bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 20
Luke 20
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
1
Gaafa tokkoo, adoo Yesus Mana Waaqaa keessatti oduu dansaa haasa'ee nama barsiisuu jiruu, qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku maanguddoota biyyaa waliin isaatti dhufee,
2
“Atin jabeenna kamiin waan kana tolchita yokaan eennutti jabeenna kana cufa sii kenne? Nutti himi!” jedhaniin.
3
Innii ammoo isanii deebisee, “Anilleen gaafii tokko isan gaafadhaa, natti himaa!
4
Cuuphan Yoh. aannis Waaqaa irraa dhufte moo nama irraa dhufte?” jedhee gaafate.
5
Warrii wal mari'atee, “Yo nu, ‘Waaqaa biraa dhufte’ jennee, ‘Maaf hindhugeeffatiinaa ree?’ nuun jedha.
6
Ammoo yo nu, ‘Nama biraa dhufte jennee, namii cuftii waan akka Yoh. aannis raagaa beekuuf dhakaan nu haadhaa’ waliin jedhe.
7
Tanaaf warrii, ‘Nu gara isiin dhufteef hinbeennu’ jedhee deebiseef.”
8
“Jennaan Yesusiilleen, ‘Anilleen jabeenna waan kana tolchuun isanitti hinhimu’ ” jedheen.
9
Jennaan Yesus mammaassa kana biyyatti himee, “Namii tokko oobruu weynii oobree, warra hojjatee, isa waliin qoodatuutti lakkifatee, lafa dhibii dhaqee ture.
10
Muraansii geennaan akka innii midhaan oobruu isaa galchuuf hojjataa tokko warra hojjattootaatti ergee, ammoo hojjattootii isa dhantee harka duwwa galchite.
11
Innii hojjataa dhibiillee ergee jennaan isaallee dhananii ceersanii harka duwwaa galchan.
12
Ka sadeessollee ergee isaallee mataa dhoosanii alatti darbatan.
13
Abbaan oobruu weynii, ‘Anin maal tolcha? Eegii mee isafaa saalfatanii ilma kiyya ka jaaladhu itti ergaa’ jedhe.
14
Hojjattootii taan ammoo isa arginaan, ‘Kunin ilma dhaaluu, koottaa, inijjeemnaa, akka dhaalti teenna taatu’ jettee walmari'atte.
15
Jennaan oobruu weynii keessaa alatti baasanii ijjeesan. Abbaan oobruu weynii maan warra tolcha duuba?
16
Innii dhufeetti hojjattoota taan balleessee oobruu nama dhibiitti kenna” jedhe. Biyyitii waan kana dhageennaan, “Waaqii tana oolchinna!” jette.
17
Yesus ammoo gara warraa millatee, “Ree wantii ‘Dhakaan ijaartuun tuffattee didde, yaayyuu dhakaa cufa irra jabaa ta'e.
18
Namii dhakaa sun irratti jigu incaccaba, namii dhakaan sun irratti jiguulleen inbututa’ jedhanii barreessan maal jechuu?” jedhe.
19
Qaallolee gugurdoo fi jarii seera beekuulleen, waan akka Yesus mammaassa kana warraaf jedhe beekuuf yoma sun isa qabuu fedhee, ammoo biyya sodaate.
20
Warrii akka silaa dubbii afaan isaa fuudhee harka nama ardaa sun fiduutti isa kennu, doo'aa nama nagaa fakkaattee isa caqachuu itti erge.
21
Warrii sun isa gaafatee, “Barsiisaa, akka atin waan dhugaa dubbattee nama barsiiftu nu inbeenna, namii cuftii sii haga tokkotuuyyuu, karaa Waaqaa akkuma dhugaa nama barsiifta.
22
Tanaaf hayyuu Roomaa Qiisaarii gibira baasuun nuu, aadaa moo aadaaniti?” jedheen.
23
Yesus ammoo kijiba warraa arginaan,
24
“Me, qarshii tokko na garsiisaa! Mat. aa fi maqaa eennutti irratti barreessaa qaba?” jedhee jennaan, “Ka Qiisaarii” jedhan.
25
Jennaan Yesus, “Yoos, waan Qiisaar Qiisaarii baasaa, ka Waaqaa Waaqaa baasaa” jedhe.
26
Warrii dubbii suniin nama duratti isa qabuu dadhabee ammoo jecha isaa mamee callise.
27
Saduqootii garii ta, du'aa ka'uun injirtu jettu, gara Yesus dhuftee,
28
“Barsiisaa, akka Museen barreesse gula, yo obboleessii namaa ka niitii qabu du'ee, ammoo ilmaan hinqamnee, obboleessii isaa niitii sun dhaalee obbooleessa ufiitii ijoollee dhalchu male.
29
Duuba, obboleeyyan torbaatti jira, ka qaraa niitii fuudhee, ilmee malee du'e.
30
Jennaan ka lammeessotii fi
31
ka sadeessolleen isii fuudhanii, torbaanuu akkasuma ilmaan malee dhumatan.
32
Eegee, niitiilleen doote.
33
Torbaanuu ya isii fuutee, gaafa warrii durii du'e ka'uu, isiin niitii eennuu taati?” jette.
34
Yesus warraa deebisee, “Dhiiraa fi nadheen lafa tanaa walfuuti,
35
ammoo dhiiraa fi nadheen, takkaa tanaa du'a keessaa kaassanii, haga barabaraa, jiraattu wal hinfuutu.
36
Warrii akka ergamtoota gubbaa jiraa, deebi'ee hindu'u. Warrii waan du'a keessaa kaassaniif ijoollee Waaqaati.
37
Ammoo akka warra du'e kaasan, Muuselleen fulaa waan gurbii bobeettuu barreesse taanitti, waan Aabboo dubbatee, ‘Innii Waaqaa Abrahaam, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqoob’ jedhee ya garsiise.
38
Innii Waaqaa warra du'eetiinitii, ammoo ka warra jiruuti, wantii akkanatiif namii cuftii isa biraatti hindoonee in jira” jedhe.
39
Jarii seera beeku ka garii deebisee, “Aabboo, akka dansaa jette” jedheen.
40
Duuba itti deebi'anii gaafii dhibii isa gaafachuu sodaatan.
41
Yesus ammoo, “Namii akkam, ‘Kiristoon ilma Daawit’ jechuu dandaa?” jedhe warra gaafate.
42
“Daawitiiyyuu kitaaba Faaruu keessatti, ‘Waaqii Abbaa kiyyan, haga anin nyaapha kankee barcumaa miila keetii tolchuutti gama harka kiyya ka mirgaa taa'i’ jedhe.
44
Daawitiiyyuu, ‘Aabboo isaan’ jedhee, duuba Kiristoon akkam danda'ee ilma isaa ta'a ree?” jedhe.
45
Adoo namii cuftii dhaga'uu, innii jara ufitiin,
46
“Jara seera beeku ka wayaa dhedheertuun yayaa'uu fedhu, ka fulaa gabaatti akka nagaa fuudhan fedhu, ka mana waldeennaa keessatti dura taa'uu fedhu, ka yo sagalee waliin nyaatan barcumaa dansaa fedhu,
47
ka mana nadheen hiyyeeyyiitii wa nyaatuu, ka kijibaan kadhachaa dhedheertuu kadhatu eegadhaa! Yakkaa takka hinargiin warratti murani” jedhe.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24