bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 5
Luke 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 6 →
1
Gaafa tokkoo, adoo Yesus dhaattuu galaana Genesaarexii ejjuu, gumiin dubbii Waaqaa isa irraa dhaga'uu feetee adoo wal dhidhiibduu isaatti buute.
2
Innii hoboloo lama ka guurtuun qurxummii keessaa yaatee xuruuraa dhiqachuu dhaxxe galaana biraatti arge.
3
Jennaan hoboloo Simoon keessa seenee Simooniin, “Hoboloo tana diqqoo lafa irraa bisaan keessa hiissi” jedheenii, hoboloo keessa taa'ee biyya barsiise.
4
Dubbii buufannaan Simooniin, “Hoboloo wadhakkaa bisaaniitti hiissi, akka qurxummii qabattan xuruuraa buusi” jedhe.
5
Simoon ammoo deebisee isaan, “Aabboo, nu halkan edaa cufa guddoo hojjannee dadhamnee, ammoo tokkoollee hinarganne, ammoo waan atin jetteef anin xuruuraa inbuusa” jedhe.
6
Akkas tolchinaan qurxummii hedduu qabanii, xuruuraalleen cituu ga'e.
7
Waaheloota warraa ta hoboloo dhibii keessa jirtu harkaan yaamanii, “Nu qarqaaraa” jedhaniin. Warrii dhufee hoboloo lachuu qurxummiin guutee, hoboloon diqqumaa hinlixin.
8
Simoon Phexros waan ta'e kana arginaan jilba Yesusitti jigee, “Aabboo anin cubbichaa na biraa deem!” jedhe.
9
Mar. roo qurximii hedduu qabaniif, isaa fi warrii isa waliin jiruulleen cuftii guddoo mame.
10
Waahelii Simoon ilmaan Zabdewosii Yaaqobii fi Yoh. aannisiilleen dubbii tana akkasumaa maman. Yesus Simooniin, “Hinsodaatin, armaa achi atin nama guurtaa” jedhe.
11
Hoboloo ufii afaan galanaatti hirkisanii artumaatti lakkisanii ka'anii Yesus gula yaa'an.
12
Eegii sunii, adoo Yesus dira tokko jiruu namii tokko, ka qomaaxaan nafa cufa balleesite, Yesus arginaan addaan duratti jigee, “Aabboo, yo feete, na qulqulleessuu indandeeta” jedheenii kadhate.
13
Jennaan Yesus harka dheereffatee isa tuqee, “infedhaa qulqulla'i” jedheenii yoma tokkoon qomaaxaan irraa badde.
14
Yesus ammoo, “Nama tokkoolleetti hinhimiinii, ammoo dhaqii qaallicha ufi garsiis, duuba akka aadaa seera Musee gula sooriyoo qalii akkasiin akka qulqulloofte nama cufa garsiis” jedheen.
15
Gurrii isaa ammoo haga qaraallee irra lafa cufa ga'ee, gumiin guddoon akka isa caqaftuu fi akka dhukkuba fayyituu gara isaa dhufte.
16
Innii ammoo guyyaa garii fulaa namii hinjirre dhaqee Waaqaa kadhate.
17
Gaafa tokkoo, adoo innii nama barsiisuu jiruu, Fariisootaa fi jarii seera beekuu ka ollaa cufaa ka Galiilaa, ka lafa Yihudaatii fi dira Yerusaalemillen dhufee waliin tataa'an.
18
Jarii tokko nama kokottaa'e tokko wasaasaan baatee dhufeenii, akka Yesus dura kaa'an, olseensisuu fedhe.
19
Ammoo marroo guddinna gumiitiif fulaa seenaniin dhabanii jennaan, mana gubbaa koranii guutuu mana saaqanii wasaasaa waliin jidduu biyyaa keessatti Yesus duratti mana irraa gad buusan.
20
Dhugeeffachaa warraa arginaan Yesus namicha fayyaa hinta'in kaaniin, “Abboo, cubbuu tantee la sii araaraman” jedhe.
21
Jennaan jara seera beekuu fi Fariisotii, “Namii akkana Waaqaatti muratuu kuniin eennu? Waaqaa malee, eentuu danda'ee cubbuu namaa araarama?” jettee walgaafatte.
22
Yesus ammoo herrega warraa arginaan, “Maaliif garaa keessan keessatti akkana herreddan?
23
Cubbuu tee la sii araaraman jechuu fi ka'ii deem jechuu tamiitti irra laftuu?
24
Ammoo akka anin ilmii namaa lafa tana irratti cubbuu namaa araaramuuf humna qabuu beekaa!” jedhe. Duuba innii namicha kokottaa'e kaaniin, “Anin sitti himaa ka'ii, wasaasaa tantee fudhadhuu, mana keetti gal!” jedheen.
25
Yoma sun innii olka'ee, fuula warraa duratti wasaasaa fudhatee ka'ee Waaqaa galata galichaa mana ufiitti gale.
26
Namii cuftii maadeffatee guddoo sodaatee Waaqaa galata galichee, “Ardha waan mamaa la argine” jedhe.
27
Achiin duuba Yesus adoo alaatti ba'ee deemuu jiruu, nama qaraxaa guuru ka Lewwii jedhan tokko adoo innii fulaa qaraxa itti guuran taa'uu argee, “Na gula kootti” jedheen.
28
Jenaan innii waan cufa lakkisee ka'ee isa gula deeme.
29
Jennaan Lewwiin mana ufii keessatti sagalee guddoo isaa dhaabee, nama hedduu ka qaraxa guuruu fi nama dhibiillee sagalee waliin nyaate.
30
Fariisotaa fi jarii seera beekuulleen waan jara isaa gungumanii, “Isan maaliif warra qaraxaa guuruu fi warra cubboollee waliin nyaattanii dhuddan?” jedhani gaafatan.
31
Yesus deebisee, “Nama fayyaa dhabe malee, namii fayyaa qabuu cirreessa hinbarbaadu.
32
Anin akka cubbichii cubbuu irraa deebi'u yaamuu dhufe malee, nama qajeelaa yaamuu hindhumne” jedhe.
33
Warrii isaanii, “Ergmtootii Yoh. aannisitii fi ta Fariisotaalleen marroo hedduu ufi agabsiteetti Waaqaa kadhatti, ergamtootii tantee ammoo nyaattee dhuddi” jedhan.
34
Yesus ammoo, “Yo abbaan fuudhaa achi jiruu keessumaa fuudhaa agabsuu indandeettanii? Hiyyoo.
35
Ammoo guyyaan indhufa ka abbaa fuudhaa warra biraa fuudhan, gaafas jarii isaa inagaba” jedhe.
36
Yesus mammaassa kanaallee warratti himee, “Namii wayaa haareettii tarsaasee wayaa dullattiitti erbu hinjiru. Yo akkas tolche, wayaa haaraa tarsaasa, wayaan haaraa fi dulattiin wal hindhaxxu.
37
Namii daadhii oowwituu gorjoo dullattiitti naqu hinjiru; yo akkas tolchan daadhiin oowituun gorjoo dullatti tarsaaftee jiddi, gorjoolleen inbaddi.
38
Tanaaf daadhiin oowwituun gorjoo haareettii malte.
39
Ammallee namii daadhii turtee dhugee daadhii oowwituu yoma sun fedhu hinjiru; innii, ‘Ta turte suniitti irra dansaa’ jedha” jedhe.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24