bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 24
Luke 24
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
1
Boriiyya guyyaa qaraa ka torbaan sunii guyyaa Sanbataa, baraaqa dheeraa, nadheen taan gara awwaalaa dhaxxee, waan urgooftuu midhassan geessite.
2
Dhakaa awwaala irraa gangalchan argitee,
3
keessa duunnaan reeffa Aabboo Yesus dhabde.
4
Adoo isiin waan kana mamtuu, namii lama, ka wayaa bibillixxuu qabu, tasa warra bira ejaajje.
5
Nadheen guddoo sodaattee, lafa lalaltee jennaan warrii kaan ammoo, “Maaf nama jiru awwaala keessa barbaaddan?
6
Innii arma hinjiru la ka'ee. Waan gaafa Galiilaa jiru innii isaniin jedhe qaabadhaa,
7
‘Ilma namaa harka nama dabaatti kennanii fannisanii, guyyaa sadeessoo ka'uu male’ jedhe” jedhaniin.
8
Warrii dubbii isaa qaabatee,
9
awwaala biraa yaa'ee, waan kana cufa jara kudhanii tokkotii fi jara dhibiilleetti hime.
10
Nadheen waan kana ergamtootaatti himtee, Maariyaam Magdalaa, yo'anaa, Maariyaam haadha Yaqoobiitii fi nadheen dhibii ta warra waliin jirtu.
11
Jechii kunin ammoo oduu dharaa warratti fakkaatee dhugeeffachuu didan.
12
Taatuullee Phexros ka'ee gara awwaalaa utaalee, dhaqee gajedhee awwaala keessa millatee, marduufa kaan ka kopha jiru argee, ka'ee galee, waan ta'e kana maadeffate.
13
Guyyuma sun warra keessaa namii lama gara ollaa tokko ka Emaahus jedhan, ka haga kiilometerii kudhanii tokkoo (yokaan karaa miilan haga saatii lamaa fagaatu.) Yerusaalem irraa fagaatu dhaqe.
14
Warrii waan ta'e kana cufaa waliin haassa'e.
15
Adoo walgaafatanii haasa'aanuu, Yesus warratti dhi'aatee waliin deeme.
16
Iltii warraa ammoo saphuphooftee, fuula isa wallaalan.
17
Innii warraan, “Dubbiin isan adoo karaa yaatanuu hassooftan tun maan?” jennaan, oodanii achuma ejjaajjan.
18
Jara keessaa namichii tokko, ka Qileyopha jedhan, “Namii Yerusaalem keessa jiru, ka waan dhiyoo tana achitti ta'e hindhaga'iin si qofaa?” jedhee gaafate.
19
Innii, “Waan akkam?” warraan jennaan warrii, “Waan Yesus Naazreetii, ka waan tolchanii fi waan dubbataniilleen Waaqaa fi nama cufaa duraalleetti raaga guddaa ta'e.
20
Qaallolee gugurdoo fi jarii gugurdaan lafa bulchu qorsumaatti geessee, du'a itti muranii muka irratti fannisan.
21
Nu ammoo qaraa akka innii Israa'el baasuu abdanne. Tana maleellee haga wantii kunin taatee, ardhittii guyyaa sadeessoo.
22
Ammallee, gumii teennaa keessaa nadheen garii diirama kana gara awwaalaa dhaxxee guddoo nu mamsiifte.
23
Reeffa isaa dhamnaan dachaatee, ergamtoota gubbaatti nutti mullatee, ‘Innii hinjira’ nuun jedhe” jette.
24
“Jarii garii ka nu waliin jiru gara awwaala dhaqee, akkuma nadheen jette argee, ammoo isa dhabe” jedhe.
25
Jennaan Yesus warraan, “Isan akkam daallee ka waan raagii jedhe hurriftanii hindhugeeffanne.
26
Kiristoon akkana gaargalee duuba guddinna ufii seenu hinmalee?” jedhe.
27
Haga Musee fi raagota cufaa itti keeyyatee, waan isaa ka kitaaba keessatti barreessan cufaa warraa diige.
28
Ollaa itti ya'anitti dhi'aanaan, innii akka waan dabruu fedhuu ta'e.
29
Warrii ammoo, “fulaa teenna bul, aduun la dhiyu geettee, guyyaan amma alatti hinhamne” jedhee isa sobate; tanaaf innii warra waliin buliisa ta'e.
30
Warra waliin sagalee nyaatanii tataa'anii, jennaan qixxaa fuudhee eebbisee, caccabsee qoode.
31
Jennaan iltii warraa banamtee isa beekanii, innii ammoo warra duraa miliqe.
32
Warrii, “Yo karaa keessatti nuun haasa'ee waan barreessan nuu diigee, garaan nu boba'eeyyuu?” waliin jedhe.
33
Yoma sun ka'aan Yerusaalemitti dacha'an; jara kudhanii tokkootii fi jara warra waliin jiru ka wali walda'ee,
34
“Dhugumaa Aabboon yaayyu ka'ee, Simoonitti mullate” jedhu argan.
35
Jennaan warrii waan karaa keessatti ta'e haasa'e; akka innii qixxaa cabsee jennaan warrii isa beeke.
36
Adoo warrii waan kana haasa'uu, Yesus jidduu warraa ejjee, “Nageeni isanii ha ta'uu” jedhe.
37
Warrii waan ekeraa arge se'ee sodaatee na'e.
38
Innii ammoo warraan, “Maaf naatan? Maaf garaa keessan keessatti birreeffattan?
39
Akka namii na'aa harkaa fi miila kiyya laalaa, ana matuma kiyya! Mee na qabadhaa laalaa, akka ekeraan akka kiyya kana nafaa fi lafeellee hinqamne inbeettanii” jedhe.
40
Akkas jedhee harkaa fi miila garsiise.
41
Warrii waan guddoo gammadee mameef, akkanan dhugeeffachuu dadhabee, innii, “Waan nyaatan armaa qabduu” jedhee gaagate.
42
Warrii qurxummii diqqqoo tokko ta waddan itti kennee,
43
innii fuudhee warra duratti nyaate.
44
Duuba innii warraan, “Tunin dubbii tiyya ta anin adoo isan waliin jiruu, wantii kiyya ta kitaaba seera Musee, ka raagootaatii fi ka Faaruu keessatti barreessaniilleen cuftii guutamuu malte jedhee isanitti hime” jedhe.
45
Jennaan innii akka waan barreessan hubatan, qalbii warraa banee,
46
Wantii barreessan tana; “Kiristoon gaargalee guyyaa sadeessoo du'aa ka'uu male,
47
akka irraa deebii fi araarama cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii itti keeyatanii gosa cufaatti himuu malan.
48
Isaniilleen dhugaa waan kanaati.
49
Kunoo, waan Abbaan kiyya isan abdachiisee anin isanii ergaa; ammoo haga jabeennii gubbaa isanii gadhufuutti dira keessatti eegaa” warran jedhe.
50
Jennaan haga Bitaaniyaa warra geessee, harka lachuu olfudhatee warra eebbise.
51
Innii adoo warra eebbisuu jiruu biraa deemee gubbaatti oldeebi'e.
52
Jennaan warrii isa ulfeessee, gammadaan Yerusaalemitti dacha'ee,
53
yo cufaa Mana Waaqaa keessatti Waaqaa faarse.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24