bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 15
Luke 15
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 16 →
1
Duuba jara qaraxa guuruu fi warrii cubbooleen akka seeraatti hin bulle cuftii dubbii isaa caqasuuf gara Yesus dhi'aate.
2
Fariisootaa fi jarii Seera beeku ammoo, “Namichii kunin warra cubboolee yaamee sagalee waliin nyaata” jedhanii gunguman.
3
Jennaan innii mammaassa kana warratti himee,
4
“Isan keessa, namii hooliyyee dhibba tokko qabu, ka yo tokko keessaa badde sagaltamii sagallan taan dheedaatti lakkisee tokkocha bade sun, haga argatutti, barbaada hindeemne eennu?
5
Yo argate, gammadee gurmuu irra keeyatee,
6
warratti galchee, jaallan isaatii fi ollaa isaa walti yaamee, ‘Koottaa, na waliin gammadaa! Hoola kiyya ka bade kaan ya argadhee’ jedha.
7
Anin isanitti himaa, akkuma sunii, nama sagaltamii sagalii qajeelota waan irraa deebi'u hinqamne irra, yo namii dabaa tokko cubbu irraa deebi ee, gammadii guddaan gubbaa jira” jedheen.
8
“Yokaan niitii tamiitti ta qarshii kudhan qabdu, yo tokko irraa bade ibsee bobeesittee mana hartee haga argattuutti akka dansaa hinbarbaanne?
9
Duuba yo argatte, jaallan isiitii fi ollaa isii walti yaamteetti, ‘Waan qarshii tiyya ta badde argadheef koottaa, na waliin gammadaa!’ jette.
10
Anin isanitti himaa, yo namii tokko ka cubbuu qabu cubbuu sun irraa deebi'uu ergamtootii Waaqaa akkasuma gammaddi” jedhe.
11
Ammallee Yesus, “Durii nama tokkootti ka ijoollee lama qabu jira.
12
Maandhichii abbaan, ‘Aabboo, horii handhuuraa kiyyaa naa qood!’ jedhe. Jennaan innii horii warra lachuuyyuu qoode.
13
Adoo haguu hinturinuu, ilmii maandhichii handhuraa ufii cufaa gurguree, beesseetti deebisee, ka'ee lafa fagoo dhaqe; achitti marroo tokkoonuu horii ufii cufaa karaa maleen nyaatee balleesse.
14
Eegii innii waan qabuu cufaa hobbaase, beeltii hamtuun lafa sun dhuftee, harka duwwaa hafe.
15
Hujjii barbaadachuu gara namicha lafa sunii tokko dhaqee jennaan, ‘Booyyee tissi’ jedheen.
16
Innii beela'ee ufi jibbaatee jennaan, qola booyyeen nyaattu nyaachuu fedhe; ammoo namuu homaa itti hinkennine.
17
Badii ufii arginaan garaa ufiitiin, ‘Hojjattootii abbaa kiyyaa hagamiitti sagalee quufee hambisa? Ka anin armaatti beelaan du'u.
18
Eegii ka'eetti gara abbaa kiyyaa galee, Aabboo, anin sii fi Waaqaa duraalleetti yaayyuu wallaalee,
19
armaa achi ilma kankee naan jechuu hinmallee, akkuma nama sii hojjatuu na herregi’ jedhanii.”
20
Duuba ka'ee gara abbaa ufii galiisaa itti dhaabate. “Ammoo adoo innii fagoo dhufuu jiruu, abbaan isaa, isa argee na'eefii, fuula keessa utaalee qaaceraatti mamaraatee dhungate.
21
Ilmii isaa kaan ammoo, ‘Aabboo, anin sii fi Waaqaa duraalleetti yaayyuu wallaale. Armaa achi ilma kankee naan jechuu hinmale’ jedheen.
22
Abbaan ammoo hojjattoota ufiitiin, ‘Hurrisaa wayaa wayaa cufa irra dansaatin koottaa, isaatti uyyisaa, qubee quba isaatti kaa'aa, kopheellee miila isaatti naqaa.
23
Jibicha gabbaan koottaa qalaa, nyaannee gammannaa.
24
Wantii akkanatiifii, ilmii kiyya kunin qara ya du'e, ammoo amma la ka'e, qara ya badde, ammoo amma la gale’ jedhee, duuba gammadaan jila tolfatan.”
25
“Ilmii angafittichii kaan yo sun oobruu keessa jira. Adoo galuu manaatti dhi'aannaan, sirbaa fi tapha dhaga'e.
26
Jennaan hojjataa tokko yaamee, ‘Wantii kunin maan?’ jedhee gaafate.
27
Gurbaan deebiseefii, ‘Obboleessii kankee gallaan, waan innii nagaa fayyaan galleef abbee Jibichaa gabbaa kaan qale’ jedheen.
28
Ilmii angafittichii kaan ammoo dallanee olseenuu dide. Abbaan itti gad ba'ee isa sobatee, ‘Olseen’ jedheen.
29
Innii ammoo deebisee abbaan, ‘laal! Anin ganna hedduu kana cufa akka tissee sii hojjadhee, seera kankee tokkoollee hincabsine, atin ammoo akka anin jaallan tiyya waliin gammadu, ilmee ree'eellee takka naa hinkennine.
30
Ammoo ilmii kankee kunin, ka horii kankee shaarmuxa irratti hobbaase, dhumnaan atin jibicha gabbaa kaan qalteef?’ jedhe.
31
Abbaan isaa ammoo, ‘Gurbaa, atin yo cufaa na waliin jirta, wantii kiyya cuftii keetuma.
32
Akkii nu gammada tolchinu fulaa, wantii akkanatiifii obboleessii kankee kunin qara ya du'e, ammoo amma la ka'e, qara ya bade, ammoo amma la gale’ ” jedhe.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24