bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 18
Luke 18
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 19 →
1
Jennaan Yesus akka namii guyyaa cufaa Waaqaa kadhachuu hinlakkimne, mammaassa kana warratti himee,
2
“Nama dubbii qoru tokkotti ka Waaqaa fi namaallee hinsodaanne dira tokko keessa jira.
3
Ammallee dira sun keessa niitii hiyyeettii tokkotti jira, ta guyyaa cufaa gara isaa dhaxxee, ‘Nama tokkootti na dabsee, dubbii tana naa laali’ jettuun.
4
Guyyaa hedduu didee, eegee ammoo garaa ufii keessatti, ‘adoo Waaqaa fi namaallee sodaachuu baadhee,
5
waan niitiin tun na gaargalchituuf, akka isiin yo cufa dhuftee na hingaargalchine anin dubbii isii inqora’ ” jedhe.
6
Jennaan Aabboon, “Waan namichii jallaan dubbii qoruu kunin jedhu dhagaa!
7
Waaqii warra ufii foohate, ka halkaanii guyyaa isa yaammatu, hindubbatuufii? Innii hurrisee hinqarqaaruu?
8
Anin isanitti himaa, innii hurriseetti dhugaa warraa qora. Ilmii namaa ammoo yo dhufee, dhugeeffachaa lafaatti argaa?” jedhe.
9
Yesus mammaassa kana jara garii ka ufii dhugeeffatee qulqulloo ufi sehee biyya tuffatuutti himee,
10
“Namii lama Waaqaa kadhachuuf Mana Waaqaa olduude, warrii namicha fariisicha tokkoo fi namicha qaraxa guuru tokko.
11
Namichii Fariisichii kaan kophaa ejjee garaa ufii keessatti Waaqaa kadhatee, ‘Ee'ee Waaqa, anin waan akka nama dhibii, saamtuu, jallaa, shaarmuxa, yokaan akka namicha qaraxa guuruu kana hinta'iniif si galateeffadha.
12
Torbaan tokko keessatti marroo lama agaba, waan argadhu cufaa keessaa qooda kudhaneessoo sii baasa’ jedhe.
13
Namichii qaraxa guuruu kaan ammoo, fagoo ejjee, ila lafa buusee laphee qabatee, ‘Anin cubbichaa Waaqaa naa nahi!’ jedhe.
14
Anin isanitti himaa, namichii kun namicha kaan irra qajeelaa ta'ee mana ufiitti gale, wantii akkanatiif namii ufi guddisuu indiqqaata, namii ammoo ufi diqqqeessuu inguddata” jedhe.
15
Akka Yesus harka isa irra kaa'ee eebbisu biyyitii ijoollee didiqqoo isaattiin dhuftee, jarii isaa ammoo waan kana arginaan dhowwe.
16
Yesus ammoo ijoollee ufiitti yaamee, “Ijoolleen ha gara kiyya dhuftuutii, hindhowwinaa, Mootummaan Waaqaa ta warra akka ijoollee tanaa jiruutii.
17
Dhugumaan isanitti himaa, namii Mootummaa Waaqaa akka ijoollee didiqqoo hinfudhannee haguma jiru hinargatu” jedhe.
18
Jennaan namichii bulchaa tokko, “Abbaa dansaa, akka jireenna barbaraa argadhu, anin maan tolchuu male?” jedheee isa gaafate.
19
Yesus ammoo deebiseefii, “Maaf dansaa naan jetta? Waaqaa tokkocha malee namii dansaan tokkoolleen hinjiru.
20
Atin seera inbeetta, ‘Nadheen namaa hinbaratin, nama hinijeesin, hinhatin, nama tokkollee dharaan hinhimatin, haatetii abbeetii saalfadhuu!’ ” jedhe.
21
Innii ammoo, “Waan kana cufaa haguma ijoollummaa tiyyaatii jalqbee ya guute” jedhe.
22
Yesus tana dhageennaan namichaan, “Ammallee waan tokkootti sirraa fittatee, waan qabdu cufaa gurgurii, hiyyeeyyii qoodi, gubbaa horii argattaa, duuba deebi'ii, na gula kootti!” jedheen.
23
Namichii ammoo waan guddoo dureessa ta'eef waan kana dhageennaan guddoo laaleffate.
24
Yesus waan kana arginaan, “Dureeyyiin Mootummaa Waaqaa argachuun guddoo jabduu!
25
fulaa dureeyyiin Mootummaa Waaqaa argattuu yo gaalii qaa'a limmee keessaan dabre irra laaftuu” jedhe.
26
Warrii dhaga'e kaan, “Eentu baafamuu danda'a ree?” jedhe.
27
Innii ammoo, “Wantii namaan hintaane Waaqaan intaati” jedhee warraa deebise.
28
Jennaan Phexros isaan, “laal, nu ya waan cufa lakkimnee si gula yaanee” jedhe.
29
Yesus ammoo warraan, “Anin dhugumaan isanitti himaa, Namii marroo Mootummaa Waaqaatii jedhee mana yokaan niitii, obboleeyyan yokaan haadhaa abbaa yokaan ijoollee ufii, lakkisee,
30
ammaantana waan guddoo hagas irraa argata, eegii tanaallee jireenna barbaraa argata” jedhe.
31
Yesus jara kudhanii lamaanuu kophaatti yaamee, “Nu Yerusaalemitti olqabanna, duuba wantii ilma namaa ka raagootii barreesitte cuftii inguutamti.
32
Warii garii isa qabee harka warra Yihudii hinta'initti kennee, gooyyessanii, arrabsanii, hancufa itti tufanii,
33
lichoon dhaananii ijjeessanii, innii ammoo guyyaa sadeessoo du'a keessaa ka'a” jedheen.
34
Warrii ammoo waan jecha kana warra dhossaniif waan kana keessaa tokkoollee hinhubanne, dubbii Yesus dubbateellee hinbeenne.
35
Yesus Yerikootti dhi'aannaan namichii ballan tokko dhaattuu karaa taa'ee wa kadhate.
36
Gumii guddoo karaa suniin dabartu dhageennaan, “Maalti akkana ta'uu jira?” jedhee warra dabruu jiru gaafate.
37
Warrii itti himee, “Yesus Naazireetiitti karaa kana gula dabruu jira” jedheen.
38
Jennaan innii lallabee, “Yesus ilma Daawitii, naa na'i!” jedhe.
39
Warrii isa dura yaa'uu ammoo, “callisi!” jedhee isa dhowwe, innii ammoo hagasiillee irra lallabee, “Ilma Daawitii, naa na'i” jedhe.
40
Jennaan Yesus miila dhaabatee, “Nattiin koottaa!” jedhee, innii dhumnaan,
41
“Anaa maan sii tolchu feeta?” jedhee gaafate; innii deebiseefii, “Aabboo lafa arguu fedha” jedhe.
42
Yesusiilleen, “Lafa argi! dhugeeffachaan tantee la si fayyiftee” jedheen.
43
Yoma sun lafa argee, Yesus gula deemee Waaqaa galata galchee, namii cuftii arginaan Waaqaa faarse.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24