariitiin gara dira lafa Yihudaa ka gaarreen keessaa dhaxxe.
40
Mana Zakaariyas ol seentee, Elsaabex nagaa fuute.
41
Elsaabex nagaa Maariyaam dhageennaan, daa'imii garaa isii keessatti gammadaan taphatee, Elsaabex Hafuura Qulqulloon guutamte.
42
Qoonqoo olfudhattee lallabdee, “Nadheen cufa keessaa ya si eebbisan, ammallee daa'imii garaa kankee keessa jiruulleen ya eebbifame.
43
Ulfiinnii akkana guddaa akkamiin naa ta'e, ta haatii Aabboo kiyyaa natti dhufte?
44
Akkuma nagaa kankee dhaga'een, daa'imii garaa kiyya keessatti gammadee taphate.
45
Waan atin akka dubbiin Aabboon sitti hime guutamtu dhugeeffatteef ya si eebbisan” jette.
46
Maariyaam faarsitee, “Garaan kiyya Aabboo faarsa,
47
Hafuurii kiyyalleen marroo Qarqaarsa kiyyaatiif ingammada,
48
Waan innii garbittii ufii diqqoo qaabateef, eegii ardhaatii jalqabee dhalootii cuftii ta eebbifamte naan jedha. Ammallee marroo Waaqii ka jabeenna qabu waan jabduu naa tolcheef, Maqaan isaa qulqulloo.
50
Innii dhaloota cufa keessatti warra isa sodaatuu in na'e.
51
Innii harka ufitiin jabeenna ufii agarsiisee, warra herregaan ufii guddisuu firfirse.
52
Hayyoota ufi gugurdiftu barcumaa guddinnaa irraa kaasee warra ufi didiqqeessu ulfinnaan irra teteessise.
53
Innii warra beela qabu waan dansaan quufsee, dureeyyii harka duwwaa gusse.
54
Innii Akkuma abaaboota teennatti kakatee, hojjattuu isaa Israa'el laayyuu qarqaare;
55
Ammallee akka haga jiruu jireennaa Abrahamii fi dhaloota isaatii na'uu qaabate” jettee faarsite.
56
Maariyaam haga ji'a sadii isii waliin teettee eegee gara warra ufiitti galte.
57
Elsaabex ji'i isii hobaanaan ilma dhiira deette.
58
Ollaa fi fiixaan isiilleen akka Aabboon isii na'e arginaan guddoo isii waliin gammadan.
59
Guyyaa saddeettessoo gurbaa dhaqaanqabaa qabuu dhufan; akka maqaa abbaa gula Zakaariyas jedhanii maqaa baasuu fedhan.
60
Haatii isaa ammoo, “Akkasinitii, Yoh. aannis ha jedhanii” jettee didde.
61
Warrii ammoo, “Fiixaa teessan keessa namii maqaa akkasitiin yaaman hinjiru” jedhe.
62
Jennaan abbaa harkaan gaafatanii, “Maqaan gurbaa eennu?” jedhaniin.
63
Zakaariyas waan irratti barreessu akka kennaniif gaafatee, “Maqaan isaa Yoh. aannis” jedhee barreessee jennaan, namii cuftii mame.
64
Yoma sun arrabii isaa hiikamee, dubbatee Waaqaa faarse.
65
Ollaan cuftii sodaatee, dubbiin taan ballattee haga lafa gaarreen Yihudaa cufa dhaqabadde.
66
Namii dhaga'e cuftii garaa ufii keessa keeyyatee, “Waan dhugumaan jabeenna Waaqaa qabuuf gurbaan kun nama akkam ta'a badaa?” jedhan.
67
Abbaan isaa Zakaariyas Hafuura Qulqulloon guutamnaan himee,
68
“Aabboo Waaqii Israa'el ha galatoomuu, waan gumii ufii qarqaaree baasuu dhufeef,
69
Innii dhaloota hojjataa ufii ka Daawitii keessaa baafama takka arganii hindhaga'iin nuu kenne.
70
Wantii innii haguma duriitii afaan raagoota isaa qulqullootiin dubbate akkana,
71
akka harka nyaaphaatii fi jara nu jibbuullee jalaa nu baasuu kakate,
72
abaaboota teennaa na'uuf, waldhaqiisa isaa qulqulloo qaabate,
73
kakuu abaaboo keenna Abrahaamitti kakate,
74
akka harka nyaapha keennaa keessaa nu baasee, nu sodaa malee isaa hojjannu,
75
akka haga jirru cufa qulqulloomaa fi dhugaan fuula isaa dura jiraannu.
76
Gurbaa, sillee raaga Waaqaa Guddaa jedhanniitti si yaaman; karaa isaa midhasuuf fuula Aabboo dura indeemta;
77
akka gumii isaa waan baafamaa, ka araarama cubbuu namaa dhufuun, barsiiftu.
78
Waaqii keenna yo cufa Waaqaa naasuu; innii kaayoo ta akka aduu gubbaa nutti ibsa;
79
akka warra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiruutti ibsu, akka faana teenna karaa nagaa gula qajeelchu” jedhe.
80
Gurbaan guddatee nafaa fi Hafuuraalleen jabaatee, haga Guyyaan innii Israa'elitti ufi mullisu ga'uutti lafa gammoojjii keessa taa'e.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24