bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 10
Luke 10
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 11 →
1
Eegii waan kanaa Aabboon nama torbaatamii lamaa dhibii foohatee, gara diraa fi lafa dhaquu fedhuu cufa lama lamaan ufi dura erge.
2
Innii warraan, “Midhaan muran guddoo, namii muruu ammoo diqqaa; tanaaf akka nama midhaan muruu oobruutti erguu, abbaa midhaanii kadhadhaa.
3
Amma beenaa, karaa qabadhaa, anin akka ilmoolee hooliyyee yayii keessa isan ergaa.
4
Kareerisa hinfudhatinaa, subba yokaan kopheellee, nama karaatti argitan nagaa hinfuudhinaa.
5
Mana seentan cufaan qaraa, ‘Waaqii nagaa isanii kenninnaa’ jedhaa.
6
Yo namii nagaa fedhu ach jiraatee, nageennii keessan isa waliin taa'a; ammoo yo hinjirree isanitti deebi'a.
7
Manuma sun keessa tataa'aa, waan isanitti kennan cufa nyaadha-dhugaa, wantii akkanatiif namii wa hojjatuu wa argachuu male. Mana dhibii hinduudinaa.
8
Dira duuddan cufa yo isan yaaman, waan isanii kennan cufa sooradha;
9
nama ach keessaa ka fayya hinta'in, fayyisaa, ‘Mootummaa Waaqaa la isanitti dhi'aatte’ jedhan.
10
Dira keessumooma irraa hinargatin cufa ammoo, karaa isaa gula yaa'aa,
11
‘Awwaara dira keessan keessaa ta faana teennatti qabatteellee nu ufi irraa haxoomna, ammoo akka Mootummaan Waaqaa dhi'aatte beekaa’ jedhan.
12
Anin isanitti himaa, guyyaa muummee lafaa, dirii Sodoma dira sun irra gooma” jedheen.
13
Yesus itti dabree “Gaargala kankee dira Koraaziin! Gaargala kankee dira Betsayidaa! adoo silaa hujii gugurdoo isan keessatti tolchan sun Xiiroosii fi Sidoon keessatti tolchanii, warrii ardhaa kalee cubbuu irraa deebi'ee bututtuu naqatee daaraa keessa hintataa'in.
14
Ammoo gaafa qorsumaa Waaqii fulaa isaanii na'uu, dira Xiroostii fi ka Sidoonitii na'a.
15
Dira Qifirnaahom, ati Waaqaa gubbaatti ufi olfuudhuu feetaa? Ammoo qilee si buusan!” jedhe.
16
Jara isaatiin ammoo, “Nama isan dhaga'uutti nallee dhagaa, ka isan diduutti nallee didaa; ammallee ka na diduu nama na erge didaa” jedhe.
17
Jarii torbaatamii lamaa kaan gammadaan dacha'ee, “Aabboo, jinniilleen maqaa keetiin nuu sarmiti” jedhe
18
Yesus ammoo deebisee, “Anin Sheexana akka hangaasuu gubbaa gad bu'uu arge.
19
Caqasaa! Wantii tokkoolleen isan hintuxxu anin akka isan bofaa fi qaanjibbuu irra ejjattan, ammallee irree nyaapha cufa irra ejaajjattaniin yaayyu isanii kenne.
20
Waan jinniin isanii sarmituuf hingammadinaa, ammoo marroo maqaa keessan gubbaatti barreessaniif gammada” jedhe.
21
Yoma sun innii gammada Hafuura Qulqullootiin, “Aabboo, Abbaa lafaa fi gubbaa, waan atin waan kana warra qaroo fi warra wa beeku dhossitee ijoollee didiqqoo garsiifteef galata sii galcha. Ee'ee Aabboo, wantii akkana kun gammada kankeeti” jedhe.
22
“Abbaan kiyya yaayyu waan cufa natti kenne; Abbaa malee namii tokkooleen ka ilma beeku hinjiru, ammallee ilmaa fi nama ilmii garsiisuu fedhu malee namii Abbaa beeku hinjiru” jedhe.
23
Jennaan Yesus jara ufiitti garagalee dhossaan, “Iltii waan isan argitan agartuu ta badhate,
24
wantii akkanatiif anin isanitti hima, raagotaa fi hayyootii hedduun waan isan argitan kana arguu feetee ammoo dadhabde, ammallee waan isan dhageettan kana dhaga'uu feetee ammoo dhaga'uu dadhabde” jedhe.
25
Jennaan namiichii seera beeku tokko, olka'ee Yesus laallachuuf, “Aabboo, akka jireenna barbaraa argadhu maal tolchuu male?” jedhee gaafate.
26
Yesus ammoo deebisee, “Seera keessatti maal barreessan? Akkamiin dubbicha?” jedhee isuma gaafate.
27
Namichii itti himee, “Aabboo Waaqaa kankee garaa kankee cufaan, lubbuu tantee cufaan, jabeenna kankee cufaan, qalbii tantee cufaan jaaladhu; ammallee ollaa kankee akka ufi jaalattu jaaladhu” jedhe.
28
Jennaan Yesus, “Akka dansaa deebifte, akkana tolchi, duuba lubbuun injiraattaa” jedheen.
29
Namichii seeraa ammoo nama qulqulloo ufi tolchuu fedhee, “Ollaan kiyya eennufaa?” Yesusiin jedhe.
30
Yesus deebiseefii, “Namii tokko Yerusaalemii ba'ee adoo gara Yerikoo deemuu; karaatti harka saamtuu seenee, wayaa isa irra baafatanii, mataa dhoosanii, isa cichuu ga'ee lakkisanii biraa yaa'an.
31
Akkuma tasaa qaallichii tokko karaa sun ba'ee, isa arginaan irraa goree bira ba'ee dabre.
32
Akkasuma namichii gosa Lewwii tokkoolleen fulaa sun dhufee isa arginaan, irraa goree bira ba'ee dabre.
33
Namichii lafa Samaariya tokko ammoo, adoo karaa deemuu isaan ba'ee, isa argee jennaan na'eefii,
34
isaatti dhi'aatee, madaa isaa dhadhaa fi qorsa dibee hidheefii, gaangee ufii gubbaa kaa'ee, mana keessumatin dhufee achtti isa qarqaare.
35
Boriyya qarshii lama (haga beessee didaamaa) baasee abbaa manaatti kennee, ‘Isa qorqoraadhu, waan ati itti dartee baafte cufaa, anin yo deebi'ee isii baasaa’ ” jedhe.
36
Yesus itti dabree, “Warra sadeen kana keessaa eennuutti namicha harka saamtuu seene sunii ollaa seeta?” jedhee gaafate.
37
Namichii seeraa beeku sun deebiseefii, “Namicha na'eef sun se'a” jedhe. Jennaan Yesus, “Atinilleen beenii, akkas tolchi” jedheen.
38
Yesus adoo jara isaa waliin deemuu, ollaa tokko seenee, niitiin tokko ta Maartaa jedhan mana ufiitti isa yaamte.
39
Isiin obbooleettii Maariyaam jedhan tokko qabdi; Maariyaam miila Yesus jala teettee dubbii isaa caqafte.
40
Maartaan ammoo guddoo waan gololaa ka qopheesituun gaargaltee jennaan, gara isaa dhuftee, “Aabboo, akka obbooleettiin tiyya waan gololaa cufa natti lakkifte hingartuu? ‘Deemii isii qarqaar’ jedhiin” jette.
41
Aabboon ammoo deebiseefii, “Maartaa, Maartaa, atin waan hedduun ufi gaargalchitaa,
42
wantii fedhan ammoo tokko callaa. Maariyaam yaayyuu waan irra dansaa foohattee, isii irraa infuudhan” jedhe.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24