bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 6
Luke 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 7 →
1
Guyyaa Sanbataa tokko, adoo Yesus oobruu keessa ba'ee dabruu jiruu, jarii isaa midhaan harkaan xuruuratee sukkuumatee nyaate.
2
Jennaan fariisotii garii, “Isan maaliif waan seerii keenna dhowwuu guyyaa Sanbata tolchitan?” Warraan jette.
3
Yesus deebiseefii, “Isan waan Daawiti gaafa beela'e jara waahela isaa waliin ta'e hindubbimnee?
4
Innii Mana Waaqaa olseenee, qixxaa Waaqaa baasan, ka silaa qaallollee malee namii tokkoolleen nyaachuu hinmaliin, fudhatee nyaatee waahela ufiitii qoode” jedhe.
5
Jennaan Yesus, “Ilmii namaa abbaa Sanbataati” warraan jedhe
6
Guyyaa Sanbataa tokko dhibiillee Yesus mana waldeennaa seenee barsiise. Nama tokko ka harkii mirgichii rifateetti achi keessa jira.
7
Jara seera beekuu fi Fariisotiilleen waan silaa Yesusiin himatan barbaaduuf, mee akka innii guyyaa Sanbataatiin nama fayyisu laala jedhanii isa eegan.
8
Innii ammoo herrega warraa beekee, nama harkii rifate kaaniin, “Kootti, arma ejji” jedhee namichii ka'ee ach ejje.
9
Jennaan Yesus warraan, “Anin dubbii tokko isan gaafadhaa seerii keennaa guyyaa Sanbataa maal akka tolchiinuu nu ajajja? Guyyaa Sanbataa waan dansaa moo waan hamtuu tolchan? Lubbuu namaa inoolchan moo inijeesaan?” jedhe.
10
Warra lalaalee nama kaaniin, “Harka kankee diriirfadhuu” jedhe. Namichii harka diriirfatee jennaan fayye.
11
Warrii kaan ammoo guddoo dallanee waan silaa Yesus tolchan walgaafate.
12
Gaafasumaa Yesus gaara tokko koree, halkan tokko cufaa Waaqaa kadhachaa bule.
13
Laftii bariinaan jara ufii yaamee, nama kudhanii lamaa keessaa foohatee, maqaa warraa ergamtoota jedhee baase.
14
Maqaan isaanii Simoon (ka innii Phexros jedhee moggaase), Indiriiyas obbooleessa isaa, Yaaqoob, Yoh. aannis, Filiphos, Bartolomewos,
15
Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Simoon ka “Nama lafa ufii jabeessu” jedhamee beekame,
16
Yihudaa ilma Yaaqoobtii fi Yihudaa Keriyot ka Yesus gurgure.
17
Yesus warra waliin gaara irraa gad bu'ee diida tokko keessa jara isaa ka hafeellee waliin ejje. Ammallee gumiin guddoon muummee hinqabne ta Yerusaalem, ta lafa afaan galaana Xiroosii fi Sidooniilleen akka dubbii isaa dhageettee dhukkuba fayyituu gara isaa dhufte,
18
Namii jinniin gaargalchiteelleen infayye,
19
ammallee waan jabeennii isa keessaa ba'ee warra cufa fayyiseef gumiin cuftii isa tuquu feete.
20
Yesus jara ufii millatee, “Gammadaa isan warrii hiyyeeyyiin, Mootummaan Waaqaa teessanii!
21
Gammadaa isan warrii amma beela qabu, isan quufsanii! Gammadaa isan warrii amma boottan, eegii tanaa inuma kofaltanii!
22
Yo namii marroo maqaa ilma namaatiif jedhee, isan jibbee, isan gussee, isan arrabsee, maqaa keessaniillee waan hamtuun balleesse isan la badhatan.
23
Guyyaa sun gammadaa, qiliixamaa olcecce'aa; wantii akkanatiif waan guddoo gubbaa argatan. Abaabootii warraalleen akkasuma durii raagota tolchite.
24
Ammoo gaargalii keessan dureeyyii, qooda keessan ka gammadaa la argattanii.
25
Gaargalii keessan warra amma quuftan, eegii tanaa inbeeloftanii. Gaargalii keessan warra amma kofaltan, eegii tanaa laleffattanii boottanii.
26
Gaargalii keessan yo namii cuftii isan saadu, maaliif abaabootii warraalleen akkasuma raagota dharaa saadde” jedhe.
27
Yesus itti dabree, “Ammoo warrii na dhageettaan waan anin isanitti himuu, ‘nyaapha keessan jaaladhaa, nama isan jibbuu waan dansaa tolchaa’ isaniin jedha.
28
Nama isan abaaruullee eebbisaa, ka isanitti jallateellee kadhadhaa!
29
Nama boqoo tokko si dhabanaasuu taallee dura qabadhuu; nama kootii tantee sirraa fudhatuu hubbaaraallee hindhowin!
30
Nama wa si kadhatu cufaa kenni, ammallee nama wa sirraa fudhatu irra hinbarbaadin!
31
Akkuma akka namii waan dansaa isanii tolchu feetan, akkasuma namaallee waan dansaa tolchaa!
32
Yo nama isan jaalatu callaa jaalattan eebba tam argattan? Warrii cubbooleelleen nama warra jaalatu jaalata.
33
Yo nama waan dansaa isanii tolche callaa waan dansaa tolchitan eebba tam argattan? Namii cubbichiilleen akkasuma tolcha.
34
Ammallee yo nama waan innii isanii deebisuu seetan callaa wa liqeessitan, eebba tam argattan? Warrii cubbooleelleen akkasuma warra isaanii deebisaan se'uu wa liqeessaa.
35
Isan ammoo nyaapha keessan jaaladhaa; waan dansaa tolchaaf; liqeessaaf; ammoo homaa irraa hineegatinaa! Duuba waan guddoo argattanii, ilmaan Waaqaa guddaa taatanii, maaliif innii warra galata hinbeennee fi warra cubbooleellee in na'aaf.
36
Akka Abbaan keessan ka gubbaa namaa na'u isaniilleen namaa na'aa!” jedhe.
37
“Namaatti hinmurinaa, Waaqiilleen isanitti hinmuruu; wallaala namaatti hinmurinaa, Waaqiilleen wallaala isanitti hinmuruu; namaa araaramaa, Waaqiilleen isanii araaramaa.
38
Wa namaa kennaa, Waaqiilleen isanii kennaa; waan kiila dansaan gad miicaanii safaraanii sullee irraan dambala'aa harka keessanitti naqan. Homa isan namaa safartaniin isaniillee safaraan” jedhe.
39
Yesus ammallee warratti mammaakee, “Ballaan danda'ee ballaan deemaa? Warrii lachuu boolla keessatti hinjiguu?
40
Namii barsiisan nama isa barsiisu irra hinjiru. Ammoo namii cuftii gaafa wa baraate qixxe nama isa barsiisee ta'a.
41
Atin maaliif huuba ila obbooleessa keetii keessa jiru laalta? Ka ufiiftuu jirma ila tantee keessa jiru hinargine;
42
Yokaan akkam dandeettee obbooleessa keetiin, ‘Aaddaa, eegii, huuba ila tantee keessaa sii fuudhaa’ jetta, ka ufiiftuu jirma ila tantee keessa jiru hinargine? Dharticha, qaraa jirma ila tantee keessaa fudhadhu; yoos akka dansaa huuba ila obbooleessa kankeetii keessa jiru argitee keessaa fuutaafii” jedhe.
43
Yesus barsiisa isaa itti dabree, “Mukii dansaan midhaan hamoo hinbaasu, yokaan mukii hamaan midhaan dansaa hinbaasu.
44
Muka cufa midhaan isaatiin beekan; midhaan odaa waaccuu irraa hinguuran, yokaan midhaan zabiibuu makkaniisa irraa hinguuran.
45
Namii dansaan dansooma garaa isaa keessaa waan dansaa baasa; namii hamaalleen hammeenna garaa isaa keessaa waan hamtuu baasa, wantii akkanatiif waan garaa jiraa arrabii dubbata” jedhe.
46
Yesus ammallee ittuma dabree, “Isan ka waan anin isaniin jedhu hinguunnee maaliif, ‘Aabboo, Aabboo’ naan jettan?
47
Nama natti dhufee dubbii tiyya dhagayee guutu cufa, waan innii fakkaatu isan agarsiisa.
48
Innii nama mana jaaree, lafa qotee, gad fageessee, dhakaa gubbaatti yayyabe fakkaata. Bokkayii guddaan roobee lolaasee dhawaan mana sun dhooftee, marroo akka dansaa jaaraniif, chochoosuu dadhabde.
49
Ammoo namii dubbii tiyya dhaga'ee hinguunne nama fulaa biyyee laftuutti, adoo yayyaba hinkaayin, mana jaare fakkaata. Dhawaan mana sun guddoo irreen dhooftee jennaan yoma sun jige. Jigansii mana sunii waan guddaa” jedhe.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24